Kanaadaatti godaantotaaf hojii argachuun salphaa tahaa jiraa?

Kanaadaa

Madda suuraa, Getty image

Ontaariyoon dhaabbilee hojjettoota qacaran muuxannoo hojii Kanaadaa qofa akka ulaagaatti akka hin gaafanne dhorkfuuf jetti.

Dhorkaa kanaafis seerri wiixinee 149 raggaasiifamuuf adeemsarra jira.

Kuni immoo godaantota gariiniif carraa banuu mala, tahus loogiin dhimma hojii irratti mudatu sanaafi kana kan jedhamu miti, wal-xaxaa dha.

Kanaadaan godaantota baayyee simatti. Bara 2023tti qofa qondaalonni godaansaa Kanaadaa godaantotaaf ''eeyyama jiraataa'' 526,000 kennaniiru.

Haatahu malee godaantonni lammummaa hin argannee fi ''waraqaa eeyyamaa jiraataa,'' qaban kunneen hojii muuxannoo barumsaa qaban gitu argachuu rakkatu.

Sababiinsaas Kanaadaan godaantota barnoota olaanaa ykn digrii qabani dha kana hojiif filatan.

Godaantoonni ulaagaa kana guutanillee yerootti hojii dandeetti isaanii gitu hin arganne waan jiruuf hojii ''kaffaltii xiqqaa qabu'' ykn wabii hin qabne hojjechuuf dirqamu.

''Iyyatni hojii kee gaarii dha, muuxannoofi barnoota gaariis qabda garuu Kanaadaatti hojjettee hin beektu, kanaaf sin qacarru dha dubbiin,'' jedhu Izumii Saakaamootoo Yunivarsiitii Toroontootti dhimma godaantoota kan qo'atan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sadaasa 2023, mootummaan naannoo Ontaariyoo tarkaanfii guddaa tokko fudhate. Kunis seera wiixinee dhaaboti hojiif beeksisa gaafa baasan muuxannoo hojii Kanaadaa akka ulaagaatti akka hin keenye kan dhorku dha.

Ontaariyoon naannoo Kanaadaa baay'ina uummataa isa guddaa qaban keessaa dha. Seerri sadarkaa wiixineerra jiru kuni ammallee adeemsarra kan jiru yoo tahu, ogeessonni garuu seerichi akka raggaasifamu tilmaamaa jiru.

Ogeessoti akka jedhanitti, dhorkaan kuni kanneen reef biyya sana galaniifi godaantota sababa digriiifi muuxannoo isaanii Kanaadaadhaa gatii hin arganneef qofa loogiin irra gahuuf tarkaanfii guddaa dha.

Sakaamootoon garuu, ''qormaanni qacarrii kan namoota dhaabbata qacaruu muraasa hirmaachisuu fi cufaan adeemsifamu gatii taheef namoonni maaliif hojii tokkoof akka hin darbine baruu hin dandeenyu,'' jedhan.

Godaantonni baayyeen Kanaadaa dhaqan diinagdee isaanii fooyyeeffachuufi. Biyyasaanii kan dhiisanii bahan Kanaadaan carraa hojii fooyya'aa nuu kenniti jechuuni. Dhalattoota biyyattii sadarkaa isaniirra jiran caalaayyuu kanneen barnoota qaban tahuu malu.

Akka Koomishiniin Mirgoota Namoomaa Ontaariyoo jedhutti dhaabbileen tokko tokko ifatti muuxannoo hojii Kanaadaa qofa barbaadu. Saakaamootoon akka jedhanitti seektarri injinariingii Ontaariyoo hamma bara 2023tti muuxannoo hojii Kanaadaa barbaada ture.

Haa tahu malee Kanaadaan immoo, hakiimaa hanga ogeessa sibiila tumuutti hanqina ogeessootaa qabdi.

Gitni hojii 300,000 tahu qullaa otoo taa'uu jedhan Ministarri Hojjataa Deeviid Pichiinii, namoonni ogummaa qaban garuu hojii muuxannoo isaaniin gaditti tahetti dhiibamu.

''Namoonni kunneen hojii kaffaltii ogummaa isaanii madaalu akka galan mirkaneessuun hanqina hojjetaa furuu qabnaa,'' jedhan.

Akka Sakaamootoon jedhanitti muuxannoon hojii Kanaadaa waan lama of keessaa qaba, innis (Hard skills and soft skills) warreen jedhamanii dha.

Dandeettii ykn ogummaan inni duraa(Hard skills ) isa iyyata hojii irratti mul'atu: iyyataan eessatti baratee, waraqaa ragaa barnootaafi hojii akkamii qabaa kan jedhu dha. Seerri wiixinee 149 kunis dandeettii kanarratti loogii uumamu hambisuuf kan kaayyeeffate dha jedhan.

Dandeettiin inni kaan garuu aadaa hojii dhaabbata tokkoo irratti kan hunda'u dha. Kunis fakkeenyaaf hogganoota qacaruu fa'i irratti murteessaa dha. Dandeettiin inni kun(soft skill) fakkeenyaaf, gareen hojjechuu danda'uu, rakkoo furuu, hariiroo gaarii uumuufi haala tokkotti dandeetti of madaqsuu fa'i dha.

Ogummaa kanaaf iyyataan hojii tokko digirii dhiyeessuu danda'uu dhiisuu mala. Sababiinsaa dandeettiiwwan kunneeen yeroo baayyee hariiroo hawaasaa irraa kan argaman waan tahaniifi.

Saakaamootoon dhaabonni baayyee yeroo dhihootiin asitti Kanaadaa dabalatee biyyoota gargaraa keessatti namoota qacaruuf dandeettiiwwan kunneen irratti hundaa'u.

Fakkeenyaaf namni tokko ogummaa hojii gaarii otoo qabuu loqoda namni wayii itti dubbatu irratti jibba qaba jedhamuun iyyatni hojii isaa jalaa kufuu danda'a. Kunis dhimma mariif dhiyaatu hin tahu jedhan.

''Dhaabonni kaan muuxannoo hojii Kanaadaa jedhanii ifatti baasuu baatanillee, dandeettiiwwan barnootaafi hojii wajjin kallattiin wal hin qabanne eeruun iyyattoota kana qooduu malu,'' jedhan.

''Qacaraa jirra: muuxannoo gosa hundaafuu banaa dha''

Seerri Ontaariyootti ragga'uuf jiru kuni isa guddaa haa tahuyyuu malee naannoleen Kanaadaa kaanillee suuta tarkaanfii kan fudhachuun isaanii hin hafu.

Nannooleen kanneen akka Biriitiish Kolombiyaa, kanneen gara lixaa jiran godaantota baayyee waan fudhtaniif seera wiixinee wal-fakkaataa baasaa jiru. Kuni gara seeraatti yoo ragga'eef humna hojjetaa Kanaadaa irratti dhiibbaa guddaa qabaachuu mala.

Saakaamootoon seerri wixinee Ontaariyoo akka ragga'u abdachuun, kanneen qacarrii raawwatan ammoo dandeettiiwwan namaa wajjin waliigaluufi kaan akka sababaatti fayyadamuun iyyattoota hojii akka hin loogneefi godaantota haaraa dhufaniif banaa akka tahan gaafatu.

Kanaan achi seerri muuxannoo hojii Kanaadaa akka ulaagaatti kaa'uu dhorkuun qofti rakkoo hin furu jedhan.

''Ilaalchi godaantota looguu yoo hin furamne, haala tahe tokkoon iyyataa qooduun hinuma jiraataa,'' jetti.