Walooma ispoortii sodaa Kooviidiin dhalatee hanga har'aatti itti fufe

Tibba weerara Kooviid-19 kutaalee biyyattii gara garaa keessatti sochii qaamaa gochuun kan baratame ture. Gareen hojjetoota Yunivarsiitii Jimmaa kan sodaan Kooviid-19 walitti fide, erga sodaan weerara vaayirasichaa badeellee waliin hafan.
Ammaa hariiroon isaanii fiigichaa olidha; hawaasummaa cimaa ijaarrataniiru. Garee ispoortii kun kilabatti guddateera. Fiigicha guddicha Itoophiyaa bara 2025 Jimmatti taasifame irrattis hirmaachuun beekamtii argataniiru.
Torbanitti guyyaa lamaa hanga sadii fiigu. Torban tokkotti gara Kiiloomeetira 30 fiigu; sanaa'ol kan fiigus jira. Ji'atti ammoo altokko mooraa yunivarsiitii keessaa bahuun tabba bahanii bu'anii, magaalaa naanna'anii naannoo Kiiloomeetira 15 fiigu.
Gareen baay'inaan umurii ga'eessaa keessatti argaman kunneen maaliif akka fiiganiifi muuxannoosaanii BBCtti himaniiru.
'Yeroo Kooviid rakkina ture dandamachuuf jalqabne'

Birhaanuu Nugusee, Yuunivarsiitii Jimmaatti Pirofeesara xiinsammuu yoo ta'an, miseensa garichaa dhaabbataadhaan fiiganidha.
"Fiigicha kana erga jalqabnee turreerra. Irra caala ammoo yeroo Kooviid rakkina dhufe dandamachuudhaaf jalqabne. Isa duras warri hojjennu turre. Waliin yeroo hojjetan ammoo ispoortiin namatti tola.
''Hawaasummaa namaas ni cimsa, jireenya namaas ni bareecha. Fayyaa keenyaaf fiigna; jireenya keenyaaf fiigna" jechuun sababa gareedhaan fiiganiif dubbatu Pirof. Birhaanuun.
"Gareen kun baay'ee cimaadha. Sirriitti wal hubanna, waliin taphachaa hawaasummaaf hojii keenyarrattis baay'ee nu gargaareera" jedhu fayidaa fiiguu irraa argatan yeroo ibsan.
Akka tasaa ko'oommatanii yoo fiigicha addaan kutan akka isaan jibbisiisu kan kaasan pirofeesarri kun, "akkuma jireenya keenyaatti fudhannee" hojjechaa jirra jechuun ibsu.
"Gareen kun gara kilabiitti guddateera. Fiigicha guddicha Itoophiyaa [2025] irratti kiiloomeetira kudha shan fiignee hundi keenyayyuu fixneerra. Dhaabbata gargaarsaa wayiis waan biyya fayyadu waan fakkeenya qabu, waan barnoota qabu kennuudhaaf karoora qabna.
'Kanaaf, onneen nutti hormaeera; namoonni haaraanis dhufaa jiru. Ispoortiin ilma namaatiif barbaachisaa akka ta'e waan hundaaf akka nu gargaaru, jireenya keenya kan bareechu waan ta'eef" karoora kana babal'isuu qabaachuu isaanii ibsu pirofeesarri saayikoolojii kun.
''Ispoortiin dullumas ni xiqqeessa; fayidaa bal'aa safaruu hin dandeenye qaba'

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Yeroo baay'ee [obboroo] sa'aatii kudha tokkotti yeroon fiigicha jalqabnu" kan jedhan Pirof. Biraanuun, mooraa yunivarsiitii keessa qofa otoo hin taane, tabba Jireen gara masara mootii Abbaajifaaritti geessu bahuudhaan karaa guddaarra naanna'uun ganama tokkotti gara kiiloomeetira kudha shanii akka fiigan himu.
