Artist Simee Tufaa: 'Walaloo kutaa saditti eegalee hanga sirboota 320 ol barreessuutti'

Simee Tufaa

Madda suuraa, Simee Tufaa

Sirboota 320 caalaniif walaloo fi yeedaloo gumaachuu kan himu barreessaan walaloo fi ogeessi yeedaloo gameessi Oromoo Simee Tufaa walaloo barreessuu fi dubbisuu kutaa sadirraa akka eegale BBCtti hima.

Waggoota 20 darbaniif walaloo fi yeedaloodhaan aartii Oromoo utubaa kan turee fi lafee dugdaa wallee Oromoo kan jedhamu artistiin kun, weellisaa Hacaaluu Hundeessaa waliin hariiroo jabaa qabaachaa akka turan hima.

Hacaaluuf sirboota 14 hojjechuufii dubbata Simee Tufaa. Yeroo ammaa fiilmii mata dureen isaa,''Manni gubate, namnihoo?'' jedhu barreessaa jiraachuufi dhiyeenyatti akka xumurus himeera.

Artist Simee Tufaa Dhaabasaa, hojiiwwan walaloo fi yeedaloo akkasumas fiilmii qopheessaa jiruu fi dhimmoota kaan irratti BBC waliin turtii taasiseera.

BBC: Artist Simee Tufaa yeroo dhiyoo as hagas mara mul'achaa hin jiru, eessatti badde? Walaloo barreessaa jirta moo dhiiste?

Simee: ''Hin bade hin bade jedhuu, eessa abbaakoottan badaa.

Qilxuun qirixe malee yartuun miliqe malee.''

Yartuudhuma miliqne malee, biyya abbaa keenyaa dhiisnee hin badnu.

Hojiin ulfaataa fi dadhabsiisaa waan tureef xiqqooma afuura fudhachuufan gara biyya Ameerikaa kana dhufee as jira malee hin badne.

Garuu Walaloo dhaabees hin beeku, hin dhaabus. Aartistootaaf gumaachaatuman jira.

Aartistoonnii fi aartiinis biyyaa baqataa waan turaniif, anis warra gama kanaas ammoo nan gargaara jedheen isaan faana hojii tokko tokko hojjechaan jira.

Warra biyya keessa jiraniifis hojjechaatuman jira. Kanaafuu xiqqooman boqodhe malee hojii kana hin dhaabne.

BBC: Walaloo akkamiin eegaltee?

Simee: Ani kutaa sadi ta'een walaloo barreessaa ture. Minii miidiyaa keessan hojjechaa ture. Kanaan osoon jiruu yeroon kutaa ja'a ga'u carraan tokko na mudate.

Dorgommii hog-barruu Biiroon Barnootaa Oromiyaa fi Dhaabbanni Kood Itoophiyaa jedhamu qopheessan, mana barumsaa koorraa aanaa fi godina bakka bu'een akka Oromiyaatti hirmaadhe.

Yeroo sana naaf galte waa'een walaloo. Jalqaba walleedhuman ofumaa koo yaaluu jalqabe. Albama tokko hirriyaa kiyya walin hojjennee gabaarra oolchinee turre.

Garuu an wantan hojjechuu danda'u sagaleedhaan sirbuu osoo hin taane walaloo fi yeedaloo qopheessuu akka ta'e ofuma kiyyaaf naaf gale.

Kanarraa ka'een artistoota keenyaaf walaloo fi yeedaloo kennuu jalqabe.

Akka nama tokkootti silaa inuman weellisuu danda'a, garuu kan sagaleen na caalan waan jiraniif isaaniif walaloo fi yeedaloo gumaachuu murteesse.

Sirbuurra yoon walaloo barreessee artistoota keenyaaf kenne irruma caalaa fedhii uummata kiyaa naaf guuta jedhee waanan amaneef garanarra gore.

BBC: Hanga ammaatti walleewwan hagamiif walaloo fi yeedaloo qopheessite?

Simee: Walumaagalatti lakkoofsa isaa yoon sirriitti beekuu baadhellee walleewwan 320 caalaniif walaloo fi yeedaloo qopheeseera.

Wallistoota Oromoo keessaa Artist Alii Birraa irraa kan hafe kaaniif dalageera. Namni ani hin dalagneef yoo jiraate isa jedheen yaada.

BBC: Artist Hacaaluu Hundeessaaf walaloo hedduu akka kennite dhagaheera, isa waliin hariiroon keessan akkam ture?

Simee: Hacaaluu waliin kan wal nu barsiise wallee qofa osoo hin taane Oromummaatu walnubarsiise.

Osoo inni wallee hin eegalinan isa beeka. Kaayyootu walitti nu fide, waan Oromoo taaneef walumaan dararamaa turre.

Boodarra ani biyya Ameerikaa kana dhufeen asitti hafe, inni garuu didee deebi'ee gale.

Hariiroon keenya gama aartiin jiru kan eegale, gaaf tokko cidha wayiirratti osoo inni weellisuu argeen namni kun akkanni nama guddaa ta'u hubadhe.

