Waa'ee miseensa humna qilleensaa US kan 'yakka duguuggaa sanyii Gaazaatti wal hinta’u' jechuun ibiddaan ofgubee waan muraasa

Aroon Bushneel

Madda suuraa, ANADOLU

Miseensi humna qilleensa Ameerikaa guyyaa Dilbataa tokko ganama, ‘‘kanaan booda duguuggaa sanyii irratti hirmaataa ta’u hin barbaadu’’ jechuun ofiisaatti ibidda qabsiisee gubate.

Dargaggoon miseensa humna qilleensa Ameerikaa umuriin waggaa 25, Aroon Bushneel akkuma uffata dambiisaa uffateetti ture Imbaasii Israa’el kan Waashingitan DC’tti argamutti qajeele.

Erga achi qaqqabeen boodas ofitti ibidda qabsiisee gubachuun hanga lafa dhahuutti ‘‘Filisxeem bilisa ni baati’’ jechaa iyyaa ture.

Haata’u malee gara hospitaalaa geeffamulleen sa‘aatiiwwan booda lubbuunsaa dabarteetti.

Aroon wayita ofiisaa ibiddaan gubaa turetti kallattiin darbaa ture.

Aroon tarkaanfii kanas ‘‘mormii cimaa’’ jechuun kan ibse yoo ta’u, viidiyoon isaan addunyaa guutuutti dowwatameera.

Jalqabarratti viidiyichi akka miidiyaa hawaasaarra buufamu taasifamulleen, booda garuu namoota baayyeen ilaalame.

Aarsaan isaa namoota naasiseera, ajaa'ibsiiseera akkasumas kakaaseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haleellaan qindaa'aa Israa'el Gaazaa irratti raawwataa jirtuun irra caalaa kan miidhaman daa'immaniifi dubartoota dabalatee Filisxeemoonni 30,000 ol ajjeeffamu Ministeerri Fayyaa Gaazaa beeksiseera.

Namoonni hedduun Ameerikaatti haleellaa walitti fufaa Israa'el Gaazaa irratti raawwataa jirtu mormanis jireenya Aroon yaadachuudhaaf shaamaa ibsan.

Aroon miidhaa Filisxeemoota irra gahaa jiru mormudhaaf ofiisaa gubuun hiriyoota isaa dabalatee namoota hedduu naasiseera.

Aroon Bushineel bara 2020 hanga dhuma bara darbeetti buufata humna qilleensaa Laakilaandiitti ramadamuun, bakka jireenyaasaa Saan Antooniiyoo Teeksaas taasifate ture.

Filmitoonni mirgaa achitti isa beekamiifi hawaasa biratti duutii isaa ''naasuu olaanaa'' akka itti umee dubbatu.

''Jalqabarratti naasuu fi gadda olaanaatu natti dhagahame ture. Dhimmi ati tajaajiltu xiyyeeffannaa akka argatuuf tarkaanfii filatamaan kana akka ta'e itti dhagahame ture'' jedhe Meesan Iskaamiilaa kan Aroon dhiheenyaa beekuufi sirna Aroon yaadachuuf Paarkii Saan Antooniiyoo keessatti raawwatameerratti dubbate.

Sirna jireenya Aroon yaadachuuf qophaa'e

''Tarkaanfii kana filachunsaa baayyee cimaadha. Warra Filisxeemiif dhiphataniifi gaddaniif haalichi fudhachuuf cimaadha,'' jedhe.

Sira dungoo ibsuu sanarrattis Filisxeemoota dabalatee yoo xinnaate namoonni 200 ta'an argamanii ture. Hiriyoonni Aroon sirnicha irratti argamanis jireenyasaa yaadachuufi gaddasaanii ibsachuuf haasaa taasisanii ture.

Guyyaa itti of ajjeese sanaan dura Aroon ''baayyee dubbachuu baatulleen, kan namaan waliigalu, kan baacoo jaalatu'' ta'usaa ture Meesan kan isa beeku.

Dhugaatii Tuuti Biiri jedhamu kan jaalatu, ilaalcha warra Leefti Wing jedhamanii kan qabuufi garee namoota mana jireenyaa hin qabne waliin tola-oltummaan kan hojjatu ture.

Miseensi humna qilleensaa Aroon adurree Shukkaara (sugar) jedhamu qaba ture. Akkasumas filmii Loordi of Zeriingis jedhamu akka jaalatu Meesan kan dubbatu.

Muun kan jedhamu hiriyaansaa gara biraa, Aroon waliin kan wal baran yeroo hojii tola ooltummaa irratti hirmaatan yoo ta'u, ''Aroon kanan ibsu cimaa nama kaayyoo qabu akka ta'eetti'' jedhe.

Viidiyoo jireenyasaa dhumaa arguun ''baayyee cimaa ture'' jedha. Sirna dungoo ibsuu irratti kan argamteefi qindeessituun lammii Filisxeem Saaraa Maasi'ud du'a Aroon dhugahuun ''baayyee gaddisiisaadha'' jette.

Gochaan naasisaan Aroon raawwatees, ''haalli gaddisiisaan akka ofiisaa ajjeesuuf kakaase'' roogeeyyii hedduu biratti mata dure marii ta'usaa kaafti.

