Magaalota addunyaa kudhan jireenyaaf filatamoo ta'an

Magaalaa Akkuuland kan Niiwu Ziilaand

Madda suuraa, Getty Images

Magaalaan tokko jireenyaaf mijataadha jechuun maal jechuudha? Magaalaan tokko jireenyaaf mijateera jedhamuudhaaf maalfaa guuttachuu qaba?

Gaazexaa beekamaan qaama Ikonoomistiifi kan gabaasaalee qorannoofi balbaloomsuu hojjatuu Gareen Qorannoo Ikonomiksii ‘Global Liveability Index’ wagga waggaadhaan sadarkaalee magaaloota jireenyaaf mijatoo ta’anii baasa.

Kanaanis xinxala magaaloota addunyaa 173 kan ilaale yoo ta’u, xinxala bara kanaatiinis magaalaan guddoo Awustiriyaa, Viiyenaa sadarkaa tokkoffaarra kaa’eera.

Jireenyaaf mijatoo ta’udhaan sadarkaa olaanaarra kan ka’aman irra caalaan magaalota warra lixaati.

Dhaabbatichi magaaloota yoo filatu ulaagaa kan godhate tasgabbii, sirna fayyaa, aadaafi haala naannawaa, akkasumas haguuggii barnootaafi misooma bu’uuraalee ilaaluun.

Qala’insa gatii gabaa addunyaa, akkasumas waraanni Raashiyaafi Yukireen jidduutti uumamee tasgabbii dhabiinsa gabaa miidhaaniifi nyaataa hordofsiisulleen, magaaloonni filataman rakkoolee kanneen dandamachuun jiraattota isaaniif jireenya gaarii mijeessuu isaanii ilaaleera.

Magaalaan Afriikaa sadarkaa dhumaarra kaa’aman ammoo magaalaa Liibiiyaafi magaalaa waraanaan jeeqamaa jirtu Sooriyaa attamiin jiraattota isaaniif rakkisaa akka ta’an gabaasichaan ka'eera.

Magaaloota addunyaa barana jireenyaaf mijatoodha jedhaman keessaa BBCn jiraattota magaalaa jahaa dubbisuun mijachuu magaalota kanneenii ilaaleera.

Viiyeenaa-Awustiriyaa

Magaalaa Viiyeenaa, Awustiriyaa

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Magaalli guddoon Awustiriyaa, Viiyeenaan magaaloota addunyaa kanaa jireenyaaf mijatootadha jedhaman keessaa tokkoffaarra yoo kaa’amtu kun yeroo jalqbaaaf miti.

Wagga lamaan dura sababii weerara Covid-19n dhorkaan man-kuusaafi restoraantootasheerra keessee turte sadarkaa tokkoffaa dhaabsiisulleen, irra deddeebiin sadarkaa tokkoffaa irra jirti.

Magaalattiin kan tasgabbii olaanaa qabdu, dhiyeessiin fayyaa, barnootaafi misooma bu’uuraalee guutuu haala jechisiisuun gahaa ta’uu jiraattoonni dhugaa bahu.

‘‘Magaalattiin kan wanti hundi keessatti argamuufi eddo jireenyaa guutamtuudha,’’ jedhan Maanu’el Fiiliippaa. Maanu'eel abbaa qabeenyaa mana nyaataa Konstaantiin Fiiliippaa jedhamuufi mana dhugaatii keessatti kan bulchuudhan.

Magaalattiin ogummaa ijarsa gamoo seenaa bara dheeraa, sirna geejjiba ummataa amansiisaa, tajaajila kunuunsa daa’imanii dandeettii hubannoo keessa galchee qabaachuudhaan jireenya jirraattotaa akka salphise himama.

Kana malees, kaaffeewwan, manneen tiyaatiraafi warshaalee dhugaatii wayinii qarqara magaalaattiitti argamaniifi ija namaa hawwatan, kan akka yeroo hunda bakka bashannanaa jirtaniitti isiniitti dhagahamu taasisanidha jedhu Maanu’eel.

Itti dabaluunis, ‘‘yeroo tokko tokkos hojiin qabamnee yeroo dheeraadhaaf gara naannoolee biraatti osoo hin imalliin yoo hafnuuttu hubachuu dhiisuu malla. Garuu yoo magaalattii ilaaluutti wanti hundi qee’ee keenyatti akka argamu argina.

