Shamarree Salaamaawwiit miidhaa asiidiirraa lubbuun ooltus ammas yaaddoo qabaachuu himti

Salaamaawwiit Hunanyaa shamarree waggaa 24 yoo taatuu, ogummaa faarmaasitiin eebbiifamuun faarmaasii dhunfaa tokko keessatti mindeefamuun hojjataa turte.
Naannoo Amaaraa Aanaa Hulati Ijju Inaseetti jiraattuu magaalaa Qaraaniyoo kan taate Salaamaawiit nama Yihenawu Fantaa jedhamuun miidhaan asiidii irra gahee ture. Ammas namuma kanaan isheefi maatii isheerra dorsiisni gahaa jiraachu dubbatti.
Miidhaa asiidii irraan gaheen balleessaan irratti argamuun hidhaan waggaa 14 kan itti murtaa'e yoo ta'u, ammas mana hidhaa keessaa bilbiluufiin akka dorsisuufi bahee miidhaa gara biraa nurraan gahu danda'a jechuun yaaddoo keessa jiraachuu dubbatti Salaamaawiit.
Salaamaawiitii miidhaa asiidii irra gaheen gurriishee lamaan kan miidhaman yoo ta'u, fuullishee, mormi, digdiifi harmishee tokkoos asiidiichaan gubateera. Gogaa qaamashee miidhaa olaanaan irra gahee wallaanuuf wallaansi baqaqsanii yaaluu taasifamuufii dubbatti.
Namni miidhaa irraan gahe kunis Salaamaawiitiin si jaaladheera jechuun waggoota shaniif hordofaa ture himti.
Miidhaan yoo irra gahu kun kan jalqabaa miti
Waggaa tokkoon dura osoo gara bataskaanaa deemaa jranuu eegee hiriyaashee waliin akka reebeefi mana yaalaa deemuun wallaanamanii akka turan yaadatti.
Yeroo sanattis miidhaa irra gahee ilaalchisuun waajiira poolisii magaalaa Mooxaatti iyyachu kan dubbatu Salaamaawiiti, poolisiin tarkaanfii namticha miidhaa irraan gahee irratti fudhate omtu akka hin turre kaafti.
Namtichi dorsiisoofi reebichaan hin dhaabannee kunis ALI Muddee 18, 2014 tto faarmaasii ishee keessa hojjataa turte dhaquun, asiidii joogiitti baatee ture irratti dhagalaasuun gogaashee gubuun miidhaa qaamaafi qor-qalbii cimaaf akka saaxilamtu gochu dubbatti.
Jecha ''Eenyummaa kiyya balleessuuf ture kan barbaade,'' jedhu haasaa ishee jidduutti irra deddebiin kaafti Salaamaawiiti.
Poolisiin yeroo namni kun reebiicha irraan gahu kan hin birmatiniif, erga asiidiin miidhaa irraan geessiseen boodas nama kana to'achuuf fedhii akka hin qabne kaasuu Salaamaawiitiifi obboleessi ishee Anteneh Hunanyaa.
''Miidhaa narraan gahee osuma aanicha keessa jiruu poolisoonni to'achuuf fedhii hin agarsiifne ture. Baatii tokkoon booda namoota biraatu qabee poolisiitti kenne. Erga asiidicha narratti naqeen booda lubbuun hafuunkoo waan isa aarseef maatiikoo biratti bilbiluun doorsiisaa ture,'' jetti.
''Karra faarmaasichaa irra osoon taa'ee jiru joogiitti waan ta'e qabate dhufe. Ani kun ni ta'a jedhee waanan hin yaadneefu taa'eetuman eegeen. Achiin narratti naqe,'' jechuun BBCtti himte.
AMmas miidhaa irra gaheeraa kan gutummaan hin bayyanatiinis Salaamaawiitti, gara magaalaa keessa jiraataa turte Qaraaniyootti deebii'u akka hin barbaadne himti. Amma Baahirdaar jiraataa Finfinneetti deedeebii'uun wallaanamaa jirti.
Baasii wallaansa ishees maatii isheetu danda'e. Hanga ammaattis maatiin baasii birrii miliyoona 1.2 ol baasuu obboleessi ishee Antenah ni dubbata. ''Firri dhihooofi fagoo kan qabu gurguruun wallaansa isheef oolcheera,'' jedha. Mantichi garuu ammas mana hidhaatii bilbiluun maatii dorsiisaa jira jedha.
''Essuumni keenya Mooxaatti argaman tokko jiru. Isaan situu akkan hin fuune godhee jechuun osoo hin hidhamiin durayyuu itti dhaadata ture. Naannoo manasaattis mul'atee ture. AMmas miidhaa akka irraan gahu maluu yaaddoo qabna,'' jedha Anteenaan.
Nama kanas yaalii maatiin taasiseen ofumaan qabuun poolisiitti kennu hima Anteenaah. Waajjira poolisii Aanichaatti ittigaafatamaan kutaa qorannoo yakkaa, inspeektar Birhaanu Adimaasuu dhimma kanarratti gaafatamanii, ''Yeroo dheeraaf waliin akka turan beekama. Nuti erga gochiichi raawwatameen booda dhageenye. Isaan booda 'adda baasuun achi' jedhi jenaan 'si hin barbaadu' jenaaniin gochaan kun kan raawwate,'' jedhan.
