Gaazaatti namoonni hedduun du'uun waa'ee waraanichaa maal ibsa?

Waraanni Israa'el-Hamaas erga eegalee haleellaa Israa'el Gaazatti gaggeessituun yoo xiqqaate lammiilen Filisxeem 20,000 ajjeefamaniiru. Kana jechuun giddu galeessan guyyaatti namoonni 300 ni du'u akka ministeerri fayyaa Gaazaa jedhutti.
Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti daayiretara naannichaa kan ta'an Richard Bireenan lakkoofsi kun sirriidha jedhanii amanu.
Dirree waraanaa kamittuu namoonni du'a hanga kana jedhanii lakkoofsa sirrii himuun rakkisaadha. Doktoroonni Gaazaa akka jedhanitti lakkoofsi namoota du'anii kanaa ol akka ta'u amanu; sababni ammoo kanneen gamoon irratti jijjigee achi jalatti hafan jiru waan ta'eef.
Lakkoofsi namoota du'anii guddaa
Waraanni Israa'elif Hamaas erga eegalee yeroo gabaabaa kana keessatti lakkoofsi namoota du'anii "humnaa ol kan ol ka'eedha" jedhu Pirofeesar Mikaa'el Ispaagat waraana garaa garaa irratti lakkoofsa namoota du'anii kan xinxaalan.
Pirofeesar Mikaa'el waraana akka Iraaqa, Kolombiyaa, DR Koongoofi waraana kana dura Israa'elifi Hamaas gidduutti gaggeeffame fa'aarratti baay'ina namoota du'anii qorataniiru.
"Waraanota Gaazatti gaggeeffaman kan bara 2008 irraa kaasee yoo ilaalle, kan alanaa lakkoofsi namoota du'anii baay'ee olaanaa ta'eefi osoo gargar hin baasin haleellan guddaan kan itti gaggeeffameedha," jedhu Prof. Mikaa'el.
BBCn namoota ogummaa waraanaa qaban garaa garaa dubbiseera. Gosi meeshaa waraanaa gurguddaafi boombiwwan ulfaatina guddaa qaban fayidaarra oolun Gaazatti namoonni nagaan heddumminaan akka du'aniif wantoota sababa ta'an keessaa tokko akka ta'es himu.
Gaazatti namoonni 20,000 du'an uummata Gaazaa miliyeena 2.2 keessaa %1 jechuudha.
Gaazan bakka dhiphaa namoonni heddu keessa qubatan ta'uun ammoo waraana kana hamaa gochuun lakkoofsi namoota du'anii daran akka dabalu taasiseera.
Gaazan walumaa galatti dheerinnishee 41km yoo ta'u, bal'innishee 10km. Osoo waraanni hin eegalin dura, giddu galeessan iskuweer kilomeetira tokkorra namoota 5,700 jiraata.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waraanni kun eegalee ji'a lama booda lakkoofsi namoota du'anii akka malee guddaa waan ta'eef Israa'el waraana akka dhaabduf dhiibban iratti gaggeeffama jira.
Bara 2011 hanga 2021 gidduutti waraana addunyaarratti gaggeeffaman irratti meeshaalen waraanaa lafa namoonni itti heddummatanitti gaafa dhimma itti bahamu kanneen du'an keessaa %90 namoota nagaa ta'uu ibsa dhaabbanni miidhaa waraanni gaggeessurratti qorannoo gaggeessun beekamu- Action on Armed Violence jedhamu.
Xinxaala tika US waabeffachuun CNN akka gabaasetti, waraana kanarratti Israa'el boombiwwan 29,000 Gaazaa irratti darbatteetti. Bombiiwwan kana keessaa %40-45 kan ta'u ammoo qiyyaafatee bakka yaadame sana kan rukutu miti (unguided bomb).
Boombin kun kan qiyyaafatee rukutu miti jechuun, Biiroo Muummee Hamaas rukutuuf kan karoorfame isa dhiisee naannoo sana kan jiru gamoowwan namoonni nagaan keessa jiraatan kamiyyuu haleeluu akka danda'u himu dhaabata Dutch peace organisation PAXtti gorsaa dhimma waraanaa kan ta'an Garlaaskon.
Humni Waraana Israa'el (IDF) gamasaan haleellaa gaggeessu keessatti namoonni nagaan akka hin duunef of-eeggannoo dursaa akka taasisu inuma beeksisa.
Of-eeggannoowwan fudhatu keessaa osoo haleellaa hin gaggeesin dura dhukaasa akeekkachiisaa kennuu akka ta'e hima. Akkasumas waraanota biroo addunyaarratti gaggeeffaman irraa addatti namoota namoonni nagaan du'an xiqqaa akka ta'an falmiti Israa'el.
Gama biraan ammoo Hamaas namoota nagaa dahoo godhata jechuun himatti.
Namoota nagaa meeqatu ajjeefame?
