Bulloo: 'Namaaf sagalee ta'anii bu'aasaa arguu caalaa wanti nama gammachiisu hin jiru' - Yoosan Geetaahun

Artist Yoosan Geetahuun

Madda suuraa, Wallee 3Obsa irraa kan fudhatame

Artist Yoosan Geetahuun walleewwan kilippiidhaan hojjete kanneen akka ‚'Keenya yeroon, Sossori, Waatu jira waatu, 3Obsa'' jedhamaniin yeroo dhihoo as weellisaa beekamaa jiruudha.

Sirbi inni dhiheenya baase 3Obsa jedhu namoota hedduun ilaalameefi weelisichi akkaan akka beekamu kan godheedha.

Artist Yoosan godina Kibba Lixa Shawaa Aanaa Sanqalleetti dhalatee mana barumsaa tokko kaasee hanga sadarkaa lammaffaatti magaalaa Tulluu Boolloo Mana Barumsaa Fiitawuraarii Habtegoorgis Diinagdeetti barate.

Mana barumsaa sadarkaa lammataa erga xumuree Yuunivarsiitii Jimmaa seenee barnoota aartii, akkasumas barnoota 'Business Adminstratuion'' jedhamuun digirii lamaan eebbifame.

Eebbifamee wayita ba'u waggaa tokkoof Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa keessa erga hojjetee booda walleewwan miira hawaasaa, jiruufi jireenyaa hawaasaa mul'isan hojjechuutti fuulleffate.

Wallee 3Obsa…bifa haaraan ajandaa ta'e

Walleen Artist Yoosan Geetahuun kan mata-dureen 3Obsa jedhu erga gadhiifamee ji'oota muraasa keessatti namoota miiliyoonaan lakkaa'amaniin ilaalameera.

Walleen kun tibbana Jawaar Mahammad dabalatee erga hidhamtoonni siyaasaa mana hidhaatii gadhiifamanii as irra deebiin daawwatamaa jira, miidiyaa hawaasummaarratti namoonni baay'inaan maqaa sirba kanaa kaasu.

Odeessaalee walitti dhiyaatan:

Artist Yoosan kanarratti wayita miira isaa ibsu, kan yeroo sirbicha baase tureefi miirri amma itti dhagahame adda adda ta'uu hima.

''Wayita hojjennee gadi dhiisnu akka nama duulaa bobba'eeti. Inni amma jirummoo akka nama mirgaan galeeti.''

Artistiin nama sagaleensaa ukkamameef sagalee ta'ee hojjeta waan ta'eef, namaaf sagalee ta'ee bu'aasaa akka waanan argadheettin ilaala jedhe Yoosan.

''Wanti sagaleessite dhageettii argatee wanta barbaadde arguu caalaa wanti nama gammachiisu hin jiru, miirri isaas tokko miti,'' jechuun sirbi isaa haga kana fudhatama argachuun akka hamilee isatti hore hima.

Ergaa wallee 3Obsa jedhu wayita ibsu, ilma namaaf of-eeggannoo sadii kennitee sana dabarraan waan hamaatti akka deemu ibsuuf jedhe.

''Sunsumni sadi-wal utubee waa baata. Tokko keessaa hir'isnaan wanti irra keessu ni jiga. Of-eeggannoonis saditu kennama. Gorsis sadi, kanaan achi namummaadhaa baafta. Tarkaanfiin kee kan of-eeggannoofi gorsaa olii ta'a jechuudha,'' jedha Yoosan wayita ergaa walleesaa ibsu.

''Kanaafuu akka sabaatti lama obsinee, sadi obsinee-fiixeerra jirra yaada jedhu ibsuufani.''

''Sirna siyaasaa darberraa kaanee haala uummata keenyaa wayita ilaallu, uummanni obsee dadhabnaan futtaafachuuf jira, tarkaanfiitti deema ergaa jedhu of keessaa qaba.''

Bulloon maali?

Artist Yoosan Geetahuun

Madda suuraa, Sirba 3Obsa irraa kan fudhatame

Weellisichi wallee kanaaf mata-duree 3Obsa jedhu kennus, namoonni garuu wallee kana maqaa ''Bulloo'' jedhuun kaasu.

Artist Yoosan sirbichi maqaa ''Bulloo'' jedhuun beekamuusaatti mufachuu baatus akkamiin akka wallee kana moggaase akkanaan ibsa.

''Osoo sirbi kun istuudiyoo keessaa hin ba'in akka namni 'Bulloo' jechuunii danda'u tilmaameen ture. Garuu 3Obsa kan jedhu kunimmoo waa'ee Bullootiin walqabatee ergaan dabarsuu barbaade sirnaan kan ibsuudha.''

Bulloon farda beekamaa Oromoon ofitti yookiin namatti aansee jaallatuudha kan jedhu Yoosan, ''Uummanni ergaa kiyya sirriitti waan hubateef gammadeera,'' jedhe.

''Osoon keessa kootii baasee kallattiidhaan maqaa hin waamin, hidhamtoota siyaasaaf sagalee ta'uu koo waan sirriitti naaf hubataniif akkaan gammadeera.''

Artist Yoosan kilippiisaarratti farda adii mul'isaa Bulloo jedhee weellise jechuun namoonni wayita sirbi kun ba'u qeeqaa turan.

Artist Yoosan, ''Uummanni yaada kana kaasuunsaa dogoggora miti. Dhugaatti Bulloon farda diimaa booqaa adii addarraa qabuudha.

