Suuraalee sobaa Tiraamp hidhaman fakkeessuuf qoodaman

Tiraamp suuraa isaanii hubannoo nam-tolcheen hojjatame miidiyaa hawaasarratti qoodan, garuu quba hunda hin qabu

Madda suuraa, TRUTH SOCIAL

Suuraaleen sobaa hubannoo nam-tolcheen (AI) fakkeeffamanii hojjataman torban darbe miidiyaa hawaasummaarratti qoodamaa turan.

Suuraalee hedduun isaanii Pirezidantiin duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraamp hidhamuu agarsiisan.

Tiraamp garuu dubartii hariiroo saalqunnamtii waliin qabaachuun shakkameef callisiisuuf maallaqa kaffaluun himatamuu malu.

Amma yoonaatti garuu yakkaan mana murtiitti hin himatamne.

Suuraaleen miidiyaalee hawaasummaarratti qoodaman hedduun suuraa sobaa ykn gowwoomsaadha.

Akkasumas suuraaleen kun namoota hedduu gowwoomsuu hin dandeenye - namoonni muraasni garuu waan gowwoomfaman fakkaata.

Kamisa darbe Tiraamp suuraa hubannoo namtolcheen hojjatame miidiyaa hawaasummaa isaanii ‘Tiruuz’ jedhamurratti qoodan

Suuraan sun Tiraamp jilbeenfatanii wayita kadhatan agarsiisa.

Suuraaleen hubannoo nam-tolcheen dalagaman muraasni kun mallattoo maalii agarsiisu?

Akkamittiin suuraa dhugaa fi dharaa nama gowwoomsuuf hojjjataman adda baasna?

Suuraan kun dhugaa fakkaata garuu mormaa fi harka mirgaa Tiraamp mee ilaalaa

Madda suuraa, TWITTER

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraan kun dhugaa fakkaata garuu mormaa fi harka mirgaa Tiraamp mee ilaalaa

Suuraan akkasii nama dogoggorsiisuu?

Suuraaleen miidiyaalee hawaasummaarratti qoodaman kun akkuma suura kanaa olii kanatti suuraa dhugaa akka fakkaatutti bifa aartii of keessaa qabuun kan dalagamanidha.

Sirriitti itti dhiyaachuun yoo hubatame suuricharratti wanta sirrii hin taane hubachuun ni danda’ama.

Suuraa kana walakkaasaa mee ilaalaa. Harki Tiraamp baayyee gabaabbateera, poolisiin inni gara bitaatti argamu harka namaa otoo hin taane wanta calcala fakkaatu ofitti harkisaa jira.

Akkasuma morma Tiraamp xiyyeeffatanii yoo ilaaltan, mataan isaanii bakka biraati muramee suura kanarra waan kaa’ame fakkaata.

Henirii Ajider, ogeessa hubannoo nam-tolchee fi gabaasa raadiyoo BBC'ti.

Heniriin akka jedhutti teekinolojiin amma jiru kutaalee qaamaa muraasa fakkeessanii mul’isuuf sadarkaa gaariirra hin geenye jedha, keessattu harka.

‘’Yoo suura tokko ofitti dhiyeessitee ilaalte yeroo baayyee baayinni qubni harkaa wal hin simu,’’ jedha.

Poolisoonni kun gara biraa ilaala jirumoo Tiraamp ariyataa jiru?

Madda suuraa, ELIOT HIGGINS

Ibsa waa'ee suuraa, Poolisoonni kun gara biraa ilaala jirumoo Tiraamp ariyataa jiru?

Suuraalee shakkii namatti horan

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Suuraalee hubannoo nam-tolcheen hojjatamaan kana sirnaan hubatamanii yoo ilaalaman wanta dhugummaa isaa nama shakkisisaanitu irraa hubatama.

Bifa gogaa qaamaa baratamaa hin taane, qabiyyeen suurichaa dimimmisuun fa’aan suuraa dharaa ta’uu akeeka.

Suura asiin oliirratti garuu namni fuulli isaa sirnaan hin mul’annee ykn dimimmise walakkaa gara mirgaatiin ni mul’ata.

Rifeensi Tiraamp akkasuma dimimmisee mul’ata, kan irratti xiyyeeffatame garuu fuulasaanirratti ture.

Teknoolojiin hubannoo nam-tolcheen ija namaa sirnaan fakkeessee hojjachuu hin dandeenye.

Suuraan asiin olii kanarratti qondaaltonni Tiraamp ariyataa waan turan fakkaatu, garuu kallattii biraa ilaala jiru.

Rakkoo jabduun dhufaa jiraa?

Ogeessi hubannoo nam-tolchee BBCtti akka himetti, teknoloojiin damee hubannoo namtolchee kun saffisaan fooyyaa’aa adeemaa jira.

Akkasuma tarii suuraa namaa haala burjaajjii uumuun itti gargaaramuu jiraaachuu waan danda’uuf wanta nama yaaddessu jedha.

Dhaabbanni qabiyyeewwan dijitaalaa xiinxalu Muniir Tiruupik, akkas jedhe; ''qabiyyee nam-tolcheen akkasi saffisaan guddachaa jiru, garaa garummaan qabiyyee dhugaafi dharaa addaa baasuummoo caalaatti rakkisaa ta’aa jira.''