Ogeeyyiin fayyaa dubartootaa Hospitaala Phaawuloos kutaa baqaqsanii yaaluu guyyaa tokkoof to'atan maal himu?

Kutaan wal'aansa baqaqsanii hodhuu Hospitaala Phaawuloos guyyaa dubartootaa sababa gochuun ogeeyyii dubartootaa qofaan tajaajila kenneera

Madda suuraa, Hospitaala Phaawuloos

Ibsa waa'ee suuraa, Kutaan wal'aansa baqaqsanii hodhuu Hospitaala Phaawuloos guyyaa dubartootaa sababa gochuun ogeeyyii dubartootaa qofaan tajaajila kenneera

Torban kana guyyaa Kibxataa wal'aansi baqaqsanii hodhuu ogeeyyiin fayyaa dubartootaa qofti irratti hirmaatan Hospitaala Phaawuloos magaalaa Finfinnee keessatti argamuutti raawwateera.

Ogeeyyiin kuni guyyaa tokkoof wal'aansa baqaqsanii hodhuu digdamaa ol ta'uufi kutaawwan wal'aansaa torbatti dalagame qofaa isaanii dalaganiiru.

''Baay'ee bareeda ture,'' jedhan Qindeessituun waliigalaa sagantichaafi Hooggantuun Itti-aantuu kutaa medikaalaa Kollejjii Medikaalaa Phaawuloos Miliniyeem Dr Liidiyaa Tafarraa.

''Gama kutaa baqaqsanii hodhuu keenyaan wal'aansa baqaqsanii hodhuu 21 guutummaa guututti gareen ogeeyyii dubartootaa qofa irratti hirmaatan dalagneerra,'' jechuun BBC'tti dubbatan.

Ogeeyyiin fayyaa akka jedhanitti kana kan godhan hundeeffama hospitaalichaa waggaa 75ffaafi guyyaa dubartootaa idil-addunyaa gaaficha kabajame sababa gochuuni.

UN waggaa waggaan Bitootessi 8 Guyyaa Dubartootaa Idil-addunyaa ta'ee akka kabajamu murteesseera, guyyaa kanarratti mirgi dubartootaa ifaajee guddaadhaan argame ni leellifama. Kunsi torban kana kabajame.

''Daa'ima ji'a lamaa eegalee, kan xannacha gadameessaa, xannacha bakkee qaama garagaraa jiru baasuu, cirracha hadhooftuu keessaa yaaluu, baqaqsanii yaaluu pilaastikaa akkasumas yaala da'umsaa kennuu dabalatee kennameera,'' jedhan.

Wal'aansa kana irratti kanneen qindeessan, wal'aansa gaggeessan, narsoota tumsaniifi qulqulleessitoonni marti dubartoota.

Hospitaala Qulqulluu Phaawuloositti Gargaartuu Pirofeesara wal'aansa baqaqsani hodhuu kan ta'an Dr Masarat Shibashiis kanneen qooda qaban keessaati.

''Unuuf hojichi hojii guyyuu dalagnudha. Wanti kaleessa (Kibxata) adda godhu dubartoota qofaan hojjeetamuu isaati. Rakkoon addaa nu qunname hin jiru.''

'Bareeda ture'

Akka ogeeyyiin kuni jedhanitti kutaa tokko tokkoon keessa ogeettii wal'aansa baqaqsanii hodhuu lama, narsiiwwan sadii, kan qoricha hadoochu kennan, kan qindeessaniifi kan qulqulleessan jiru.

''Baay'ee bareeda tura. Waltumsuun ni ture. Namoonni 21 wal'aansi taasifameef gammadaniiru, nagaas qabu. Wal'aansi baqaqsanii yaaluu kan milkaa'edha,'' jedhan Dr Liidiyaan.

Wal'aansi xannachaa, ucubaa yookiin quufa mormaafi kaan dubartootaan kennameera

Madda suuraa, Hospitaala Phaawuloos

Ibsa waa'ee suuraa, Wal'aansi xannachaa, ucubaa yookiin quufa mormaafi kaan dubartootaan kennameera

''Wanti adda godhu kanneen wal'aansa baqaqsanii hodhuu taasisan dubartoota qofa ta'u isaaniifi yaaliin taasifamees lakkoofsaan olaanaa ta'u isaati. Wanti nu rakkiseera jedhu hin jiru.''

Kanneen wal'aansa kennan ala barattoonni fayyaa damee garaagaraallee akka kutaalee wal'aansi kennamuuf keessa turan Dr Masarat himan.

Kaayyoon isaa maali?

''Dubartoonni yoo barataniifi tumsa barbaachisu yoo argatan akkasumas lafa gahuu barbaadan gahuu akka danda'an xiyyeeffannoo kennuun ergaa dabarsuu barbaanneeti,'' jedhan Dr Liidiyaan.

Ispeeshiyaalistii wal'aansa daa'immaniifi muuxannoo waggaa 11 kan qaban ogeettiin kuni sagantaa kana qindeessaa turan.

Namoonni tokko tokko wal'aansa keessumaa kan tajaajila baqaqsanii wal'aanuu 'dubartoonni hin dalagan jedhanii amanu'' jechuun dubbatu.

Wantoota akkanaa gochuun kanneen ilaalcha 'loogii' jiru sirreessuuf akka fayyadu yaada qabu.

Wal'aansii baqaqsanii hodhu dubartoota qofa hirmaachise hospitaalichatti yeroo taasifamu ''yeroo jalqabaafi'' ta'u kan himan Dr Masaratiis kanaan waliigalu.

''Dubartoota nu duuba jiran akka kaka'an ni taasisa. Fakeenya akka taanuuf, dubartiin akka dandeessuufi kaan kakaasuuf,'' ni fayyada jedhan.

Damee fayyaa irratti hirmaannaan dubartootaa dabalaa jira. Akka Dr Liidiyaan jedhanitti hospitaala Phaawulositti narsoonni 70% ol dubartoota, akkasumas ogeeyyiin baqaqsanii yaaluu 30% ol dubartoota.

Dubartoonni wal'aansa kennan dubartoota kaanirraas tumsa argataniiru

Madda suuraa, Hospitaala Phaawuloos

Ibsa waa'ee suuraa, Dubartoonni wal'aansa kennan dubartoota kaanirraas tumsa argataniiru

Ta'ullee, adaaduma sadarkaan ol guddatu lakkoofsi isaani xiqqaata jechuun dubbatu.

Dr Masaratiis ''Hirmaannaan [dubartootaa] gaariidha. Garuu fooyya'uufi dabaluu qaba,'' jedhanii amanu.

Sababa kanaaf gaheen dubartootaa akka dabalu ''gargaarsi isaan barbaachisa'' jechuun gorsu. Keessumaa manaafi bakka hojiitti itti-gaafatama dabalataa yeroo fudhatanitti gargaasis dabaluu akka qabu gorsu.