Namichi hidhaan itti murtoofnaan asiidii ofirratti dhangalaasae

Namichi hidhaan yeroo irratti murtaa'uu asiidii ofirratti erga dhangalaaseee waa'eesaa qorachuun jalqabameera.
Namni ganna 54 Maark Maarshaal maallaqa waliin dhahuun shakkamee Landanitti erga hidhamee, mana murtiitti dhiyaatee murtiin yoo kennamu dhangalaa'aa fuulasaa irratti naqeera.
Hospitaala haa geeffamuyyuu malee haallisaa yaaddessaa akka tahe gargaartoti fayyaa mana murtichaa dubbatu.
Tajaajilli Mana Murtii naannichaa waan gaafa Wiixataa mudate ''baayyee nu yaaddessaa'' jedhan.
Dhangala'aan asiidii tahuu sirriitti hin beekamne akkamittiin harka namichaa akka gale, mana murticha irratti gaaffii nageenyaa kaaseera.
Viidiyoon kaameraa nageenyaa waraabame Maarshaal qaruuraa sibilaan bishaan qabatee irraa dhugee eegdota bira akka dabre agarsiisa.
Maarshaal maallaqa cheekii paawunfii 135,000 waliin dhahuun murtoon irratti murtaa'e
Abbaan murtii hidhaa waggaa lamaafi baatii afurii yoo dabarsu, Maarshaal iyyaafi watwaataa ture.
Namni yeroo kuni mudate achi ture akka jedhutti, Maarshaal yerooma asiidicha ofirratti dhangalaase fuulli gara adiitti geeddaramuu fooliin asiidii jiraachuu dubbateera.
''Haphee qaama isaarraa waan qabu fakkata ture'' jedha namni ijaan aragan
Qondaaloti mana murtichaa asiidii fuulasaa callabeessuuf bishaan joogiidhaan fidaafi turan.
Dhangala'aa biraas hin dhugiin akka hin hafne ni shakkama.
Egduun nama kanaas asiidichaan miidhamtee hospitaal yoo galteyyuu, haalli ishee yaaddessaa miti jedhameera.
Maarshaal bara 2016ttis poolisiin yoo qabamu mormarra of waraanee ture.












