Suuraaleen saatalaayitii daandii Waraanni Israa'el Gaazaa keessatti ijaare xumuramuu mul'isan

Madda suuraa, עכשיו 14
Humni Ittisaa Israa'el (IDF) daandii haaraa kaaba Gaazaa keessa qaxxaamuru ijaaree xumuruu, BBCn suuraalee saatalaayitiirraa mirkaneeffateera.
Israa'el ulaa qarqaarsaan ijaaraa jira jetti. Ogeeyyiin gariin garuu daandii kun kan yeroof ijaarame miti jechuun yaaddoo qaban ibsu.
Sodaan isaaniis akka keellaa ykn danqaatti ta'uun, Filisxeemoonni gara qe'eesaanii gama kaabaatti akka hin deebine dhorkuuf ooluu mala kan jedhudha.
Daandiin haaraan kunis dallaa daangaa Israa'el Gaazaa wajjin qabdu dhiyeenya Nahal Oz kibbutz jedhamu irraa eegala. Gaazaa keessa qaxxaamuruunis hanga gama lixaa dhiyeenya qarqara galaanaatti fulla'a.
Miseensi waraanaa soorama bahaniifi gorsaa nageenyaa duraanii MM Israa'el Beenjaamin Netaaniyaahuu kan tahan Brigaader Jeneraal Jeekob Naagel, kaayyoon daandii kanaa, gaafa sodaan haaraa mudatu humnoota nageenyaaf akka karaa saffisaatti itti gargaaramaniidha jechuun BBC Afaan Arabaatti himan.
Haatahu malee xiinxaltoonni, daandiin kun qaama karoora Israa'el lola kanaan booda Gaazaa keessa turuuf qabdu mul'isa jechuun sodaa qaban himan.

Daandiin haaraan kun kaaba Gaazaa keessa qaxxaamura. Iddoowwan jiddugalaafi kibba keessa jiran daandii kanaan gadi jiru.
Daandiiwwan bahaafi lixa walqunnamsiisan kaan jiranis, daandiin IDF haaraa kun guutummaa Gaazaa otoo addaan hin citin kan qaxxamuru isa duwwaadha.
Kana malees daandiiwwan gurguddaa Gaazaa keessaa Saalah al-Din fi al-Rashid jedhaman wajjinis walqaxxaamura.
Gurraandhala keessa MM Netaaniyaahuu, mul'atasaanii Gaazaa waraanaan boodaaf qaban ennaa ifa godhanitti, Israa'el hanga hin daangofneef dhimma nageenyaa akka to'attu himanii turan.
Dureewwan idil-addunyaa, Israa'el lammiillee Filisxeem qe'eerraa hamma dhumaatti buqqisuu ykn bal'ina Gaazaa xiqqeessuurraa akka ofqusattu amma dura akeekkachiisanii turan.
Daandiin haaraan kun Israa'el waraanaan booda tarsiimoo qabdurratti marii jalqabsiisuun isaa waan hin oolledha.
Waa'ee daandii haaraa irratti IDF kan gaafate BBC'n, "oppireeshiniin dursa qabachuuf" yaalaa jiraachuufi sosochii waraanaafi meeshaalee mijeessuufiidha jechuun deebii kenne.

