'Hojii sammuu nama tuqu kana yeroo hedduu gadhiisufan yaada' -MM Kanaadaa Jastin Tiruudoo

Jastin Tiruudoo

Madda suuraa, Reuters

Ministeerri Muummee Kanaadaa Jastiin Tiruudooa "hojii sammuu namaa tuqu" gadhiisuuf guyyaa guyyaan akka yaadan himan. Garuummoo guutummaatti aangoo gaggeessummaa biyyaa gadi dhiisus hin fedhan.

Waa'ee gaggeessummaa isaanii ilaalchisees biyya keessaa gaaffileen heddu irratti ka'aa jira. Tarii kanatu akka aangoo gaggeessummaa biyyaa "hojii sammuu nama tuqu" jedhanii ibsan isaan taasisee laata?

Yaada uummataa baruuf filannoo gaggeeffameen lammiilen heddu gaggeessummaa Jastiin Tiruudoo nuffaniiru. Fudhatamni isaan qabu turanis gadi bu'uu agarsiisa.

MM Jastiin Tiruudoo Reediyoo Kanaadaa wajjin turtii taasisaniin hojiin biyya gaggeessu itti jiran kun salphaa akka hin taanefi "hojii sammuu nama tuqu" ta'uu himan.

Filannoon Kanaadaa bara dhufu gaggeefffama.

Filannoo yaada uummataa gaggeeffame kanaan lammiilen Kanaadaa heddu mootummaa Jastiin Tiruudotti gammadoo miti. Gatiin mana jireenyaa gar-malee dabaluufi, qaala'iinsa jireenyaa fa'aa wantoota namoonni bulchiinsa Tiruudoo akka nuffan taasisaniidha.

Jastiin Tiruudoo turtii reediyoo biyyattii waliin godhaniin hojiinsaanii dadhabsiisaa ta'us deebi'anii akka dorgoman beeksisan.

"Guyyaa hundumaa hojii gadi lakkisuun yaada. Hojiin itti jiru hojii sammuu nama tuquudha, jiruu dhuunfaa koo aarsaa godheen hojjataa jira," jedhan.

"Hojichi yeroo tokko tokko baay'ee cima, yeroo kaan ammoo baay'edhuma nama nuffisiisa," jedhu.

Jastiin Tiruudoo bara 2015 Ministeera Muummee Kanaadaa ta'uun filataman.

Bara darbe ammoo haadha warraa isaanii ijoollee sadi irraa godhatan, Soofiyaa Girigoor, waliin wal-hiikan.

Gaheessa ganna 52 kan ta'an Jastiin Tiruudoo siyaasatti kan seenan nama beekamaa ta'uuf osoo hin taane, biyyaafi uummataaf waan gumaachan waan qabaniif akka ta'es ibsan.