Torbee tokkotti al lama sadii fiigu. Fiigichi kunis qormaata "guddaa qaba. Si dadhabsiisa. Yeroo tokko tokko duubatti hafuuf jetta garuummoo gareekee yeroo argattu ni jajjabaatta. Gareedhaan waljajjabeessaa taphachaa, kolfaa fiigna" jechuun miirasaanii ibsu.
Gareen kun "fiigichaan alas walitti dhufna. Hiriyummaan keenya baay'ee cimeera. Baay'ee garaa walii laafna. [Dhimmoota] adda addaarratti wal bukkee dhaabbanna. Jaalalli keenyas baay'ee cimaadha.
Kanaaf ispoortummaasaatiin ala fayidaa bal'aa lakkaa'uuf safaruu hin dandeenye qaba" jechuun ibsu piroofeesar Birhaanuun.
Namni hunduu sochii qaamaa hojjechuu akka qabu kan dhaaman hayyuun kun, "Ispoortiin fayidaa guddaa qaba. Nama hundatu [hojjechuu] qaba. Qaamni namaa ammoo sammuudhaan, hawaasummaadhaan, jireenyaan, waan baay'een walqabata.
Hojiirratti ni cimta, wanni hojjettu bu'a qabeessa ta'a. Barnootakeetti nicimta. Qaamnikee ni cima. Dhukkuba dandamachuudhaaf cimaa taata. Sammuunnillee baay'ee bilchaata. Dullumas ni xiqqeessa.
Dullumas mo'achuuf, waggaa wayii dabalachuuf, fayidaan ispoortii hundagaleessa qaba" jechuun barbaachisummaa ispoortiin jireenya dhala namaatiif qabu ibsu pirofeesar Biraanuun.
'Isin maal dabaluuf fiigdu, jaarsi jaarsummaasaa baree taa'uu qaba malee nuun jedhu'

"Yeroo baay'ee isin maal dabaluuf fiigdu, maaliif asiif achi utaaltu? Jaarsi jaarsummaasaa baree taa'uu qaba malee maaliif fiiga nuun jedhu. Nuti garuu waan nu gabbisu malee [yaada] akkasii hin fudhannu. Warri akkas nuun jedhanii deebisaniimmoo bu'aa jiru arganii dhiifama nu gaafatanii kan nutti makaman ammoo jiru.
''Wallaala keenyaaf malee ispoortii namni hunduu [hojjechuu] qaba. Biyya alaa yoo ilaalte namoonni umrii saddettamaa, sagaltamaa hammuma dandeettiisaanii fiigu" jechuun mudannoosaanii kaasu pirof. Birhaanuun.
"Anis fayyaadhaan walqabatee, saayikoolojiidhaan walqabatee ilma namaatiif fayyaa sammuutiif gaarii waan ta'eef, fayidaasaa waanan beekuuf, waanan barsiisuuf" dursee hojjetaan ture jechuun otoo garee kanatti hin makamiin durallee ispoortii hojjechaa turuu ibsu.
Ispoortii hojjechuun fayyaa hunda-galeessaaf barbaachiisaa ta'uu kan himan pirofeesarri kun, "jaarsooliin yoo fiigan nutis ni fiigna jedhanii dargaggoonni waan kaka'aniif" isaaniifis fakkeenya gaarii akka ta'an ibsu.
"Wanni guddaan kutannoo qabaachuu, kaayyoo qabaachuufi [ispoortii] akka jireenyaatti fudhachuudha" jechuun gorsu.
"Garee bal'aa horannee, namoota kakaasnee, fakkeenya taanee, yoo danda'ames ammoo dhaabbata guddaatti fayyaadhaan, hawaasummaadhaan walqabatee kan hawaasa barsiisuu akkasumas tajaajiluu danda'u uumuu barbaanna" jedhu pirofeesar Birhaanuun karoora isaanii fuulduraa yeroo ibsan.
Abarraa Gurree, yunivarsiitii Jimmaatti pirofeesara keemistiriiti. Bara 1988 kaasanii dhuunfaadhaan fiigaa akka turan kan himan, Pirof.