Kanneen amma Gaazatti ajjeefaman keessaa dubartoonnifi ijoollen %70 ta'u jedha ministeerri fayyaa Gaazaa. Haa ta'u garuu, ragaan Hamaas kun dhiirota hidhattoota ta'aniifi namoota nagaa ta'uu isaanii gargar hin baasu.
Miidiyaan Hamaas gaafa Mudde 19 Gaazati namoonni 19,667 du'uu gabaase; isaan keessaa ijoollen 8,000 oliifi dubartoonni 6,300 ta'u jedhe. Akkasumas ogeeyyii fayyaa 310fi hidhattoota namoota nagaa tiksan 35fi gaazexeessittoonni 97 keessa jiru jechuun hundasaanii namoota nagaa jechuun gabaase.
Waraanichi ijoollee Gaazarratti miidhaa qaqqabsiisera. Ragaa ministeerri fayyaa bara 2022 baasen, uummata Gaazaa keessa jiraatan keessaa walakkaa kan ta'an kanneen umuriinsaanii 18 gadiiti.
Waraana kanaan kanneen du'aniin alatti namoonni 52,000 madaa'aniiru akka ministeerri fayyaa Gaazaa beeksisetti. Yeroo ammaa addunyaarratti lafti ijoollef baay'ee yaaddessaa ta'e Gaazaa ta'uu ibse dhaabbanni UNICEF.
Waraanni Gaazaa waranawwan biroo wajjin yoo wal-bira qabamu maal fakkaata?
Waraanniwwan bakka garaa garaatti gaggeeffaman akkaataa itti waraanichi gaggeeffame irratti hundaa'un bifa garaa garaa qaba. Waraana Gaazatti gaggeeffamaa jiru kan adda godhu garuu, waraanawwan yeroo dhiyoo as gaggeeffaman keessaa namoonni heddu kan itti ajjeeffaman akka ta'e ogeeyyin waraanaa BBCn ni dubbise irratti walii galu.
"Du'a namoota nagaa ilaalchisee waanti argaa jirru miidhaa waranaa kamirrattuu qaqqabe kan nuti galmeessinee oliidha," jetti dhaabbata Airwars jedhamutti daayirektara kan taate Emilii Tiriip.
Qorataa tikaa duraanii Peentagon kan ta'e Maark Garlaaskoo ammoo: "Bakka namoonni itti heddummatanitti meeshaalee waraanaa gurguddaa dhukaatuu ta'an yeroon itti hojiirra oolan waraana Veetinaam irratti" jechuun bara 1972tti boombiwwan toonii 20,000 ta'u magaala guddoo Veetinaam Haanoyi irratti darbatamuu kaasun kan Gaazaa wajjin wal-bira qabuun xiinxala.
Yeroo US maqaa Operation Linebacker II jedhuun Veetinamitti boombii kan roobiste lammiilee naga Veetinaam 1,600 ajjeeffame.
Bara 2017 yeroo US garee ISIS Sooriyaa keessaa baasuf haleellaa gaggeessaa turtetti giddu galeessan guyyaatti namoota nagaa 20 du'aa ture. Asoosheetid Pirees qabaasa qorannoo gaggeessen, bara 2017 lola humnoota USn deeggaramaniifi ISIS gidduutti Iraaq magaala Moosulitti ji'a sagaliif gaggeeffameen namoonni nagaan 9,000 hanga 11,000 ta'an ajjeefamaniiru.
Waraana Yukireen irratti ammii waggaa lama keessatti namoonni nagaan du'an 10,000 akka gahan UN tilmaame.
Gaazatti hidhattoota Hamaas meeqatu du'e?
Israa'el kaayyonshee Hamaas Gaazaa keessaa dhabamsiisuu akka ta'e irra deddeebin ibsaa jirti. Garuu hanga ammaa hidhattoota Hamaas meeqa akka ajjeefte ragaan qabatamaan hin jiru.
Waraanni Israa'el hidhattoota Hamaas meeqa hanga ammaa akka ajjeese gaafatamee, "shororkeessitoonni Hamaas meeqa akka ajjeefaman lakkoofsa sirrii ta'e hin qabnu" jechuun deebii laate.
Tajaajilli oduu AFP qondaala olaanaa Israa'el tokko waabeffachuun akka gabaasetti Israa'el loltuu Hamaas tokko ajjeesuf namoota nagaa lama ajjeesti. Lotuu Hamaas tokko ajjeesuf namoota nagaa lama ajjeesun lakkoofsa guddaa akka hin taane dubbi himaan Humna Waraana Israa'el Jonaatan Konrikas CNNtti himan.
Piroofesar Mikaa'el Ispaagat akka jedhanitti kanneen Gaazatti du'an keessaa %80 namoota nagaa ta'uu danda'u. Haa ta'u garuu lakkoofsi hidhattoota Gaazaa du'anii hangana kan jedhu ragaa qabatamaan hin jiru.












