Artiist Zarihuun Wadaajoof maatiin deeggarsa gaafatan

Aartiisti Zarihuun Wadaajoo

Gameessi aartii Oromoo albamoota torbafi sirboota qeenxee garaagaraa hojjete Zarihuun Wadaajoo yeroo ammaatti magaala Adaamaa Hospitaala Riftvaaliitti yaalamaa jiraachuu haati warraasaanii aadde Olaantuu Gammachuu BBCti himaniiru.

"Dheengadda /Sanbata xiqqaa/ gara hospitaalaa seenan. Dura xiqqoo dhukkube jennaan hakiima dhuunfaa geessine. Achirraa riifarii gamana nuf barreessaninaan as jirra" jedhan aadde Olaantuun.

"Kutaa isa olaanaa /ICU/ jira. Oksijiiniirra jira. Kaleenis xiqqoo tuqameera jedhan. Onneenis sombis tuqameera jedhan" jechuun haala artiist Zarihuun Wadaajoo amma irra jiran himaniiru.

"Dheengadda du'ee oole. Rabbiin yaa galatu amma xiqqoo wayyaadha" kan jedhan haati warraa artiist Zarihuun aadde Olaantuun artiistichi yeroo ammaatti dubbachuu akka hin dandeenye himan.

"Artiist Zarihuun yaala gahaa hin arganne…"

Artiist Zarihuun Wadaajoo reebicha yeroo garaagaraatti manneen hidhaa keessatti irratti raawwatameen dhibee narviif saaxilamuusaa gaaffiif deebii bara darbe BBC walin taasiseen dubbatee ture.

Artiist Zarihuun Wadaajoo mana yaalaatti

Madda suuraa, Maatii

Ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaan walqabatee rifaatuun dhukkubsachuusaa BBCti kan himan aadde Olaantuu Gammachuu, yaala fooyyee argachuu dhabuun artiist Zarihuun Wadaajoo dhibeen akka itti hammaatu taasisuu himan.

"Sa'aa 24 qorichuma binna, manuma yaalaa geessina. Yaalii gahaa hin arganne. Osoo yaalii gahaa argatee akkatti laaffisee sadarkaa du'aarra hin geessu ture" jedhan.

Wal'aansa artiistichaaf tattaafachaa turuu kan himan aadde Olaantuun, amma garuu humna isaaniitii ol ta'uu himan.

"Ummatni Oromoo nama kana wal'aannatee eebba irraa fudhachuu qaba" jechuunis fayyaan artiistichaa akka deebi'uuf gargaarsa uummataa gaafataniiru.

Artiist Zarihuun Wadaajoo maatiisaa walin magaala Burraayyuu keessa mana kireeffatanii akka jiraatan kan himan haati warraa artiist Zarihun aadde Olaantuu Gammachuu, qorri magaalichaas dhukkuba isaaniif sababa isa tokko ta'uu himan.

Waa'ee artiist Zarihuun Wadaajoo…

Artiist Zarihuun nama umrii waggaa 62 yemmuu ta'an hojii aartii bara 1967 akka eegalan maatiin himu.

Gaafif deebii BBC walin kanaan dura taasiseen artiistichi albamoota torbafi sirboota qeenxee hojjetus uummatni sirbootasaa dhaggeeffatee akka dammaquuf tolan gadhiisun ala gurgurtaadhaan maallaqa akka irraa hin arganne himee ture.

Kana malees artiist Zarihuun waggoota muraasaaf biyya Ameerikaa baqaarra erga turee booda gara biyyaa deebi'e.