Fayyaa: Narsiin Keeniyaa Qabballee Duubaa badhaasa $250,000 mo'atte

Qabballee Duubaa

Madda suuraa, Qabballee Duubaa

Ogeettiin fayyaa Marsabiit Qabballe Duubaa Soraa badhaasa ogeeyyii Narsiif kennamuun doolaara 250,000 injifatte.

Lammiin Keeniyaa Qabballee Duubaa narsoota addunyaa keessaa badhaasa kanaaf biyyoota addunyaa 184 keessaa hirmaatan 24,000 waliin dorgomtee injifachuu dandeesse.

Qaballeen ogeeyyii 10 marsaa isa dhumaaf darban keessaa tokko yeroo taatu guyyaa narsootaa addunyaa Caamsaa 12 kabajame sababeeffachuun qophii godhame irratti injifachuun ishee ibsame.

Badhaasni 'Global Nursing Award' Qabballeen injifatte kun badhaasa idila addunyaa yeroo jalqabaaf qophaaye yeroo ta'u, kan qopheesse jaarmiyaa 'Aster Guardians' jedhamudha.

Qabballeen Kaawuntii Marsabiit keessatti ganda ishee keessaa dubartii jalqabaa digiriin eebbifamte yeroo taatu maatii ishee keessaas dubartii hiree barachuu argatte ishee takkittiidha.

Ammaas Hospitaala rifaraalaa Kaawuntii Marsabiit keessatti ogummaa isheen hawaasa tajaajilaa jirti.

Qabballeetti dabalataan achuma Marsabiit irraa abba Didaa Jirmaa Bulees namoota 10 marsaa xumuraa badhaasa kanaaf gahan keessaati.

Barattuu narsii taatee osoo jirtuu dorgommii bareeedinaa Keeniyaa keessatti gaggeefame irratti hirmaattee 'Miss Tourism Kenya 2013' injifannoo jedhu argatteetti. Dhageettii argatte kana fayyadamuunis walqixxummaa fi barnoota dubartotaarratti hojii bu'aa qabeessa hojjetteetti.

Qabballeen faawundeeshinii 'Qabale Duba Foundation' jedhu hundeessuunis mana barnootaa ganama daa'imman itti qara'an sa'aa booda ammoo gaheessotni itti baratan ijaarteetti.

Qabballeen damee barnootaa irratti kan hirmatteef, barnoota dhabuun waan haaraa baruurraa boodatti kan nama harkisu, aadaa boodatti hafaa jijjiiruufis barbaachisaa waan ta'eef akka ta'e ibsiteetti.

Gaheessonni mana barnootaa isheetti baratan barreessuufi dubbisuu qofa osoo hin taane, eeggannoo dahumsa boodaa, gargaarsa oogummaan dahuu, dhimma fayyaa wal-hormaataa fi mirga ofiirrattis hubannoo argatu.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Hojiin ishee kunis biyyaafi sadarkaa idila addunyaattis beekamtii kan argate yeroo ta'u, 'Waislitz Global Citizen's Choice ' badhaasni jedhamu kanneen sababa hojii ishee kanaan injifatte keessaa tokko. Beekamtii bara 2019'tti injifatte kanaan badhaasa $50,000 argatteetti.

Hojiin ishee kun kittaannaan dubartootaa harka guddaan akka hir'atu gahee baheera. Dubartootni horsiisee buloonis hiree mana yaalaatti dahuu argataniiru. Haadholiin hedduunis ijoollee dubaraa isaanii gara mana barnootaatti erguu eegalaniiru.

Qabballee Duubaa bara 2019 keessa turtii BBC waliin taasiftee ture irratti kaayyoon ishee ''ganna 5 kan gad-deemu keessatti, iskuula (mana barnootaa) guddaa ijaarrachuu feena,'' jetti.

Kana malees waggoota shanan dhufan keessatti warshaa 'sanitary pads' fi butaantaa 'qanxarroo' oomishu Marsabiit keessatti hundeessuu karoorfattee jirti.

Qabballee Duubaa fuulaa itti dhalatetti

Madda suuraa, Qabale Duba

Ibsa waa'ee suuraa, Qabballee Duubaa fuulaa itti dhalattetti

Ergaa ijoollee dubraaf qabdu

''Gar feetee dhufnaan, [abjuun kee ni milkaa'a.] Ol ejjedhu.

Yoo soomtee uriin baate, deebitee ilmaan teenna taan dhibii qarqaaruu malte.

Obboleeyyaan tantee kan waliin dhalattan callaa niti - [hawaasni] cufti obboleeyyan tan teeti. Deebi'i qarqaari.

Masoomoo(barnoota) teessanitti jabaadhaa. An masoomotu armaan na baase. Aayyoofi aabboon hin soomne. Obboleeyyan tiyyas akkas hin soomin.

An ilmee dubraati jettee, harka marattee hin taa'in. Namni dhufee haraka qabee si qarqaaru hinjiru. Ufillee of qarqaaru malte,'' jechuun gorsashee obbaasti Qabballe Duubaa.

Qabballeen waggaa lama dura wayita dubbifne dira guddoo Keenyaa - Naayiroobiitti digrii lammaffaa, gosa barnootaa 'epidomology'n soomaa turte.

''Gaafa durii namni hedduun soomee (baratee) hinjiru,'' kan jettu Qabballe, dubartii Faaxumaa Abdulqaadir jedhamtu akka fakkeenyaatti ilaaleen guddadhe jetti.