'Sammuu atakaaroo siyaasaa fi rakkoodhaan dhiphate boqochiisuufan sirba jaalalaa baase'- Artist Shukrii

Shukrii Jamaal

Madda suuraa, Shukrii Jamaal/FB

Oromiyaa Godina Baaleetti dhalatee, kutaalee Oromiyaa adda addaa keessa jiraachaa akka guddate kan himu Artist Shukrii Jamaal yeroo ammaa magaalaa Landan keessa jiraata.

Maatii horatee ijoollee sadii qabaachuu kan himu weellisaan tibbana wallee haaraa mata dureensaa ''Ammuma'' jedhu kilippiin erga hojjetee booda, duubdeebii miira walmakaa qabu keessummeessaa jira.

Sirbi haaraan kun wayita beeksifamu namoonni wallee qabsoo se'anii turan, haalaanis eegamaa ture.

Erga gadhiifamee namoonni gariin, biyyi waraanaa fi hongeen wayita raafamaa jirtu sirbi jaalalaa maaliif dursa argate jechuun weellisicha qeeqan. Haata'u malee walleen kun namoota hedduudhaanis jaal'atameera.

Wallee haaraa baase kana sababeeffachuunifi dhimmoota kaan irratti haasawuuf, guyyaa Kamisaa kallattiin gaazexeessituu BBC Aslii Galgaloo wajjiin turtii taasiseera.

Artist Shukriin duubdeebii kennameef irratti wayita yaada kennu, ''uummata kiyya galatoomaa, garaa keessa walbeekna,'' jedhe.

Dabaluunis: ''Uummanni kiyya waan na jaallatuuf yaada naaf kenne. Waan narraa barbaadu argachuu waan qabuuf. Garuu kunis kanuma isaati. Oromoon jaalallee ni beeka,'' jechuun walleen jaalalaas Oromoof akka barbaachisu hime.

''Gaaffiin uummataa sirriidha, garuu isa gaafatame asiin durallee hojjedhee jira, ammallee nan hojjedha. Sirba qofa osoo hin taane gochaanis uummata kiyya waliin hirmaataan jira.''

Artist Shukriin albama guutuu hojjechaa jiraachuu fi kana keessattis haala uummanni keessa jiru - beela, biyyaa baqachuu, ajjeechaa rakkoo hamtuu uummata harkaa qabu irratti xiyyeeffachuu hime.

Uummata ''qilleensa siyaasaan sammuunsaa faalamee boqonnaa dhabe'' kana aartiidhaan boqochiisuun ammoo akkaan barbaachisa jedhe Artist Shukriin.

''Wallees ni hojjenna, darbinee qabsoo keessattis qabatamaan ni hirmaanna. Uummanni yeroo mara waa'ee siyaasaa fi rakkootiin onneensaa akka hin gogne ammoo waan jaalalaas ni dhiyeessina.''

''Jaalalli bu'uura waan hundaati, bakka jaalalli jiru tokkummaan jira. Yoo jaalalli hin jirre homtuu hin jiru,'' jedhan Artist Shukriin.

Weellisaa Shukrii Jamaal

Madda suuraa, Shukri jemal

Walleesaa keessatti Shukriin kilippiirratti hin mul'anne, kunimmoo yoo walleewwan biyyoota alaa taate malee artistoota Oromoo biratti hagas mara baratamaa miti.

Kanaan walqabatee yaadonni garaagaraa wallee kanarratti karaa miidiyaa hawaasaa kennamaa turan.

Shukriin garuu akkaataa walleen sun itti hojjetamerraa gammachuu qabaachuu hime.

''Biyya kanatti baratamaadha. Nama dhiisanii ashaangulliitiidhaanillee hojjechaa jiru. Mul'achuu dhabuun koo hagas mara dhiibbaa hin uumne. Ijoolleenillee diraamaa haala gaariin hojjetan,'' jedhe.

Fooyya'iinsa gama wallee Oromoon yeroo dhiyoo as mul'achaa jiru akka dinqisiifatuu fi kanaafis artistootaa fi uummata Oromoo galateeffate.

''Artistoonni Oromoo gootota. Lubbuu kennanii hojjetu. Aartii Oromoo qofa kan gargaarsa hin qabne. Kan guddataa jirus tattaaffii artistootaan qofa. Isaanuma walcina dhaabbatanii waan danda'anii gochaa jiru. Haalli amma jiru hojii itti aanuuf hamilee guddaa nuuf ta'a,'' jedha Shukriin.

Walleen haaraan namoota dubbisiise albama guutuu keessaa ba'ee kan kilippiin itti hojjetame ta'uu kan hime Artist Shukriin, fuuldura kanattis walleewwaan lama akkanaan gadhiisuuf akka jiru hime.

Komii uummataa ilaalchisuun yaada kenneen, ''wanti uummati jedhu hunduu sirriidha, uummata kiyyaaf hanga lubbuu kiyya aarsaa gochuutti waan narraa eegamu nan godha. Rakkoo guddoon biyya goolaa jiru inni guddaanuu uummata dhagahuu dhabuudha,'' jedhe.

Beeksisa sirba Ammuma

Madda suuraa, Vision Entertainment

Wallee haaraan waa'ee jaalalaa akka ta'e beekama, namoonni garuu hiika biraa qaba jedhanii shakku.

Shukriin ammoo sirbi tokko akka abbaan itti hiikkatetti hiika garaagaraa qabaachuu mala jedha.

''Ani akkan itti yaadetti dhiyeesseera. An waanan dabarsuu barbaade, lamaan-sadan tokko yaadeen hojjedhe. Isaan ammoo gara isaaniif mijatetti hiikkatanii ittiin yaa bashannan.''

Walleewwan isaa hedduuf walaloo akka barreesse kan himu Shukriin, ''garuu warra na caalaa barreessanirraa fudhachuun filadha. Irra guddaa yeedaloo baasuutu naaf mijata,'' jedhe.

Shukriin walleewwan warraaqsaa, kan aadaa fi jaalalaan beekama.

Kanas haala qabatamaa uummatichaarratti hundaa'uun akka hojjetu hime, fakkeenyaaf sirbasaa alanaa kaase.

''Namoonni hedduun sirba jaalalaa kan Afaan biraan hojjetame yeroo caqasan quban qaba. Sirba kiyya jaalalleesaanii affeeruu fedhanii-sirba qabsoo qofa ta'e kan jedhanii naaf barreessan turan. Kanaafan sirba jaalalaa hojjechuuf murteesse.''

''Uummanni keenya akka waan weellisaan Oromoo sirba qabsoo qofa hojjechuu malee sirba jaalalaa hojjechuu hin beekneetti ilaaleera, kanaafuu sirba jaalalaas hojjennee agarsiisuu qabna,'' jedhe Shukriin.

Shukriin sirba haala uumanni keessa jiru ibsu - keessattuu waa'ee balaa hongee yeroo ammaa irratti hin sirbine jedhamee qeeqame, inni garuu asiin durayyuu sirbee akka ture hime.

''Ammas walleedhaan ni hojjenna, wallee qofa osoo hin taane qabatamaanis dhimma rakkoo hongee hawaasa keenyaa irratti ni hojjenna. Wallee ba'u waliin sirbuu qofa osoo hin taane hojiidhaan agarsiisuu barbaachisa. Osoo tokko taanee, waan dubbanne hojiitti hiiknee nutiyyuu waliif ni geenya,'' jechuun dhaamsa dabarse.