'Kan mudate haleellaa Saayibarii miti'-Baankii Daldalaa Itoophiyaa

Madda suuraa, EBC
Baankiin Daldalaa Itoophiya rakkoon tibba kana baankicha mudate haleellaa saayibarii akka hin taane ibse.
Pireezidantiin baankichaa Obbo Abbee Saanoo Wiixata ibsa kennan keessatti sirna ittisa haleellaa saayibarii cimaa ijaaruusaaniin haleellaa milkaahaan irratti raawwatte akka hin jirre ibsan.
Jimaata halkan sirni baankichaa akka ta'utti raawwachuu dhaabuu isaatiin daddabrsi maallaqaa seerawaa hin taane gaggeefamaa ture. Maallaqni hedduunis gama ATM fi maloota dijitaalaan jala fudhatAmeera.
Tajaajilli baankichi kennu baayyachuun adda cituu siistamaa mudatu furuuf fooyya'iinsa godhamaa jiru keessa rakkoon kun mudate jechuusaanii miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.
Baankichi sirna haaraa Jimaata galgala sa'aa sadiitti hojiitti galchee, halkan gara sa'aa saddeetii mudannoon ''rifaasisaafi gaddisiisaadha'' ittiin jedhe mudachuu ibseera.
Baankichi ibsa miidiyaaleef kenne keessatti rakkoo mudate sababeeffachuun maamiltootni hamma maallaqaa qabaniin ool baankicharraa fudhatanii deebisuu didan seeraan akka gaafataman ibseera.
Baankichi kan isa mudate haleellaa saayibarii osoo hin taane sirni baankichaa akka ta'utti hojjechuu dhabuu akka ta'e Obbo Abbeen ibsaniiru.
Obbo Abbeen ta'ii Jimaata halkan mudateen baankichi maallaqa hangamii akka dhabe qulqullaa'ee akka hin dhumne eeruun ammatti ibsa bal'aa hin kenninne.
Ammoo Jimaataa halkan daddabarsi maallaqaa kuma 490 kan raawwatame akka ta'e himaniiru. Daddabarsi kun kanneen seerawaa ta'anis akka dabalatu himaniiru.
Haata'u malee barruun Addis Fortune ta'ii mudateen walqabatee maamiltoota 66,000 ta'aniin maallaqni birri biiliyoona 2.4 ta'u sochoofamuu gabaaseera.
Sirni baankichaa akka ta'utti hojjechuu dhaabuu isaatiin keessuma barattootni Yunivarsiitilee keessa jiraan karaa ATM, maloota dijitaalaa biroon maallaqa herrega ofii keessaa hin qabne kumoota dhibba heddun daddabrsaa fi baasaa turan.
Obbo Abbeen sirna rakkoo godhate keessa kanneen maallaqa kan isaanii hin taane fudhatan keessaa harki hedduun barattoota Yunivarsiitii ta'uu himaniiru.
Barattootni maallaqa fudhatan deebisaa jiran jiraachuu himuun, isaan irratti himata akka hin banne pireezantichi ibsaniiru.
Baankichi rakkoon kun mudachuu Sambata xiqqaa barii naannoo sa'aa 11:30 tajaajila isaa hunda adda kutuu baankichi ibseera. Sistam haara rakkoo kanaaf saaba ta'e adda kutuun, Sambata sa'aa boodarraa eegalee tajaajilootasaa suuta suuta hojiitti deebisuus ibseera.
Barattootni Yunivarsiitilee ta'ii kana irratti yaada isaanii BBCf kennan Jimaata halkan sa'aa 6-8 gidduutti maallaqa ofii hin taane baasuufi walitti daddabarsuun gaggeefamaa akka ture himaniiru.
Rakkoon kuni sa'aa saddeetii booda dhaabateera jedhan. Ta'ii kana hordofee, barattoonni yunivarsiitii maallaqa kan isaanii hin taane daddabarsan akka deebisan yunivarsiitileefi baankichi akeekkachiisa baasaniiru.
Yunivarsiitiiwwan Jimmaa, Finfinnee fi Dillaa jaarmiyaalee barattootaaf ergaa akeekkachiisaa dabarsan keessaati.












