Baankiin Daldalaa namoonni 'maallaqa kansaanii hin taane' fudhatan akka deebisaniif guyyaa dabalataa kenne

Madda suuraa, CBE/FB
Baankiin Daldalaa Itoophiyaa namoonni maallaqa kansaanii akka hin taane osoo beekanii fayyadamanii hanga yoonaa hin deebisin jiran akka deebisaniif ''dhaamsa isa xumuraa'' dabarse.
Namoonni maallaqa baafachuun kaan ammoo appilikeeshinii baankichaa fayyadamuun maallaqa kan daddabarsan Bitootessa 15, 2024 halkan keessa yoo ta’u, baankichi wayita hojiin 'siistama wayyeessuu' hojjetamaa turetti taateen kun mudate jedhe.
Gocha maqaan barattootaa bal’inaan irratti eerame kanaan ''namoonni maallaqi kansaanii akka hin taane osoo beekanii battala siistami haareffamu kanatti maallaqa fayyadaman'' jechuun yakke Baankiin Daldalaa Itoophiyaa.
Baankichi namoonni maallaqa kansaanii hin taane fayyadaman hanga Bitootessa 21, 2016 (ALI) mala kaffaltii dijiitaalaan akka deebisaniif carraa lammataa kennee akka ture eeruun, ammas carraa biraa guyyaa sadiif turuu fi kan xumuraa ta’e kennuu ibse.
Namoonni waamicha dhihaate kabajuu dhabuun maallaqa fayyadaman guutummaatti hin kaffalle yookiin kan garii kaffalanii kaan irratti hafe suuraan fuulasaanii sirriitti mul’isu miidiyaalee garaagaraan akka ibsamu, akkasumas jaarmiyaalee muraasa irratti akka maxxanfamu baankichi akeekkachiisee ture.
Akka baankiin kun ibsetti waamicha dhihaate kana hordofuun hanga Bitootessa 30, 2024tti maallaqa ''dabaan fudhatame'' keessaa birriin 688,963,272.46 (miiliyoona dhibba jahaa fi miiliyoona saddeettamii saddeet fi kuma dhibba sagalii fi kuma jaatamii sadii fi dhibba lamaa fi torbaatamii lamaa fi saantima 46) deebifameera.
Kunis maallaqa seeraan ala fudhatame keessaa dhibbeentaa 86 ta’a jedhe baankichi.
Baankiin daldalaa kun ibsa kaleessa (Bitootessa 31, 2024) Feesbuukiisaa irratti maxxanseen namoota maallaqa kansaanii hin taane fudhatan keessaa hanga ammaatti kuma 10 fi 857 kan ta’an ofirraa deebisaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka baankiin kun jedhutti kanneen hanga ammaatti maallaqa fayyadaman deebisuu hin eegalle 177 yoo ta’an, maallaqi irraa eegamus birrii 3,246,746.80 (birrii miiliyoona sadii fi kuma dhibba lamaa fi kuma afurtamii jahaa fi dhibba torbaa fi afurtamii jahaa fi saantima saddeettama.)
Namoonni haala kanaan maallaqa Baankii Daldalaa Itoophiyaa fayyadaman akka deebisaniif yeroon baankichi kenne xumuramuu hordofee baankichi rakkoon addaa mudachuu bira ga’uu ibse.
Innis, namoonni gariin maallaqa fudhatan kana gara dhaabbilee addaa addaa galchuun, ammoo achii baasanii gara baankichaatti deebisuuf akka rakkataa jiraniidha.
Baankichi akka jedhutti namoonni gariin maallaqa fudhatan gara akkaawuntii dhababilee beetiingitti banatti galchanii achii baasuuf rakkataa jiru.
Baankiin kun kanaaf tajaajilli addatti qophaa'uu ibsuun, namoonni rakkoo akkanaa qaban damee baankichaa isaanitti dhihoo jiru deemuun unka dhimma kanaaf qophaa'e guutuun akka iyyatan dhaameera.
Namoonni kunneen rakkoon kun isaan mudachuu eeruun yeroon dabalataa akka kennamuuf gaaffii dhiheessaniiru jedha baankiin kun.
''Namoonni haala kanaan akkaawuntii dijiitaalaa garaagaraa banatanii maallaqa kansaanii hin taane fudhatanii erga achi galchanii booda baasanii gara baankiitti deebisuuf rakkataa jiran, gara damee baankichaa kamittuu deemanii odeeffannoo guutuu kennuun tajaajilamuu danda’u,'' jedhe baankiin daldalaa ibsa isaa keessatti.
Baankiin kun tarkaanfiiwwan kanaan dura eere fudhachuu akka itti fufu ibsee, namoonni kunneen maallaqa hafe deebisuuf fedhii qabaachuusaanii ilaalcha keessaa galchuun yeroo dabalataa kennuu ibseera.
''Gaaffii namoonni kunneen dhiheessan irratti hundaa’uun yeroo dabalataa kennuun bu’a qabeessa ta’ee waan argameef, maallaqa isinirra jiru deebistanii xumuruuf guyyaan dabalataa sadi kennameera,'' jedhe baankichi.
Haala Kanaan Wiixata har’aa (Ebla 1, 2024) irraa eegaluun guyyoota sadan walitti aananii jiran keessatti namoonni maallaqa isaanirra jiru damee baankichaa kamittuu deebisuu akka danda’an ibseera.
Akkasumas mala kaffaltii dijiitalaa biroo fayyadamuun ofirraa deebisuu akka danda’anis eereera.