Abarraan, "yeroo Koovid-19 keessa garee kana wajjin wal agarre. Erga garee kana wajjin walagarreemmoo torbanitti guyyaa sadii altokko tokko guyyaa lama fiigna" jechuun ibsu.
'Fayyaa keenya guutumaa guutuutti ofilaallee galla, CT scan yookaan MRI nuuf hin barbaachisu'

"Ispoortiin fayyaadhaafi, nagaadhaafi, qaamni ofii hiikamee jajjabina akka argatuufi. Keessumaa yeroo umriin namaa deemaa dhufu, qaamni keenya akka barbaade akka sosocho'uuf ispoortii hojjechuun gaariidha. [Guyyaa tokkotti] kiiloomeetira 13-16 fiigna. Altokko tokko isaa oliyyuu ni fiigna.
''Gaara qaba, irraagadii qaba. Kanaaf fayyaa keenya guutumaa guutuutti ofilaallee galla. Kanaaf CT scan yookaan MRI nuuf hin barbaachisu. Jabeenya qaamaatiifis, fayyaadhaafis ispoortiin bu'aa guddaa qaba" jechuun bu'aa fiiguun fayyaa isaaniitiif qabu ibsu, pirofeesarri keemistirii kun.
"Maatiinkoollee gaafan otoon hin fiigiin xinnoo ture, fiigicha dhaabdeetta itti deebi'I naan jedhu. Qaamnikoos ni dabala; dadhabbiinis natti dhaga'ama. Fayyaa keenyaaf qofa otoo hin taane, hojii keenya damaqnee hojjechuudhaaf, hirriba nagaa rafuudhaaf ispoortiin baay'ee barbaachisaadha.
Gafaa ispoortii hojjettee asii baatu qaamnikee, sammuunkee hiikamaa ta'a. Yeroo dheeraa teessee hojjechuu dandeessa" jechuun fayidaa ispootii hojjechuurraa argatan dubbatu Pirofeesar Abarraan.
"Nama hundumaafuu ispoortiin barbaachisaadha. Keessumaa ganama yeroo hojiisaas hin fudhatu waan ta'eef, daqiiqaadhuma muraasa yooma fiiguullee dadhabe" sochiiwwan qaamaa sasalphaa hojjechuu akka qaban dhaamu pirofeesarri kun.
"Amma garuu sa'aatii dheeraadhaaf fiiguu dandeenya" kan jedhan Pirof. Abarraan, "duran nullee waanuma daqiiqaa muraasaa fiigna" jechuun namoonni isa xiqqaarraa eegaluun adeemsa keessa gabbifachaa akka deeman gorsu.
'Sababa gara garaatiin yoon ispoortii addaan kute, baay'een cinqama'

Caaltuu Qalbeessaa hojjettuu giddugala meedikaala yunivarsiitii Jimmaa yoo taatu haadha ilmaan afuriiti. Yeroo mucaashee lammaffaa deessee kaate qaamnishee waan furdateef kophee hidhachuun akka itti ulfaate yaadachiisti.
Taateen sun fiigicha akka jalqabduuf sababa ta'eef. Ammadubartoota garee kana wajjin fiigan muraasa keessaa tokkodha.
"Mucaakoo ishee lammaffaa dahee [yeroon ka'u] borciinkoo baay'ee guddaa ture. Gaafan kopheekoon hidha jedhu garaankoo dacha'ee na dhukkube. Dhukkubbii cimaatu natti dhaga'ame" jechuun waan ishee mudate ibsiti.
Boodarra abbaan manaashee, "ispoortii hojjechuu qabda' naan jedhe" kan jettu Caaltuun, "guyyaa lammaffaasaatti calluma jedheen mooraa kana keessa fiige. Achhin natti toluu jalqabe" jechuun mudannoo ittiin fiiguu jalqabde yaadachiisti.
