Baankiin Daldalaa maqaafi suuraa namoota maallaqa hin deebisne ifa gochuuf

Pirezidantii Baankii Daldalaa Itoophiyaa

Madda suuraa, Fuula FB Baankii Daldalaa Itoophiyaa

Baankiin Daldalaa Itoophiyaa rakkoo sistamaa tibba kana isa mudate waliin walqabatee faayidaa hin malle argachuudhaaf maallaqa kan isaanii hin taane fudhataniifi gara akkawontiiwwan gara garaatti dabarsan fedhii isaaniitiin akka deebisaniif hubachiise.

Namoonni mallaqa kan isaanii hin ta’iin fudhatan ykn gara biraatti dabarsan aayyeen isaanii waamicha isaaniif taasifame hordofanii gara dameewwan baankichaatti dhiyaatanii deebisaa jiraachuu kan hime Baankiin Daldalaa Itoophitaa, kanneen hin deebisiin jiran hanga Sambataatti deebisuu baannaan tarkaanfiiwwan fudhachuuf jirus ibseera.

Qaamolee seeraa waliin ta’uudhaan tarree maqaa namootaa akka beekamuu danda’anitti dameewwan baankichaatti maxxansuu, akkasumas suuraawwaniifi ragaalee eenyummaa namoota ibsu miidiyaaleen Baankichi filaterratti ifa gochuutti deemuun tarkaanfii fudhatamuuf karoorfame keessaati.

Tarkaanfiiffan eenymmaa namootaa ifa gochuu cinaatti ammoo qaamolee haqaa waliin ta’uudhaan gara yakkaan himachuutti akka deemamu Baankichi ibsa baaseen hubachiiseera.

Baankichi maamiltoonni maallaqa kan isaanii hin taane fudhatan hanga xumura torban kanaatti akka deebisan, ta'uu baannaan maqaa isaanii poolisitti akka kennu Kibxata darbes BBC’tti himee ture.

Baankiin daldalaa guddichi Itoophiyaa xumura torban darbe ‘rakkoo sistamaa’ isa qunnameen, keessumaa barattoonni barnoota olaanoo maamila baankichaa ta’an maallaqa akkaawntii isaanii keessaa hin qabne baasaa turan.

Pirezidantiin baankichaa Obbo Abbee Saannoo addatti sagantaa BBC Newsday jedhamu waliin turtii taasisaniin, hanga ‘’xumura torbee kanaatti’’ kanneen maallaqa fudhatan akka deebisan gaafataniiru.

Pirezidantiin baankichaa kanneen maallaqa kan isaanii hin taane baasan ‘’hattoota’’ jechuunis ibsan.

Baankiin guddichi Itoophiyaa kun maallaqa jalaa fudhatame deebifachuuf carraaqqii guddaa taasisaati jira.

Torban darbee Sambata barii maamiltoonni baankichaa garri caalu barattoota yunivarsiitii ta’an maallaqa hedduu baasaa, akkaawontii biraattis daddabarsaa turan.

Gabaasoti adda addaa maallaqi baankichaa duraa fudhatame hanga dolaara miiliyoona 40 gaha jedhan jiraatanis, baankichi ammatti ifatti waan dubbate hin qabu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhimma kana irra deddeebiin gaafatamanii Obbo Abbeen qarshiin fudhatame kan ibsamerraa akka ‘baay’ee xiqqaatu’ himan. Ta’us, hamma isaa ammas hin dubbanne.

‘’Hamma [maallaqaa] ifa hin goone. Sababiin isaa odiitii taasifamaa waan jiruufidha. Osoo odiitiin hin xumuramiin dubbachuu hin danda‘u,‘‘ jechuun BBC’tti himan.

‘‘Sadarkaa hamma [mallaqaa] ibsinuurra hin geenye. Sababni isaa sochiin maallaqaa [transaction] walxaxaadha, salphaa miti,‘‘ jedhan.

