Saamicha maallaqa maamiltoonni Baankiiwwan Itoophiyaatti qusatan yaaddessaa ta'eef falli maal?

Madda suuraa, Getty Images
Obbo Indaalee Gabramadihiin dhaabbata mootummaa keessatti hojjetan irraa tajaajila qusannaarraa maallaaqa liqiin argatan 200,000 kaffaltii duraa manneen jireenyaa waliiniif kaffaluuf baankii galchanii, achitti raajii ta'an.
Maallaqa baankiitti namnuu na jalaa itti hin bu'u jedhan osoo hin eegiin saamtotaan herreega baankii isaanii keessaa fudhatamee rakkoo hedduuf saaxilamuu BBC'tti himaniiru.
Gaafa tokko baankiidhaa bilbilla namoonni jedhan sagantaa baankii daldalaa Itoophiyaa ''qusadhaa badhaafamaa'' jedhurraa mootar saayikilii injifachuun isaanii itti himame.
Atattamatti badhaasichia kennuufi akka hin dandeenye garuu ammoo maallaqa sana gitu herrega baankii isaaniitti naquufi akka fedhan itti himanii odeeffannoowwan hedduu gaafatan.
Obbo Indaaleen odeeffannoofi ragaalee gaafataman hunda himanii booda maallaqni baankii Abisiiniyaafi baankii daldala Itoophiyaa keessaa qaban 195,000 jalaa fudhatamuu baran.
Kun seenaa obbo Indaalee ta'us, namootni hedduun gochaa waliin dhahuu akkasiin maallaqa hedduu dhabaniiru.
Gochaan akkasii namoota tajaajila mobaayil baankii fayyadaman irratti kan xiyyeefate yeroo ta'u, hedduun dhimma kana irratti yeroo dhiyoo as miidiyaa hawaasaa gubbaatti komachaa bahan.
Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa galmee yakka saamicha akkasin walqabate qoratee waggoota afran darban moobaayil baankiingii dabalatee saamichi birrii biiliyoona 1.9 ta'u raawwatamuu ibsee ture.
Saamicha kana keessa harki walakkaan baankii Daldalaa Itoophiyaarratti kan raawwate ta'uufi kan itti aanan baankilee Abisiiniyaafi Oromiyaa ta'uunis ibsameera.
Saamichi cheekiidhaan, herreega qusannaarratti, maallaqa hawaalaan ergamu irratti, paaswoordii hatuufi maloota biroonis raawwatama jedheera ibsi waajirichiaa.
Gocha saamichaa kana keessaa hojjettootni baankileefi hooggantootni dameelee akkasumas hojjettootni teelee qooda akka qaban ibsameera.
Akka fakkeenyaattis hojjetaan baankii Daldalaa Itoophiyaa damee Piikoo Mannaafashaa tokko herreega maamila tokko kan yeroo dheeraaf hin sochoone sochoosuun birrii miiliyoona 2.5 herreega baankiirraa saamuu waajirichi dhiyeesseera.
Hojjettotni baankii maal jedhu?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hojii baankiirra baroota dheeraaf kan hojjetan namni BBC dubbise tokko erga yeroo dhiyoo as hojjettootni baankii hedduun hidhamaa jiruu jedhu. Garuu ammoo guutummaan guutuutti baankilee keessa ta'aanii kanneen yakka kana raawwatan hin qabamanii jedhu.
Dorgommii hojjettoota gidduu jiru irraa kan ka'e hojjettootni qajeelfama malee maamila barruu baankii hin qabne ni keessummeessuun baratameera jedhu.
Maallaqni haala kanaan yoo bade baankichis ''hojimaata dhaabbatichaan ala dalage'' jechuun dabarsee kenna jedhu.
Gama cheekiitiinis waliin dhahuun akkasii akka raawwatamu namni kun ni dubbatu.
''Baankotni maamiltoota isaanii gurguddoo qabachuuf morkii taasisu'' kan jedhan namni kun, kaffaltii cheekiin raawwachuuf adeemsi qajeelaan jiru guyyaa guutuu fudhchuu mala jedhanii kun maamiltoota fageessaa jedhu.
Adeemsa maamila irraa yeroo fudhatu hambisuuf jecha maamilli cheekii nama kaffalamuuf ergee osoo adeemsi qajeelaan hin hordofamiin namichi maallaqicha fudhatee sokkaa jedhu.
Moobaayil baankiingiin yeroo dhiyoo as babal'achaa dhufeen walqabatee saamichi gaggeefamu ammoo hojimaata badaa baankileen qabaniinis kan deeggarame ta'uu himu.
Yeroo dhiyoo as ammoo herrege baankiirraa gara telebirr'tti maallaqa ergisiisuun ammoo saamicha kana salphaa taasiseera jehdu.
Adeemsa kana keessatti hojjettoota gandaa waraqaa eenyummaa sobaan kennanii hooggantoota baankileetti keessatti hirmaatu.
Maallaqa moobaayilaa
Biyyoota tajaajilli baankii itti ammayyaa'e keessatti, waliin dhahuu herrega baankii fi kaffaltii mobaayilaa irratti raawwatamu to'achuuf baankileen adeemsa adda addaa hordofan keessaa tokko mirkaneeffanna gulantaa qabudha.
Ergaawwan barreeffamaatiin maloota waliin dhahuu yeroo yeroon jijjiiraman irraa akka of eeggatan yaadachiisu.
Baankileen Itoophiyaa ''gabaa nurraa fageessa jedhanii waan yaadaniif'' gorsa akka kanaa erguu irraa of qusachuu akka mala ogeessi baankii yaada nuu kennan ni dubbatu.
Namni rakkoo akkasii qabaannaanoo natti haa hafu jedhee moobaayil baankiingii irraa of fageessuu mala jedhu. Ogeessi baankiifi diinagdee obbo Abdulmannaan Mohaammad baankii dijitaalawaa keessatti maamiltootarra waliin dhaguu gahu barsiisuun baayyee baraachisa ata'uu dubbatan.
Gaafatamni baankilee hanga eessaatti
Qorannoon waajira Abbaa Alangaa adeemsa saamicha baankileen walqabatee hojjettootni fi hooggansi dameelee baankii guddaa ta'uu ifatti kaaheera.
Abdulmannaan baankileen gocha amantaa maamilaa hanqisuuf saaxilamuun waanuma jiru ta'uu himanii, hojjetaan carraa qabutti fayyadamee qaawwa yakka akkanaa itti raawwatu baankileen sirna ittiin cuufan qabaachuu qabuu jedhu.
Mootummaanis seera keessa deebi'ee ilaalee hoogganoonni baankilee aangoo isaanii akkaa ol akka hin fayyadamne gochuu qaba jedhu.
Kun ta'uu baannaan garuu maamilli amantaa baankilee irraa qabu gadi bu'aa adeemuun rakkoo hamaa hordofsiisuu akka danda'u himu. Adeemsi amantaa dhabuu sududaan diinagdee miidha jedhu.
Obbo Indaaleen maallaqa dogoggorsitootaan saamaman ilaalchisee ragaalee qaban mara Poolisiif dhiyeessanis namni qabame hin jiru haqni maallaqa isaanii deebisiisuufi hin argamne. Kunis yaaddoo biraa dabala.
Obbo Indaaleen jireenya qaala'een waldhaansoo qabaa maallaqa liqeeffatanii saamtotni herreega baankii isaanii keessaa saaman kana bakka buusuuf miindaa isaaniirraa ji'a ji'aan muramaa akka jiru dubbatu.