Deessee yeroo kaatu furdinni qaamashee waan dabaleef sochii qaamaa kan jalqabde dubartiin kun, "sanaan booda garuu fayidaan ispoortii maal akka ta'e naaf gale. Yeroo hundumaa yoon ispoortii hojjedhu baay'een gammada.
Hojiikoo hojjedhee hin dadhabu. Fayyaankoollee baay'ee eeggamaadha. Sababa gara garaatiin yoon ispoortii addaan kute, baay'een cinqama" jechuun ibsiti.
"Ala duraa baay'een fiigan ture; dhiirota biraayyuu hin hafun ture. Yeroon addaan kutee itti deebi'u xiqqoo dadhabuunan duubatti hafa. Yoon hafemmoo isaanis nan gatani, ati cimtuudha naan jedhu, baay'ee na jabeessu. Baay'een isaan jaaladha" miira garee kana waliin fiiguun qabdu dubbatti.
'Ijoollee keenyaaf jecha fayyaa ta'uun barbaachisaadha'

"Sababuma hojiin yoo ko'oommataniifi malee, dubartoonnis darbanii darbanii kan fiigan jiru. Dubartoonni ittigaafatamummaa baay'ee qabna. Hojii alaafis, hojii manaafis ittigaafatamummaa qabna. Ijoollee keenya guddisuudhaaf ittigaafatamummaa qabna.
''Haata'umalee sanumarraayyuu yeroo ta'e fudhannee, ijoollee keenyaaf jecha fayyaa ta'uun barbaachisaadha. Yoo fayyaa taane ijoollee keenya guddisuu dandeenya. Yoo fayyaa taane hojii keenya hojjechuu dandeenya. Kanaafiyyuu, otoo yeroo ispoortii qabaannee baay'ee gaariidhan jedha dubartoota hundaanuu" jechuun gorsti Caaltuun.
Dhukkuboota rakkoo garmalee dabaluu qaama keenyaatiin dhufanirraa bilisa ta'uutti dabalataan, "namni hundi yoo ispoortii hojjete qaama tolaa qabaachuu danda'a. Dubartoonni hundinuu shamarreenis, haadholiinis ispoortii hojjechuuf otoo yeroo qabaatanii gaariidha" jechuun dhaamti dubartiin kun.
Dr. Darajjee Fufaa ammoo yun. Jimmaatti barsiisaa foolkoorii fi ogbarruu Oromooti. Erga fiiguu eegalanii ganna kudhan akka darbe himu. "Gammaduu fi fayya-buleessa ta'uufan fiiga" jechuun sababa otoo sinbirri hin waciin ka'anii fiiganiif ibsu Dr. Darajjeen.
"Fayyaa eeguudhaaf, qaamni namaa akka hin furdanne, akka coomni qaama namaa keessa hin guunne, akka sirnaan harganuu dandeessu, akka deemtee oddoo garaakee gahuu dandeessu, waan hundumaaniyyuu akka gammaddee jiraattu si taasisa; baay'ee namatti tola" jechuun fayidaa ispoortii tarreessu Darrajjeen [PhD].
'Waan akkasii gaafa si mudatu si rifachiisa; waan jettus si wallaalchisa' - mudannoo fiigichaa
"Otoo askeessa [mooraa yun. Jimmaa] fiiguu hin jalqabiin dura bosona keessafaa fiigaa turre. Naannoon Jimmaa bosona qaba. Bosona keessa tabba kana baanee, buunee dadhabnee, gaara lapheetti nama ejjetufaatu jira; sanafaa bahuurratti walmorkanna.
Booda keessa haala yerootiin walqabatee, bosonni kun waan biraa dhaluu jalqabe. Kanaaf, waraqaa eenyummaafaa agarsiisaa jechuutu dhufe. Waraqaa eenyummaa ammoo baattee hin fiigdu. Kanuma keessa kaayyattuyyuu hin qabdu, hin yaadattuyyu.