Jiraataan gara biraafi kan Hoteela Daas Tigraa jedhamu keessatti hojii gaggeessaa bittaafi gurgurtaa ta’an, Riichaardis Voos, sababiin magaalattiin jireenyaaf mijoftuudha ittin jedhamtu inni ijoon, magaalattii keessaa aadaa, seenaa badhaadhaa, akkasumas agarsiisawwan hedduun jiraachusaaniti jedhu.

‘‘Viiyeenaan magaala ijaarsa gamoowwan ogummaa seenaafi ajaa’ibooti. Kanneen keessaa Masaraan Shonbiruun, Hofbarg fi manni qopheessaa Viiyeenaa kanneen ajaa’ibsiisoo ta’an keessaayi,’’ jedhan.

‘‘Kana malees, magaalattiin aadaa muziqaasheetiin maqaa gaarii qabdi. Qopheessitoonni muuziqaa addunyaarratti maqaa olaanaa qaban Mozaart, Beethoovan fi Sitiraawusan magaala kana keessa jiraataa turan,’’ jedhu.

Jiraattonnis ashaaraawwan seenaa kanneen akka godambaa, manneen tiyaatiraafi eddoowwan muziqaa Oppeeraa hedduu magaalattii keessatti argaman haala salphaatti dowwachuu danda’u.

Aadaan nyaataa magaalatii baayyee kan cimee ta’uu kan kaasan jiraataan kun, daawwachiistoonni haaraanis keekiiwwan chakooleetii baayyee mi’aafi foon jabbii irraa hojjataman kan akka Wiinar Shiiniitiziil, Saachartoree jiran osoo hin dhandhamatiin hin hafinaa jedhu.

Akkasumas, gabaa akka jaarraa 16ffaa keessa hundeeffamuun himamu Naashimaarket akka daawwatan gorfamu.

Meelbarn-Awustiraaliyaa

Meelbarn-Awustiraaliyaa

Madda suuraa, Getty Images

Magaaloonni Awustiraaliyaa Meelbarniifi Siidiniin sababii weerara Covid-19n sirni fayyaasaanii dhiibbaa olaanaa keessa galee ture. Yeroo dheeraadhaaf dhorkaa waan kaa’aniif sadarkaan gadi bu’an kan turan yoo ta’u, ammatti dandamachuun bakka jireenyaaf mijatoo ta’an deebiisanii qabataniiru.

Keessattuu magaalli Meelbarn jidduugala aadaa biyyattii ta’uu jiraattonni kan dhugaa bahan yoo ta’u, baranas sadarkaa sadaffaa irra jirti.

‘‘Meelbarn agarsiisa nyaataa ajjaa’ibaa, ogummaawwan aadaa, qophiiwwan boqonnaa hin qabneefi eddoowwan awwataa qabdi. Akka formulaa Awustiraaliyaatti 1 fi Graand Piriiksi jiranis, dorgommiiwwan idil-addunyaa keessuummeessuudhaan wagga hanga waggaatti akka ho’iituu ni taasisa,’’ jechuun kan dubbatan ammoo kaampaanii Keeriiyar Soolushiin jedhamuutti hojji-gaggeessaa olaanaafi falmaan mirga qaama miidhamtootaa kan ta’an, Jeen Mooreel’dha.

Magaalattii keessa socha’uun salphaadha. Magaalatii guutuu keessa sa’aatii barbaaddeetti baaburaan socha’uun ni danda’ama. Qarqarrawwan galaanaafi qonni wayinii addunyaarratti beekamanis eddoo hawwataati.

Barreessaan Kaalifooriniyaarraa dhaqe Kiim Konar gamasaanitiin, magaaloota Awustiraaliyaa kaan irra Meelbarn maaliif filatamtuu akka taatee ni dubbata.

‘‘Magaala Sidiinii yeroodhuma agartu si dinqiisiisa. Qarqarri galaanaashee, ogguummaan ijaarsa gamoowwanii, akkasumas teessuummni magaalattii kan waliigalaa qalbii nama haawwata. Ta’us Meelbarn addadha.

Meelbarn haala teessuma ishee osoo hin taanee caalaa kan jaalala nama qabsiisuu bareedina aadaa isheeti’’ jedhu barreessaan marsariitii ‘Adventure and Sensetive’ jedhamu irratti barreessan kun.

Itti dabalunis, ‘‘Kaaffee xiqqoo qarqara daandiitti argamtu keessatti buna bara jireenyaa keessan dhadhanamattanii hin beekne yoo isiniif dhiyaatudha kan rukkuttaa onnee Meelbarn argattan.