Waa'ee daandii kanaa maal beekna?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
BBCn xiinxala suuraalee saatalaayitii godheen, IDF daandiiwwan haaraa km5 ol tahan ijaaruun, daandiiwwan amma dura wal hin qunnamne wal qunnamsiiseera.
Kutaan jalqabaa daandichaa kan gama bahaan qarqara daangaa Israa'el jiruu, Onkololeessaa fi Sadaasa dabre keessa jalqabame.
Garuu kutaan daandichaa haaraan gara caalu Guraandhalaa fi Bitootessa gara jalqabaatti ijaaraman.
Ulaan haaraan kun daandiiwwan Gaazaa keessa baratamaniin alatti bal'insa qaba - osoo Saalah al-Diin hin dabalatiin.
Xiinxalli suuraalee waan mul'isu - gamoowwan ulaa kanarra jiraniifi mankuusaalee fakkaatan, Amajjii fi Guraandhala keessa diigaman.
Kanneen diigaman keessaa gamoon darbii hedduu qabu tokko jira.
Iddoowwan Gaazaa biroon walbira qabamee ennaa ilaalamu, daandiin kun mandaroota ijaarsa muraasaa qabaniifi lakkoofsa uummataas hedduu hinqabne keessa dabra.
Kana malees ulaa yeroo IDF amma dura bahaa gara dhihaa adeemuuf itti fayyadamaa tureen dhiyeenya gara gadiitti argama.
Chaanaaliin TV Israa'el keessaa tokko Guraandhala keessa waa'ee daandii kanaa gabaasa hojjeteen, maqaan koodii isaa "Highway 749" ta'uu himeera.
Rippoortarri Channel 14 daandii kanarra waraana Israa'el wajjin kan imaluun haala jiru daawwachiisan.
Viidiyoo kanarratti, maashinaroonni daandii ijaaraniifi qotan, kutaa daandiichaa haaraa ijaaruuf qophii taasisaa jiraachuu mul'ateera.

Madda suuraa, עכשיו 14
Tajaajila maaliif ooluu mala?
Xiinxaltoonni dhaabbata odeeffannoo tikaa fi ittisaa Janes akka jedhanitti, gosti uwwisni daandii viidiyoorraa mul'atee, konkolaattota waraanaa sibila uffataniif kan mijatudha.
IDF ibsasaa keessatti qabxiilee gadifageenyaa akkasii hin kaasne. Ibsi baase: "Qaama oppireeshinii lafoorraan, IDF ulaa [kana] ittiin daddarbuuf gargaarama," jedha.
Jeneraal Jeekoob Naagel gamasaaniin, daandiin kun dhimma nageenyaaf akka oolu cimsanii kaasu.
"Israa'el akka baatee galtu gargaara... sababiin isaas Israa'el ittigaafatama ittisaafi nageenyaa Gaazaa guutummaa fudhatti," jechuun BBC kutaa Afaan Arabaatti himan.
Dabaluunis "daandii kutaa kaabaa fi kibba gargar qooduudha" jechuun ibsan.
"Hanga balaan dhalatutti eeguu hin feenu." jechuunis dabalanii dubbatan.
Qondaalli waraanaa IDF duraanii Meejar Jeneraal Yaakov Amidroor, yaada walfakkaataa qabu.
Kaayyoon ijoo daandii haaraa kanaa "naannicharra to'annoo lojistiikii fi waraanaa mijeessuufi," jedhan.
Miseensi waraana Biriteen duraanii fi dhaabbata odeeffannoo tikaa Sibylline hoogganu Jastiin Kiramp, daandiin haaraan kun daran murteessaadha jedha.
"Qaama tarsiimoo yeroo dheeraa hordoffii nageenyaa fi to'annoo Gaazaa Istriip keessaa fakkaata," jedha Kiramp.
"Iddoon kun Magaalaa Gaazaa bulchiinsicha kibbarraa adda kuta. Kunis sarara to'annoo bu'aqabeessa sochii hordofuu fi daangeessuuf gargaarudha. Kana malees dirreewwan dhukaasuuf golgaa hintaane qaba."
Institiyuutii US'tti buufate 'Middle East Institute' keessa kan hojjetu Kaaled Elgindii akkasuma, daandiin kun piroojektii yeroo dheeraati jedha.
Kaaled Elgindii xiinxalaa tahuun alatti, institiyutichatti Daarektara Sagantaa Dhimmoota Filisxeem fi Filisxeem-Israa'el tahuunis tajaajilu.
"Waraanni Israa'el yeroo hin murtoofneef Gaazaa keessa tura," jechuun Obboo Kaaled BBCtti himan.
"Gaazaa bakka lamatti addaan hiruun, Israa'el waan Gaazaa keessaa bahuufi galu to'atti callaa moti. Sochii Gaazaa keessaallee [ni to'atti]," jedhu xiinxalaan kun.
"Kunis lammiilee Filisxeem miiliyoona 1.5 tahaniifi qe'eerraa buqqa'uun gama kibbaa jiran, gara qe'eesaanii kaabaatti akka hin deebine dhorguu of keessatti qabata."