Dabalanii yoo ibsanis, kanneen seeraan qarshii gara kaanitti dabarsan akkuma jiran kanneen haala ture fayyadamanis jiru waan ta’eefi jechuun deebisan.

Sa’aatii muraasa keessatti maamiltoonni 10,000 ta’an qarshii akka daddabarsan adda baasuu himan.

Ta’us, kanneen keessaa warra kamitu maallaqa qaban dabarsan, warra kamitu ammoo maallaqa hin qabne dabarsan kann jedhu adda baasuuf dalagamaa akka jiru beeksisan.

‘‘Adda baasuuf yeroo muraasa barbaada. … Dhuma torban kanaatti ni xumurra jennee abdanna.‘‘

Akkasumas, kanneen ‘‘maallaqa baasuu danda’an darbanii kanneen baasan faana dhahuutti jirra,‘‘ jechuunis himan.

Ibsa kana dura pirezidantiin baankichaa kennaniin sa’aatii muraasa keessa daddabarsi maallaqaa 495,000 ta’u taasifamuu himanii turan.

'Miliquu hin danda'an'

Maamiltoonni yoo deebisuu baatan attam gootu jedhamanii gaafatamanii akkanaan deebisan.

‘’Karaan ittiin miliquu danda’an hin jiraatu. Faana dhahuun danda’ama. Gama dijitaalaan waan maallaqa dabarsaniifi maamila keenya waan ta’anifis isaan beekna.

‘‘Waan dalaganiif seeraan itti gaafatamu. Baankiin Daldalaa Itoophiyaa haleellaa saayibariif saaxilame, faana dhahuu hin danda’amu jedhanii yaadaniiti. Kanaaf fudhatani.

‘’Amma Baankiin Daldalaa maallaqa daddabarfame tokko tokkoon beeka. Amma ofumaa maallaqa deebisaa jiru,’’ jechuun himan.

Akka pirezidantii baankichaatti, maallaqa daddabarfame keessaa inni ijoo onlaayiniidhaan akkaawontii tokkorraa kaanitti kan dabarfamedha jedhan.

‘’Garri caalu daddabarfame. Baay’een isaan bira gahuun kan danda‘amudha,’’ jechuun himan.

Barattoonni yunivarsiitii BBC’n dubbise barattoonni bakkeewwan maashiniin ATM jiru dhaquun Sambata barii sa’aatii 6:00 – 9:00 hiriiranii maallaqa danuu baasaa turan.

BBC’n barattoota maallaqa fudhatanirraa akka odeeffateetti, kanneen deebisan akkuma jiran, kanneen hin deebisnees jiru.

Odoo dogongora keessan ta’ee jiruu maamiltoota keessan himachuuf deemtuu, hariiroo keessan hin balleessuu jedhamanii gaafatamanii Obbo Abbeen akkana deebisan:

‘’Hattoota waliin dhimma hariiroo maaliiti haasofna? Maallaqa sana akka hin qabne beeku. Maallaqa kan isaanii hin taane fudhatan,’’ jedhan.

Qabeenya Itoophiyaa angafa

Akka odeeffannoo istaatitiksiitti yoo ta’e, qabeenya qabuun Afrikaa Bahaatti tokkoffaa kan ta’e Baankiin Daldalaa Itoophiyaa, bara 2022 qabeenyi isaa waliigalaa Dolaara Biliyoona 23 akka ture tilmaamameera.

Qabeenya waliigalaa Birrii Tiriiliyoona tokko walitti qabuu kan danda’e Baankiin Daldalaa Itoophiyaa, qabeenya biyyattii angafa ta’uu danda’eera.

Bara bajataa 2020/21 keessa bu’aa Birrii Biliyoona 20 kan argate Baankiin Daldalaa Itoophiyaa, baruma bajataa kana keessa Birrii Biliyoona 735 kan kuufatamu taasisuu danda’uu isaa ifa godhee ture.

Bara 1942 kan hundeeffame Baankiin Daldalaa Itoophiyaa, maamiltoota miliyoona 40 oliifi dameewwan kuma 1 fi 940 qaba.