Shamarree miidhaan irra gaheefi kan maatiin jedhu dhiisuun waan namni miidhaa qaqabsiisee qabachuun gochaa raawwatame xiqqeessuuf yaaluun ittigaafatamummaa seeraan kennameefiin sirriidhaa? jedhamun BBC kan gaafataman ittigaafatamtichi akkas jechuun debii kennan.
''Gochaa sukkaneessaan kun jibbisiisaafi ajeechaan oliidha. Isaanis akka jedhan waajira poolisiin hin dhufne. Namtichis alkaniifi guyyaa magaalaa keessa socho'aa ture. Hanga harka keenya keessa hin galleetti nuti eelboofneeti jedhamuu hin danda'amu. Bifaani isa hin beeknu turre. Akka isaan jedhan osoo hin taane, waajiira nayeenyaa waliin ta'uun to'anne,'' jedhan Insipeektar Birhaanuun.
''Murteen hidhaa waggaa 14 gahaa miti''
Dhimma Salaamaawiitti hordofaa kan jira, Waldaa Dubartoota Oggeessoota Seeraa Itoophiyaa Damee Naannoo Amaaraatti itti gaafatamtu kan ta'an Addee Muluugoojjaam Damis akka jedhaniitti dhimmichi yaaddeessaadha.
Abbaan alangaa miidhaa asidii ''miidhaa qaamaa cimaa'' jechuun himannaa banuunsaa sirrii akka hin turree, addabiin miidhaa irra qaqabee waliinis kan wali hin ginnee akka murtaa'uuf sababa ta'u BBCtti himan.
Miidhaan asiidii kan lubbuu balleessuu danda'u waan ta'eef, yaalii lubbuu balleessuu jedhamuuf fudhatamu akka qabaatu dubbatu. ''Erga tokkicha murteen kennamee himannaa fooyyeessuun hin danda'amu. Garuu ammoo gara fuuladuraatti miidhaawwan akkasii akka yaalii ajjeechaatti akka ilaalamuuf abbaan alangaa ajaja akka baasuuf torban kana xalayaa galfanneera jechuun BBCtti himan Aaddee Muluugoojaam. Gaaffiiwwan Salaamaawiitti gama fitaabeeritiin dhiyeessituuf waldichi deeggarsa taasisaaf jiraachu fi ol iyyannoo mantichi dhiyeessees tol-ooltoonni waldichaa hordofaa jiraachu himte.
''Dhimma Saalaamaawiitiif poolisiinis ta'e abbaan alangaa xiyyeeffannoo hin kennine jennee amanna,'' jedhu oggeettiin seeraa tun.
Furmaanni maali?
Osoo miidhaawwan saala bu'uurreeffachuun dhiheenya keessa raawwatan walfakkaatoo ilaalleerree, namoonni miidhaa qaqabsiisan haleellaawwan adeemsa yerootiin dabalaa adeemu qaqabsiisu. Kanneen miidhaan irra gahe ammoo waan gochu qaban wallaaluun ykn qaama isaan dhagahu dhabuun calisuu filatu.
Sabla Nugusee kan jaalallee isheetiin ALI Muddee 30, 2014tti ibiddaan gubachuun lubbuunshee darbe, ajeechaan dura reebiicha irraan gahaa akka ture obboleessi ishee Yaa'iqoob Nugusee BBCtti himee ture.
Dhimma kanarratti hojjataa kan jirtuu hooggeettiin seeraa Hiliinaa Birhaanu gama isheetiin, ''miidhaawwan kunnee asiidii itti naquu ykn ajjeechaan kan eegalan miti'' jetti.
Gochaawwan nageenyaafi tasgabbii dubartootaa miidhaniifi gonkumaa fudhatama hin qabne garuu kan hawaasni balaalleeffachu hin barbaadne kanneen dhuma sukkaneessaa kana irra qaqabsiisan jiraachu dubbatti.
Dubartoonni akkuma lammii biraatti biyya nagaan bahanii galuu itti hin dandeenyeetti maaliif gibira kanfaluuf gaafatamu? jetti.
''Kun yoo hin taane ammoo dhaabbata dhiiroota qofa tajaajiluuf dhaabbate ta'a'' kan jettu Hiliinaan, akkas taanaan dhaabbileen wallakkaa hawaasa Itoophiyaa hin tajaajjillee dhaabbata Itoophiyaa ta'u hin danda'u jeetti.
''Kana barattee, shamarree, amantaashee ykn bareedduu kkf jechuun gaddasaanii kan dhuunfaa gochu hin qabnu. Dubartiin lammii taatee kamuu, ishee beeknuufis beekuu baannus, miidhaan irra gahuu sirrii miti jechuu qabna,'' jetti.
Hawaasni ilaalcha isaa fooyyeessuun, dhaabbileen akka miidiyaafi poolisii jiranis dubartoota akka lammiittii tajaajiluu yoo hindandeenyee, hawaasa %51 ol tajaajiluu akka hin dandeenyeetti kan agarsiisuudha jetti Hiliinaan.