Waraqaa eenyummaa agarsiisaa gaafa siin jedhan iddoo fidduu hinqabdu, kan gootu hin qabdu. Kanaaf, iddoo sanatti waan jettutu si dhiba. Ati kanaaf hin qophoofne, ispoortii hojjechuu, waan adda addaa ilaaltee gammaduudhaaf deemta malee waan akkasii gaafa si mudatu si rifachiisa; waan jettus si wallaalchisa.
Akkuma ta'etti kadhattees baata" jechuun taatee yeroo bosona keessa fiigan isaan mudate yaadachiisu Dr. Darajjeen.
"Nama biraa boodatti hafnee yeroo qaqqabachuuf fiignus ni jira. Sa'aatii kudha tokko dura [manaa] baana. Yeroommoo na gatanii deemanfaa jettee otoo hin yaadiin qaqqabuuf fiigdee namni garuu si fuuldura hin jiru ta'a" jechuun mudannoosaanii biraa himu barsiisaan fooklooriif ogbarruu kun.
'Wanni hunduu sirraa caamee, sirraa salphatee gammadaa oolta'
"Namni hundumtuu otoo ispoortii hojjetee gaariidha. Haala baruuf barsiisuu kanaan walqabatee jireenyi namaa baay'eerra dhiphuuf muddaamatu jira. Asii galtee dhiqattee gaafa hojiikeetti bobbaatu wanni hunduu sirraa caamee, sirraa salphatee gammadaa oolta. Ofirraa buutee hojiikee hojjetaa oolta" jechuun gammachuu ispoortiirraa argatan ibsu Dr. Darajjeen.
Shimallis Laggasaa hojjetaa giddugala meedikaala yunivarsiitii Jimmaati. Innis namoota dhaabbataadhaan fiigan keessaa tokkodha.
"Durirraa kaasnee yeroo mana barumsaa deemnu ni fiigna ture. Keessumaa yeroo sad. tokkoffaa barannu lafa sa'aatii tokkoo fiigaa barachaa turre.
Gara hojiitti gaafa dhufnu garuu inni dura fiignu sun hafee yeroo hunda konkolaataadhaan socho'uu akkasumas biiroo keessa teenyee hojii hojjechuutu baay'ata. Kanaan walqabatee ciminni duraan qabnu sun hir'achaa dhufe" jechuun haalli jireenya kaaleessaaf har'aa jijjiiramuu ibsa Shimallis.
Sababa hojiitiin sochii qaamaa murtaa'e qabaachuu kan kaasu Shimallis boodarra fiigicha eegaluu dubbata. Amma dadhabbii tokko malee daandii dheeraa imaluu akka danda'u hima. Yeroo baay'ee geejiba magaalaa keessaa akka hin fayyadamnes hima.
"Ispoortiin jireenya keenya waliin walqabateera. Kanaaf, addaan kutuus hin dandeenyu" kan jedhu Shimallis, yeroo sababa hojiitiin fiigicha addaan kute akka itti ulfaatu dubbata.
Baay'atanii gareen fiiguun akka waljajjabeessaniif isaan fayyaduu ibsa namni kun. "Keessumaa bara Kooviid-19 sani ispoortiin Koronaas [ni ittisa] waan jedhameef altokkotti gara nama torbaatamaa ta'an hamma bakki [dhaabannu] nu hanqatutti hurufa bal'aa irratti hojjechaa kan turre" jechuun ibsa Shimallis.
Gareen kun torbanitti al lama darbee darbee ammoo al sadii fiigu. Torbanitti gara naannoo kiiloomeetira soddomaa fiigu. Irra guddaa mooraa guddicha yun.
Jimmaa keessa kan fiigan yoo ta'u ji'atti si'a tokko ammoo mooraadhaan ala bahuun tabba Jireen bahuun bosona Jimmaa keessa qilleensa qulqulluu habbuuqataa fiigu.
