Israa’el hidhamtoota waraanaa Gaazaa dararuu UN himate

Madda suuraa, REUTERS
Gabaasaaleen keessoo dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii BBC'n ilaale, Filisxeemoonni tibba waraanaa Gaazaa gaggeeffamaa jiruutiin to’atamanii fi manneen hidhaa yeroo Israa’el keessatti qoratamanirra dararaa olaanaan akka raawwatame ibseera.
Sanadni wixinee gabaasaa UNtti Ejansii Hojjattoota Gargaarsaa (Unrwa), ejansii UN adda durumuudhaan Filisxeemoota deeggaruutiin qindeeffame kunis, dhugaa baatii hidhamtootaa haala qabiinsa sukkanneessaa ture gadi fageenyaan ibsanii kan hammateedha.
Isaanis akka reebaman, humnaan hidhaa keessaa akka galfamaniifi sarootaan akka miidhaan irra gahe, yeroo dheeraadhaaf haala dadhabsiisaa keessa akka dabarfamaniifi ‘‘miidhaa humnaa ifa hin taane’’ irratti raawwatamuufi kaan isaanii haala kanaan wal qabatee miidhaa akka "lafeen ceekuu cabuu, saggoon buqqa’uufi miidhaa cimaa kaaniif’’ saaxilamuu tarreessan.
Gabaasichi dhiirootaafi dubartoonni gochaawwan, tuttuqaaa dubartoota haala hin mallee fi qaama saala dhiirootaa rukutuu dabalatee, ‘‘dorsiisoo fi miidhaa fi qoccollaa saal-qunnamtii’’ irra gahu dubbachuu hammata.
Humni Ittisaa Israa’el (IDF) ibsa BBC’f kenne keessatti, ‘‘Dararaan hidhamtootaa wayita isaan mana hidhaa turanii ykn yeroo qoratamaniitti raawwatamu kan dudhaalee IDF cabsuu fi kan hinfudhatamne, akkasumas guutummaan kan dhorkameedha’’ jedhe.
Kana malees himannaawwan akka bishaan, kunuunsa wallaansaa fi lafa ciisiichaa hin argannee dhorkamuu jedhan dabalatee, himannaawwan dhiyaatan kuffiseera.
Akkasumas IDF himannaan miidhaa saal-qunnamtii dhiyaates ‘‘yaalii qaanessaa gara biraa, Hamaas adeemsa dirqiidhaan gudeeduu akka meeshaa waraanaatti itti fayyadameen haala wal fakkaatu uumuuf kiyyeeffameedha’’ jedhe.
Waraanni Israa’el ibsa Niiw Yoork Taayimsiifi Gaardiyaaniif kenneen, namoota dhibeefi miidhaa duraa qaban dabalatee namoonni hidhaa keessatti du’an jiraachuu himuun, duuti hunduu qoratamaa jira jedhe.
Gabaasni UNRWA amma bahe kun, gabaasaalee amma dura dhaabbilee mirga namoomaa Israa’eliifi Filisxeemiin, akkasumas qorannoowwan UN kan biraatiin kan walsimudha.
Gabaasni UN dhiheenyaa, ganaa hin maxxanfamin kunis, af-gaaffii hidhamtoota 100 ol, kanneen qaama hidhamtoota 1,000 ta’anii kan UNRWAn erga Muddeetii kaasee ergasaani buufataalee waraanaa Israa’elii gadhiifamanii galmeessuu danda’e waliin taasifame irratti kan bu’urreeffatedha.
Namoonni kunneenis daa’imman 29 dabalatee, dhiiraafi dubartoota umuriin isaanii waggaa jahaa-82 jidduutti argamudha.
Ejansichi odeeffannoo kanas tibba qaxxaamura Keereem Shaaloom kan Israa’eliifi Gaazaa jidduutti argamuufi karaa Waraanni Israa’el ittiin namoota to’ate gadi lakkisaa turetti osoo gahee deeggarsa namoomaa qindeessaa bahaa ture akka argate ibse.
Filisxeemoota hidhaarra gadhiifamaniin odeeffannoon ‘‘fedhiifi walabaan’’ kennamaa tures jedheera.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ejansichis yaada BBC ergeen himannaawwan Israa’el irratti hidhamtootaan dhiyaatan kanneen ‘‘naasisaa garuu ammo waan haaraa miti’’ jedhe.
Gabaasichi Filisxeemoonni hedduun kaaba Gaazaa keessatti osoo gara kibbaatti baqataa jiranuu hospitaalootaa ykn manneen barnootaa dahatanii turan harka kennachuu hime.
Kaan isaanii jiraattota Gaazaa hayyama hojiitiin Israa’el seenaniidha. Hundi isaaniitu yeroo waraanni eegaleetti waan israa’el keessatti danqamaniif booda hidhaman jedhe.
UNRWAn erga haleellaa Hamaas Onk. 7, 2023 Israa’el irratti raawwachuun Israa’eloota 1,200 ajjeessuun kanneen 250 ta’an ukkaamsuun fudhateen booda waraanni eegalee as, Filisxeemoonni 4,000 olta’an Gaazaa keessatti qabamuusaanii hima.
Waraana amma baatii shanaffaa isaa qabateen, Filisxeemoonni 30,000 ol ajjeeffamuu Ministeerri Fayyaa Gaazaa Hamaasiin durfamu beeksiise.
Dhaabbanni UNRWA mataansaa tibba waraanaa kanaatti Israa’el irra deebiin Hamaas deeggaruufi miseensoota isaa mindeessuudhaan himatti.
Hojjattoonni dhaabbatichaa 13,000 hojii deeggarsa namoomaa Gaazaa keessaa hojjatan garuu himannaa kana ni haalu.
Haata’u malee dhaabbatichi hojjattoota isaa Israa’el haleellaa Onk. 7 keessaa harka qabu jettee ifa goote booda, battalumatti hojiirraa ari'eera.
Himannaan kunis UN kan gara biyyoota 20n durfamuufi biyyoota deeggarsa dhaabuuf jedhan waliin qoratamaa jira. EU'n garuu dhiheenya deeggarsa isaa kan deebisee eegale yoo ta’u, biyyoonni kaanis deebiisanii eegaluuf qophiitti jiraachuutu gabaafame.