Fardi maaf kophaa kaata kan jedhurratti kanan kilippiirratti mul'ise isa kophaa kaatuudha malee Bulloon mana hidhaa ture. Bulloon kan barbaadamaa jiruudha malee kan kilippiirratti mul'ate miti,'' jechuun ibse.

Gumaata walaloo fi yeedaloo

Artist Yoosan hojiiwwan dalagu irra jireessaan walaloo fi yeedaloo ofumaaf akka qopheeffatu hima.

Wallee Artist Taaddalaa Gammachuu mata dureensaa ''Bara Baraan'' jedhu kan tibbana kilippiidhaan hojjetamee fudhatama guddaa argate dabalatee weellistoota hedduuf walaloo akka gumaaches hima.

Artistoota akka Dabbabaa Addamaa-Dibaabee, Margituu Warqinaa-Obomboleettiifi Amma yeroon, Andu'aalam Gosaa-Michuu dhugaafi Gadaatu keeti, Kan Taaddalaa Bara Baraan jedhuu fi artistoota hedduuf walaloo fi yeedalloo qopheessuu hime Artist Yoosan.

Ammas hojii hedduu akka of harkaa qabuu fi aartistoota hedduuf gumaachuun aartii Oromoo guddisuuf karoora akka qabu hime.

Daa'ima waggaa lamaa ta'een sirba jaallachuu jalqabe

Artiin kennaadha malee waan barataniif qofa hin argatan kan jedhu Artist Yoosan, ofiisaatii dandeettii fi jaalala aartii ijoollummaan keessa ture barnootaan gabbifachuun milkaa'uu hime.

''Daa'ima waggaa lamaa ta'ee jaalala sirbaa akkan qabu maatiin kiyya natti himaniiru. Egan of barees kutaa ja'arraa eegalee bakka sirbi jiru hunda deemee shaakalaan ture,'' jedhe.

''Abbaan kiyya barnoota koorratti akkan cichu waan fedhuuf anis barnoota kiyya osoo hin gadhiisin baradhee ergan Yuuniversitii seenee barnoota aartiin baradhe.''

Artist Yoosan Yuniversitii Jimmaa kan seene barnoota ''Business Administration and Information System'' jedhamuun, garuu fedhi qaburraa ka'uun barnoota ''Oromo Folklore and Literature '' jedhamu dabalataan barate.

''Aadaa, seenaa fi aartii Oromoo qo'achuuf fedhii waanan qabuuf barnoota 'Oromo Folklore and Literature' halkan barachaan ture. Turtii waggaa ja'aa Yuniversitii Jimmaa ture keessatti gola aartii Oromoo irratti akkaan hirmaachaan ture,'' jedhe.

Aadaa, seenaa fi aartiin Oromoo dur eessa ture, amma eessa jira, garamitti deema kan jedhu haala qabatamaa Saba keenyaa fi taatee biyyoota addunyaan walqabsiisee waanan baradheef dandeettii aartii kiyya naaf cimseera jedhe Yoosan.

Dhiibbaan siyaasaa biyyattii waanan baradhe duguugee itti fayyadamee guddina aartii Oromoof akkan hin gumaachine na godheera kan jedhu Artist Yoosan, fuulduraaf kana caalaa hojjechuuf akka qophii qabu hime.

Ijoollummaarraa kaasee hojii aartii kanneen akka hurrubbii, diraamaa fi sirba keessatti akka hirmaataa ture kan hime Artist Yoosan, ''Ergan Yuuniversitii seenee, ammoo achiin boodas walaloo fi yeedalloo namaaf gumaachuu akkasumas ofiifis sirbuurratti xiyyeeffadhe.''

Artist Yoosan Biiroo Aadaa fi Tuurizimii jalatti qindeessaa Hawwisoo magaalaa Sabbataa waggaa tokkoof akka hojjete hima.

Biiroon Aadaa fi Tuurizimii namoota ogummaa aartii qaban, akkasumas aadaa fi seenaa irratti barnoota qaban hojjechiisuu qaba jechuunis dhaameera.

Karoora fuulduraa-maal harkaa qaba?

Sirboota haala jiruu fi jireenya hawaasaa ibsan hojjechuurratti akka xiyyeeffatu kan hime Yoosan, waleewwan hanga ammaa hojjete muraasa ta'anis fuulduraaf bal'inaan hojjechuuf karoora akka qabu hime.

''Ammaaf albaman dalagaa jira. Ergan jalqabee waggaa sadi guuteera. Amma gara xumuraa ga'eera. Ergan albama kana eebbisiisee booda biyyoota alaa imaluun konsartii qopheessuuf karooran qaba'' jechuun waan amma irra jiruu fi karoorasaa hime.

Beekamtii sirbi 3Obsa jedhu dhiheenya argate irraa ka'uun Oromoonni biyya keessaa fi ala jiran weellisaa Yoosan Geetahuuniif badhaasa kennuuf akka jiran miidiyaa hawaasummaarra deemaa jira.

Aartist Yoosan oduun kun dhugaa ta'uu himee, milkaa'ina argame ilaalanii namoonni yaada kana waan dhiyeessaniif akkaan gammadeera jedhe.

''Kun hammeenya hin qabu. Ammahoo milkoofneerra. Osoo dur ta'ee ni sodaanna. Amma erga wanti goonu bu'aasaan walsimatee nuti sirriidha jechuudha. Milkaa'inuma sirbichaatiin gammachuu itti dhagahame ilaalchisuun miira isaanii karaa ittiin ibsaniidha. Anis gammadeera. Isaanis ittuma deemaa jiru.''