Irreecha 2020: Hora Finfinnee caalaa namni baayyeen Hora Har-Sadeerratti argameera

Irreecha 2020

Abbootiin gadaa fi irreeffatootni gara malkaa Hora Har-Sadeetti imalaaniiru. Irreecha kaleessa magaalaa Finfinneetti kabajameen yeroo madaalamu namni baay’een Irreecha Hora Harsadii irratti argameera.

Kaleessa waaree booda namootni baajii kabaja ayyaana irreechaa yookin waraqaa eenyummaa magaala Bishooftuu hin qabne gara magaalaa akka hin seenne dhorkamaa turan.

Ganama kanas namootni baajii hin qabanne kabaja ayyaanichaa irraa ittifamaniiru.

Sababa dhibee Covid-19 ayyaana Irreechaa bara kanaa namootni muraasni qofti akka kabajan murtaa’uunsaa ni yaadatama.

Irreecha 2020

Irreechi Hora Finfinnee namoota muraasaan kabajamuun miira akkamii uume?

Irreechi Hora Finfinnee iddoo namootni muraasni affeeraan taasifameef argamanitti kabajameera.

Sababa weerara dhibee COVID-19 ayyaanni Irreechaa bara kanaa namoota muraasaan akka kabajamu murtaa'uunsaa ni yaadatama.

Haaluma kanaan namootni godinaalee Oromiyaa garaagaraa irraa filataman kabaja ayyaana Irreechaa hora Finfinnee irratti argamaniiru.

Miirri ayyaanichaa kan bara darberraa qorraa ta'us namootni kabaja ayyaanichaa keessatti argaman miira garaagaraa akka qaban BBCti himaniiru.

"Irreeffachuun keenya gaariidha. Garuu akka bara darbee nama hin gammachiisu" jechuun BBCti kan hime dargaggoo Tasfaa Zarihun lakkoofsa namoota ayyaanicha kabajanii daangeessuun sirrii akka hin taane hima.

"Irreechi akkasitti nama murtaa'aadhaan ta'uu hin qabu ture. Irreechi ayyaana Oromoo hundaati malee ayyaana nama muraasaa miti. Ayyaana mootummaas miti. Ayyaana uummataati. Akkas nama murteessanii kabajuun kun baay'ee nu gaddisiisee jira" jedha.

Kana malees "silaa osoo gadda Haacaalus ibsannee, irreeffannee, booqa birraa arguu keenya waaqa galateeffannee Oromoon hundi kan itti gammadu ture" jechuunis dargaggoo Tasfaa Zarihuun haala ayyaanichi bara kana itti kabajame komata.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Irreecha Hora Finfinneerratti namooni hirmaatan maal jedhu?

Gama biraatin jiraattuun magaala Finfinnee artiist Burtukaan Jimaa, "ayyaana Irreechaa bara kanaa itti gammadnee jira. Akka kana duraa uummatni hunduu akka fedhasaatti dhufee irreeffachuu baatus uummatni as jiru uummata baay'ee waan bakka bu'uuf haala gaariidhaan irreeffachaa jirra" jechuun himte.

"Uummatni hundi akka fedhasaatti osoo irreeffatee ittin gammada. Garuu dhibee Covid-19n walqabatee rakkoo waan qabaatuuf of eeggannoof jecha waan ta'eef gaaridha" jechuunis artiist Burtukaan BBCti himteerti.

Gama biraatin godina Gujii Lixaa aanaa Abbaayyaa irraa kan dhufe Eebbisaa Badhaanee "ayyaanichi kan tasgabbii qabudha. Kan bara darbee walin walbira yeroo qabnu baay'inni uummataa baay'ee hir'achuunsaa ho'ina ayyaanichaa gadi qabee jira" jechuun himeera.