Abdii aartii Oromoo qofa osoo hin taane abdii Oromoo akka inni ta'u gaafa sanan hubadhe.

Magaalaa finfinneetti waamee akkanni Baandii Roobalee keessatti nu faana hoojjetu waltajjii lamaan tokko mijeesseera.

Yoggaa kanammoo gurbaan kun baayyeema keessa koo seene, bakka fagoo akka ga'uu danda'un hubadhe.

Haata'u malee osooma xiqqoo hin turin qabamee wagga shan hidhame. Wayita ba'us kallattummaan na bira dhufe.

Jalqaba sirboota saddeet qopheeffatee na bira fide, animmoo sirboota sadi ''Dhiichisi foolleekee birraan bariitee ganni ba'ee, Sanyii mootii fi Baddeessaa lagaa'' jedhaman itti dabalee albma jalqabaa baasne.

Sana boodas wallee inni akka qeenxeetti baase, ''Oromiyaa tiyya, Agaaroo'' nan hojjedheef.

Albama lammaffaarrattis walleewwan akka Tulluu jala malkaa yaatu, Diggittii koo, Shaggooyyee (bareedduu Awaash gamaa) kan jedhu, Geerarsa, albama dhumaa kanarrattis wallee foon foonirraa cite jedhu hojjedheera.

Walumaagalatti sirboota 14 Hacaaluudhaaf hojjedheera.

BBC: Seenaa sirba sanyii mootii nu yaadachiisi mee?

Simee: Albama jalqabaa Hacaaluu erga xumurree booda, sirbi Sanyii mootii jedhu umrii guyyaa tokkoo keessatti hojjetamee itti dabalame.

Dhumarra erga albami sun mana muuziqaa Abbaa Gadaatti gurguramee booda isaanumti akka itti daballu nutti himan.

Namni albama kana bite kun, sirbicha hunda jaal'achuu erga ibsee booda, sirba jimmaa tokko akka itti daballu nutti hime.

Isa booda an walaloo fi yeedaloo qopheessee Haacaaluun sirbee albamatti daballe, sirbichis tokkoffaa ta'e.

Sirbi sun ergaa gurguddaa of keessaa qaba, namoonni tokko tokko sanyii mootii wayita jedhamu Abbaa Jifaar jedhanii hubatu.

Garuu achitti kan ibsame Oromoo hundi, warri Gadaa tumee addunyaaf gumaache, sanyii mootii ta'uudha. Kan gama jirus, kan gamanaas Oromoodhuma.

Kanaan dura namoonni wayita waa'ee Jimmaa weellisan, ''Akkan badee hin dhufneef Gibeen na hin ceesisu,'' jechaa turan.

Animmoo, ''Galaanni Gibee guutus daaktuutu bidiruun nama ceesisa, garaan jaal'ate hin rafu laaftus jilbibbiin nama deemsisa,'' jedheen ibse.

Yoo garaadhaan itti yaadan wanti irraa nama dhowwu hin jiru jechuudha.

BBC: Sirboota walaloo kenniteef keessaa kan itti quuftee fi kan garaa si hin geenye kamfaadha?

Simee: Walaloon barreessu hundayyuu itti amaneen ergaan dabarsuu barbaade hubadhee barreessa.

Ergaan yaade dabarsuuf ulaagaa kan hin guunne yoo ta'e durumaan madaaleen kuffisa.

Kanaafuu walaloon sirbitootaaf kennu hundayyuu inuman jaal'adha.

Garuu namni hundinuu hojii an itti kenne uummata biraan naaf ga'uurratti walqixa miti.

Akkuma jabinaan walcaalan kan waan itti kennu bareechee hojjetu jira, waanuman itti kenne kan balleessee hojjetus jira.

BB: Hanga ammaatti maal irraa fayyadamte?

Simee: Waggaa 20 ol hojii biraa dhiisee toora kanarratti kanan xiyyeeffadheef karaa Kanaan saba kiyya fayyaduuf.

Dhugaa dubbachuuf artistoota lamaan tokkorraa kan hafe kanan kaffaltiidhaan walaloo kenneef hin jiru, toluman hojjedha.

Ergaa hamilee uummata kiyyaa olkaasu, kan uummata jajjabeessu dabarsuun anaaf faayidaa guddaadha.

BB: Wallee tokko keessatti ga'ee walaloo akkamiin ibsita?

Simee: Muuziqaan amala dhala namaa qaba, dhaabbii ilma namaa qaba.

Walaloon lafeedha, yeedaloon dhiiga, rukuttaan (rhythm) ammoo akka rukuttaa onnee dhala namaati. Wanti akka sagalee mararsiifachuu kun ammoo foon jedheetin amana.

Akkuma ilmi namaa yoo lafeen keessa hin jiraanne dhaabachuu hin dandeenye, walaloon laafaa taanaan walleen tokko of danda'ee dhaabachuu hin danda'u.