Manneen nyaataa naanawa magaalattiitti argaman nyaata mi’aawaan dhiyeessan kan ajaa’ibaati. Magaalattii keessatti karaa karra icciitiin dabartanii manneen dhugaatii kokteelii argattan ammoo miidhagina gara biraati,’’ jedhu.

Kiim jiraattota Sidiinii caalaa kan Meelbarn simmattoota keessummaati jedhu. ‘‘Jiraattoonni Meelbarn nagaa kan nama gaafatan, keessummaa kan simataniifi nama waliigalanidha,’’ jedhu.

Vaankoovar-Kanaadaa

Magaaloonni Kanaadaa sadii: Kaalgaarii, Toroontoofi Vaankoovar magaaloota 10 jireenyaaf mijatoo jedhaman keessatti hammatamniiru. Vaankoovar ammoo sadarkaa shanaffaa irra kan kaa’amte yoo ta’u, jiraattonnis waa’ee magaala tanaa yoo dubbatan jaalalaan.

‘‘Vaankovar qabeenya umamaatiin kan badhaatedha. Magaala mukeeniin guutamteefi kan galaannni keessa qaxxamuruudha,’’ kan jedhan jiraataafi abbaan qabeenyaa dhaabbata daldala xiqqaa Toom Hotidha.

Magaala teessuma adda addaatiin badhaate Vaankoovar keessa yoo barbaaddan atobisiin, bisikileetii, baabuura ykn bidiruudhaan socha’u dandeessu.

Vaankoovar argama aadaafi uummata hedduu ta’ushee kan ibsan nyaatasheeti. Nyaataa Itoophiyaatii kaasee nyaatawwan mi’aawoo Tiibeet Momos jedhaman ni argattu.

Aadaafi afaanota garaa garaas keessatti dubbatama. Eddoowwan paarkiifi bakkeewwan bashannanna qarqara galaanaa ijoollee isaanii waliin deemanii bashannanuuf filatamoo ta’u dubbatuo Toom.

Sababii imaammata imigreshinii banaa Kanaadaan qabduutiin abbootiin qabeenyaa daldalaa biyyoota alaa hedduun filmaatasaanii taasifataniiru.

‘‘Akka nama hojii uumuufi baqataa Kirooshiyaatti magaalaa hojii daldalaa jajjabeessituufi kan lammiilee biyya biraa simmattu taatee argachuuf barbaadaan ture,’’ kan jedhan hojii gaggeessaan Appii Mobaayilii Rookeetiplaan jedhamuu, Joo Tolzimaan turan.

‘‘Magaalli Vaankoovar daldala eegaluudhaaf imaammatashee qofa osoo hin taane, qajeelummaan uummatichaas filatamtuu ishee taasisa. Tarkaanfii hundarratti deeggarsatu siif kennama. Tajaajila ni argatta. Hawaasni daladalaa deeggaraafi hunda hammataadha,’’ jechuun ibsu.

Hojii daldalaatiin alattis teessuumni magaalattii gaarreenniifi galaanaan dabaalame boqonnaa sammuu namaaf kenna jedhu Joo.

Osaakaa-Jappaan

Magaalaan Jappaan Osaakaan magaala biyyoota Eshiyaa sadarkaa 10ffaarra kaa’amte kan qofaati. Magaalattiin haala tasgabbaa’inaa, sirna fayyaafi damee barnoota qabduutiin haguuggiin jirraattotaaf kennitu qabxii warra ragaa funaananii 100 argateera.

Yeroo amma qaala’nsi gatii jireenyaa maatii addunyaa kanaa hedduu qoraa jiru kanaatti shaqaxoonni gatii gadaanaan magaalattii keessatti dhiyaatan jiraattotaaf magaala filatamtuu taasiseera.

‘‘Kiraan manaa Osaakaa keessa jirus yoo magaaloota Jappaan kaaniifi magaaloota addunyaatiin walbira qabamu qaalii miti,’’ jechuun jiraataan magaalattii kan Vaankoovar irraa garas dhaqan, Sharlii Shaangii ni dubbatu.

‘‘Kiraa manakoof ji’aan kanan kaffalu gara doolaara 700 yoo ta’u, kunis baasiiwwan bishaanii, intarneetiifi suphaa hunda kan dabalatudha. Manichi jireenyaa haaraafi qulqulluudha. Magaala Vaankoovar kan duraan keessa jiraadhuutti mana akkanaa argachuuf yoo xinnaate doolaara 1,200 ji’aan kaffaluu qabda," jedhan.

Dhimmi magaala Osaakaa jiraattotaan jaalatamtuu taasisu biraan, baataani manaa nyaataatii yoo soorattan qaalii ta’uu dhabuusaati.

