Gaazexeessituu Beteliheem Taaffasa: 'Hojii miidiyaa fi kitaaba barreessuudhaan bahee mul'achuun barbaada'

Suuraa Beetii fi qola kitaaba barreessite

Madda suuraa, Bethlehem Tafesse

Sagantaa gaaffifi deebii 'LTV Show' jedhamu irratti dubbii namoota siyaasaa fi kanneen biroo waliin gooteen beekamtii kan horatte gaazexeessituu Beteliheem Taaffasa (Beetii)n kitaaba jalqabaashee dubbistootaan geesseetti.

Waa'ee kitaabbichaa fi dhimma biroo irratti BBC waliin turtii kan taasifte Beetiin, kitaaba Afaan Amaaraa mata dureen isaa' Inennaa Ye LTV Misxirochee' jedhu kana barreesuuf ji'oota 10 akka itti fudhate himte.

Kitaabni Beetiin barreessite waa'ee maaliiti?

"Kitaabichi sagantaa [LTV irra ture] sanaan kan walqabatu ta'ee, dhimmoota daawwataa bira hin geenye irratti xiyyeeffata,'' jechuun Beteliheem Taaffasaa BBCtti himte.

''Sababni iccitii jedhameefis dhimmoonni kitaaba kanarratti barraa'an hedduun waan aniifi keessummoonnikoo qofti beekan irrattiidha,'' jetti.

Sagantaa gaaffiifi deebii dhiheessaa turte kanarratti keessummoota 70 caalan waliin gaaffiifi deebii akka taasiftee fi kitaaba kana keessatti garuu dhimmi keessummoota muraasaa qofti akka barraa'es dubbatti.

Kitaabni amma dubbistootaan geesse kuni Afaan Amaaraatiin kan barraa'e ta'us, afaanota biroo kan akka Afaan Oromoo, Sidaamaa fi Walaayitaatti akka hiikamuuf hojjechaa jirraachuus himte.

Hojiin miidiyaa fi kitaaba barreessuun hawwii ijoollummaa hedduu qabu keessaa warra naaf milkaa'anidha kan jettu Beetiin, hojiiwwan gartuun tokko qofti ittiin dhaadatan keessa seenee mul'achuun barbaada jechuun dubbatti.

"Biyya kanatti gartuun wayii 'nu qofa barreessaan, nu qofa daldalaan, nu qofarraa waan hundi bareeda' kan jedhaniin qabamee jira. Warra kanaaf dantaa hin qabu.

''Dirree akkanatti gartuun tokko ittiin dhaadatu kanan cabsee seenuu barbaada. Kana keessatti olollii fi duulli amma duraa namudachuu mala. Kanaaf harka hin kennu," jetti.

Fuula duratti kitaabota biroo hedduu barreessuuf fedhii qabaachuulleen BBC'tti himteetti.

Beetiin Sagantaa gaaffiifi deebii LTV irratti dhiheessaa turte sababa dhaabbaticha waliin waliigaluu hin dandeenyeef jecha akka adda kutte ji'ootan dura BBC'tti himtee turte.

Abbaan qabeenyaa miidiyichaa Luba Dr. Gammachiis Dastaa yeroo sanatti BBCtti akka himanitti, komii gaazexeessituun kun kaastu furuuf yeroo adda addaatti yaalii gochaa akka turan himan.

''Beetiiidhaaf ammas balballi keenya banaadha,'' jechuun wayita san dubbatan.

Beetiin sagantaa gaaffiifi deebii jaalattu kana karaa miidiyaa biraatiin akka deebitu yeroos himtee turtus, eegasii sababa kitaaba kana barreessuu fi dirreen siyaasa biyyattiis jijjiramaa turreefu jecha akka jirtu himteetti.