Aroon anaarkiistii ture ''sadarkaalee aangoo fi gargaa garummaan hundi karaa seeraatiin diigamu akka qabaatu'' tibba tokko barressee ture.

Yeroo Saan Antooniiyoo keessa jiraataa tureetti dhaabbilee hawaasummaa fi garee deeggarsaa garaa garaa keessatti si'ominaan hirmaataa kan ture yoo ta'u, keessattuu namoota mana jireenyaa hin qabne gargaaruuf kan dursaan hirmaatu ture jedhu hiriyoonnii saa.

Namoota gargaaru hedduu walinis walitti dhufeenya cimaa hundeeffatee akka ture hima Meesan.

Sirna jireenya Aroon yaadachuu qophaa'e

Aroon sababii komii siyaasaa qabuutiin tajaajila waraanaa keessatti muddama olaanaan itti dhagahamaa akka ture hima Meesan.

Dhimmi Israa'eliifi Filisxeem waggoota hedduu lakkoofsisee, yeroo baatiiwwan muraasa dura dhooheetti, Aroon tajaajila waraanaa keessa ture.

Hamaas Onkololeessa 7, 2023 kibba Israa'el irratti haleellaa banuudhaan namoota 1,200 ol ajjeessuun kanneen 250 ta'an ammoo butee fudhatee deeme.

Israa'el ammoo tarkaanfii haaloo bahuutii kan jettuu fi osoo adda hin kunnee raawwattuun gamoowwan Gaazaa keessaa barbadaa'aniiru. Filisxeemoonni kuma 30 ol ta'anis ajjeefamuu ministeerri fayyaa Gaazaa himeera.

Israa'el Gaazaa marfama guutuu keessa kan galfatte yoo ta'u, daa'imman beelaan du'aa jiraachuu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa beeksiseera. Hamaas balleessuudhaaf jechuudhaanis ummanni gara miliyoona lamatti siqu Gaazaa keessatti buqqa'eera.

Aroon deeggartoota Filisxeemiifi gareewwan mirgaaf falman waliin walitti dhufeenya qabaatulleen, haleellaa Gaazaa keessatti raawwatamaa jiru mormuudhaan jireenyasaa ni balleessa jedhee kan eege omtuu hin turre.

Aroon adurreessaa waliin

Madda suuraa, FRIENDS OF AARON BUSHNEL

Haala dhalootaafi guddina Aroon

Aroon dhalatee kan guddate Orliins, Maasaachustees keessatti.

Hiriyoonni isaa akka jedhaniitti hawaasa amantaa Hawaasa Yesuus (Community of Jesus) jedhamuun beekamu keessatti amantaan guddate.

Hiriyaan ijoollummaasaa Ashilii Shumaan Niiw Yoork Taayimsiitti akka himteetti, bara 2019tti hawaasicha gadi dhiisee bahuu dubbatti.

Aroon Hawaasa Yesuus qofaa osoo hin taane, maatiisaa irraa illeen ofiisaa adda baasee akka ture Meesan BBCtti himeera.

Miseensoonni hawaasichaa duraanii tokko tokko miidhaan qora qalbii irra gahuu bara 2021tti gabaasa qorannoo ABCn hojjateen hammatameera.

BBC maatii Aroon akkasumas miseensa hawaasichaa fi miseensoota hawaasichaa duraanii irra yaada argachuuf kan gaafate ta'ulleen hunduu deebii kennuurraa of qusatan.

Aroon ijoollummaa isaatti miseensa garee diraamaa dardarootaa 'Spirit Winter Purkeshin' jedhamu ture. Waggaa jahaan duras miseensoota uffata dambii bareedaa uffatan jidduudhaa Aroon seeqaa suuraa ka'an toora Facebook isaarratti qoodee ture.

''Yeroo sanattis mata dureewwan ispoortii, muuziqaa fi kan kana fakkaatanii malee hin haasa'u ture'' jechuun miseensa garichaa kan ture tokko Biriyaan Ispeensar BBCtti kan dubbate.

“Namni hundi gaarii turan. Nama gargaarsa barbaadaniif dursa qaqqaba ture,'' jedha.

Aroon bara 2020 kaasuun miseensa humna qilleensa Ameerikaa ta'un tajaajile. Yeroo dhihoon as ammoo hojiinsaa ittisa saayibara keessa ture.

Erga dhuma bara darbeerratti Saan Antooniiyoo gadi dhiisuun baheen booda, hanga du'eetti Ohaayoo jiraataa akka ture hiriyoonnisaan ni dubbatu.

Aroon miseensa humna qilleensaa Ameerikaa umurii guutuu ture.

''Gadda cimaa du'a miseensa humna qilleensaa Aroon Bushineelitti natti dhagahame maatiifi firoota isaaf ni ibsina'' jechuun ture miseensi Humna Qilleensaa Ameerikaa Koloneel Seeliinaa Nooyiis ibsa kennaniin kan dubbatan.

Sirna yaadannoo dungoo ibsuu gaggeeffamerrattis hiriyoonni isaa dhimmoota inni itti amanaa ture irratti xiyyeeffachuun yaadatanii ture.

Sirna sanarratti dubartiin Aroon waliin hojii tola ooltummaa hojjataa turte waa'ee isaa ''waan nama gaddisiisan hedduu dhageessa, akkasumas dhimmota ciccimoo hedduus ni dhageessa,'' jette.