Tabba guddaa Jireen kan gara masara mootii Abbaajifaar geessutti fiiguun naanna'anii karaa guddicha Finfinneerraa Jimma seenuun magaalaatti seenuun Ajiippiirraan Qociitti garagaluun mooraatti deebi'uun xumuru.
'Fiigicha duwwaa otoo hin ta'iin [daaw'achaa] gammdaas deemna; sagalee waca sinbiraafaa yeroo dhageessudha'
Fiigichi ji'atti altokko fiigamu kun mooraa yunivarsiitii keessaa ka'uun gaara bahanii bu'anii, magaalaa naanna'anii deebi'anii waan galaniif digirii 360 jechuun akka moggaasan ibsa Shimallis.
Fiigicha gara kiiloomeetira kudha shanii dheeratu kana kutaalee afuritti qooduun akka kaatan hima namni kun.
"Keessumaa yeroo ala baanu gareedhaan kaanna; wal harcaasuun hin jiru. Wal eeguun, walfaana hojjechuutu jira. Isa duubatti hafe jabeessuun jira" jechuun waa'ee gosa fiigicha ji'atti altokko fiiganii ibsa Shimallis.
"Fiichi digrii 360 kun fuula afur of keessaa qaba. Tokkoffaa sa'aatii 11'n gaafa baatu sa'aatii dukkanaan fiigamu jedhama. Sa'aatii 11:00-11:30 asii kaanee masara mootii Abbaajifaar geenya. Sa'aatiin kun dukkanadha.
''Yeroo sagalee waca sinbiraafaa itti dhageessudha. Yeroo sareenfaa, baajaajiinfaa yeroo itti bahanidha. Fiigicha duwwaa otoo hin ta'iin [daaw'achaa] gammdaas deemna" jechuun miira fiigicha otoo hin bari'iin taasisan ibsa.
"Olbaatee dalga sana gaafa kaattu ammoo bosonnisaa baay'ee namatti tola; asphaaltiinis hojjetameera, amma haaraadha, baay'ee itti bashannanaa itti bohaaraa, tapahachaa fiigna. Isammoo iddoo itti gammannu jennee moggaafneerra" jechuun ibsa Shimallis.
Asphaaltii magaalaa Jimmaa ka'ee gara Finfinneetti geessutti yeroo bahan ammoo, "yeroo makinaan gurguddaan karaatti bahanidha. Sa'aatii itti daandiin dhiphatudha waan ta'eef iddoo cinqii jedhama. Iddoo itti ofeeggannoon fiigamudha.
Ajiippiidhaa as gaafa Haniilaand dabartu safe place [bakka nagaa] jenna. Mana gaheera jettee bakka ofirraa buutee fiigdudha. Hundi keenya galuu keenya waan mirkaneessineef, iddoo sanatti wal harcaasuus ni dandeenya.
Isa dura wal eegdu dhiistee, akka nama marsaa xumuraarra jiruuti abbaan humna qabu sirriitti fiigee kan xumuramu ta'a" jechuun moggaasa gosa fiigicha ji'atti altokko fiigamuu ibsa.
"Namoonni baay'een kan fiigan furdinasaanii hir'isuufidha, ani kanan jalqabe garuu furdinas dabaluudhaafi" jechuun ibsa namni duraan qal'aa ture Shimallis.
Amma hanga kiiloomeetira digdamaa otoo addaan hin kutiin fiiguu akka danda'u kan dubbatu Shimallis, ispoortii gosa adda addaa hojjechuun namoota hundaaf barbaachisaa ta'uu gorsa.
Ispoortiin gosa kamiiyyuu guyyaa tokko lama sinsinniidhaaf kan hojjetamu otoo hin taane dhaabbataadhaan ta'uu akka qabus hima.
Sanaaf ammoo "sammuu ofii amansiisuu fi ofkennuun" barbaachisaa ta'uu dabaluun gorsa namni ganna jahaaf otoo addaan hin kutiin fiigaa jiru kun.