‘‘UK bakkan itti dhaladheetti osoon bahee mana nayaataan nyaadha jedhee, galiinkoo baayyee miidhamuu danda’a. Osaakaatti garuu riistoraantoota qulqullina qabaniifi sadarkaasaanii eeggatanitti garii gaariidhaan nyaachuu dandeessu,’’ jedhu jiraataan Jeems Hiils jedhaman.

Osaakaan magaalota gurguddaa walfakkaatan gara biraa caalaa tasgabbiifi nageenyaan kan guutamte ta’usheetti nageenyatuu natti dhagahama jedha.

‘‘Osoo halkan wallakaayyuu daandiirra qofaa koo imalee yaaddoon natti hin dhagahamu. Borsaankoo ni hatama jedhee yaaddoo omaa hin qabu. Magaala nagaadhaan guutamtedha,’’ jedhu Sharliin.

Magaalattii keessa socha’ufis ta’e magaalaa bahuun hanga Tookkiyoo, Naaraafi Koobee faa doowwachuu yoo barbaaddan tajaajjilli baaburaa haalaan isiniif salphisa.

Oklaand- Niiwu Zilaand

Magaalli Niiwu Zilaand Oklaand kan Osaakaa waliin sadarkaa 10ffa irra kaa’amte waggoota 25 darbaniif sadarkaa kanarraa gadi buutee hin beektu.

Magaalattiinis taatee biyyattiin sababii weerara Covid’n dhorkaafi qajeelfamoota ka’amaniin walqabate sadarkaanshee bu’ee ture.

Magaalli sirna barnootaa isa gaarii jedhame diriirsitee jirti jedhamte tunis, aadaafi teessuumni umamaa qabdu jiraattoonni akka jaallatan taaseera.

‘‘Qarqara galaanaa bareedaniifi dhorkaman argachuudhaaf jiraattoonni magaalattii fagoo imaluun hin barbaachisu. Karrasaaniirratti eddoowwan taphaa bishaan keessaa ajaa’iboo qabu. Magaalattiin daandiiwwan gammachiisoo hedduu jiraattootaaf diriirsitee jirti. Magaalattiin kan magariisa umamaatiin badhaate ta’usheetiin osoo akka magaala keessa jirtan isiniitti hin dhagahamne akka miira gammachuutiin dabarsitan isin taasisan,’’ jedhu barreessaan Meegaan Laawurans jedhaman tokko.

Magaalli guddoon Niiwu Zilaand Oklaand Waancaa Dubartoota Addunyaa 2023 dhiheenya xumuramee keessatti qophaa’ee ture.

‘‘Konsartiiwwan, tiyaatroonniifi dorgommiiwwan ispoortii ajaa’iba jedhaman ni hirmaattu. Olaantumma Masriin bara Fari’onootaattii qabaachaa turte arguudhaaf gara goodambaa Oklaand deema’’ jechuun ibsan waahilli Kaampaanii imalaa AAT Kings, Gireeg Maareet.

Kana malees, buufanni magaalattii bareedina addaa kan kennaniif yoo ta’u, bidiruuwwanis maqaa masoo ‘‘magaala bashannanaa’’ jedhu akka argattu taasisaniiru.

Kanneen magaalattii dowwatan seenaa galaana ishee akka hubataniif godaambaan Galaana Oklaand akka doowwataniif gorfamu.

Niiwu Zilaand bakka jireenyaa lammiilee biyyoota garaa garaa ta’usheetiin walqabatee nyaata gosa garaa garaa argattu. Hunda caalaas jaalallii dhalattoota biyyattii kan ta’an Kiwwiiwwan namaaf qaban keessoo namaatti hafa.

‘‘Kiwiiwwan gara laafeeyyiidha. Nama gargaaruuf hin nuffan. Si beekanis beeku baatanis yoo daandii qaxxaamurtan seeqanii nagaa isin gaafatu. Seequun isaaniis akka si simatan mul’isa,’’ jedhu.

Magaaloota aadunyaa jirenyaaf mijjatoo ta’an kudhan sadarkaadhaan:

Viiyeenaa- Austiryaa

Koppanhaagan- Denmaark

Meelbarn- Awustiraaliyaa

Siidinii- Awustiraaliiyaa

Vaankoovar-Kaanaadaa

Zuuriik- Siwiizarlaand

Kaalgaarii-Kanaadaa

Jenev- Siiwiizarlaand

Toroontoo-Kanaadaa

Osaakaa-Jappaan/Oklaand- Niiwu Zilaand