Yeedaloon hagam bareedee dhaggeeffataa yoo harkisuu danda'ellee walaloo bilchaataadhaan hin utubamne taanaan umrii dheeraa hin qabaatu.

BB: Walleewwan Oromoo fi bilchina walaloo isaanii akkamiin madaalta,

Simee: Kanaan dura weellistoonni Oromoo gameeyyiin waan ittiin sirna cunqursaa ofirraa qolatan weellisaa turan.

Waan Gadaan barbaadu malee, waan garaan barbaadu weellisanii hin beekan weellsitoonni nu dura turan.

Mootummaa dhufaa darbaa saba cunqursu aartiidhaan falmaa turan, kanaaf baraabaratti darba.

Rakkoo jiruuf fala kaa'uuf warri waaa barreessinu, duudhaa Gadaa ganamaa yaadachuudha

Hawaasni kaleessa eessa ture, har'a eessa jira, gidduu kanatti maaltu dhalate, fuulduratti maaltu nu eeggata jechuun walaloodhaan, fiilmiidhaan hojjetanii yoo hawaasa hin kakaasin dubbii manisfestoo siyaasaa qofa jala deemuun falli dhufu waan jiru natti hin fakkaatu.

Walaloon kanaaf laafaa dhufe, namuu akkuma isatti dhufetti qabatee istuudiyoo gala.

CD baasuu danda'u garuu wallee miti, walaloon toorri jalqabaa waan tokko toorri lammataammoo waan biraa jedhu walaloo miti.

BBC: Hanqina kana sirreessuuf ga'een kee hagama gumaache, falli maali?

Simee: Ani dhimma kanarratti Kanaan duras dubbachaan ture, walleewwan hedduu keessatti ''kun walaloodhamoo wal-loloodha'' jedheen gaafachaa ture. Anas dubbii kun akkaan na yaaddessa.

Anis hamma naa danda'ametti waan kana maqsuuf jedheen itti cichee hafe.

Hayyoota akka Abdii Qopheefaatu wallee Oromoof walaloo barreessaa ture bar.

Jarri sun yeroo sanarra taa'anii addunyaa amma qaroomte kana waliin qixa yaadanii, yeroo kilippiin hin jirretti walaloo qofaan akka samuu namaa keessatti suuraan uumamutti ibsaa turan.

Gaafa isaan simbirroo nama jaal'atanitti erganii, simbirroon sun ergaa fuutee deemtee gateettii nama sanaarra qubattee ergaa itti himtee deebitu, sirba akkasii wayita dhageenyu, akka waan ijaan arginuuti.

Warra akkasiifaatu walaloo barreessaa ture, warri har'a balleessaa jiranis jiru. Beekanii yookiin itti yaadanii osoo hin taane fedhii baay'aterraa kan ka'edha.

Kan ormi baajata ramadee afaan saba guddaa kana duubatti deebisurra wallaalaan keenyas akkanaan aartii duubatti deebisa jechuudha.

Garuu kaleessa jabaa turre jechuun laafne jechuu miti. Aartiin Oromoo waan abbaa dhabeef laafinni mul'ate.

Roorrootu itti hammaate, aartii Oromoo akka hacuucamu godhan, kanaaf ammoo burqituu cuftee galaana waraabuun hin danda'amu.

Sadarkaama kanarra kan ga'eyyuu tattaaffii namoota dhuunfaatiini.

Aartistoonni hedduun kanneen akka Abdii Qopheefaa osoo aartii Oromoof hojjechuurratti rakkatanii lubbuun darban.

Garuummoo aartiin Oromoo kun akka duriis hin jiru, immoo akka kufes hin jiru.

Ituuma jirra, yoo jabaanne inuma galmaan geenya.

BBC: Fiilmii haaraa qopheessaa akka jirtu dhageenyeerra, maalirra ga'e?

Simee: Achittis hanqina qabnutu akkan gara sana seenu na dirqamsiise. Fiilmii kana mata duree ''Manni gubate namnhoo'' jedhuun kanan barreessuu eegale amma osoo hin taane yeroon biyya turedha.

Haaluma qabatamaa Oromoon keessa jiru dhugaarratti hundaa'uunan barreessaa ture.

Barreeffama hunda xumureera, daayirekataroota biyya jiran waliin hojjetaa jirra.

Yeroo gabaabaa keessatti akkuman walaloodhaan waan gaarii hojjedhe, karaa fiilmiitiinis waan dansaa qabadhee nan dhiyaadha.

BBC: Simee Tufaa eessatti dhalatee guddate, amma eessa jira?

Simee: Kanan dhaladhe Godina Lixa Shawaa Aanaa Jibaat. Barnoota sadarkaa jalqabaa fi lammaffaa magaalaa Shanan keessatttin baradhe.

Isa booda gara aartiitti ergan seenee gara Finfinnee imaleen achi jiraachaa ture.

Booda hiree argadheen gara Ameerikaa kana dhufe.

Amma Kutaa biyyaa Ohaayoo, magaalaa Kolombas keessan jiraadha.