Tiraamp: 'Waraana Raashiyaa fi Yukireen guyyaa tokkotti dhaabsisuu nan danda'a'

Madda suuraa, ALEX WONG
Pirezidantiin duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraamp osoo pirezidantii ta'uun irra-deebiin filataman waraana Raashiyaa fi Yukireen dhaabsisuuf guyyaa tokko caalaa akka itti hin fudhanne dubbatan.
Bulchiinsa ammaa waan hunda dhuunfaasaan to'atee jiru jedhaniis akka jijjiiruuf waadaa seenan.
Aab Tiraamp Dilbata darbe yaa'ii tuuta warra konsarvaatiiv duratti sa'aatii dheeraa fudhachuun dubbatanii turan.
Waraana waggaa tokkoo oliif ture, ''yeroo gabaabaa keessatti nan dhaabsisa. Yoo baay'ate guyyaa tokko caalaa natti hin fudhatu, qaamolee walwaraanan lameenuu waanan jedhee amansiisu anatu beeka,'' jedhan.
Duula gareen Tiraamp right-wing jedhamu Washingtan DC keessatti guyyoota shan darbaniif gaggeesse irratti, yoon filatame waraanni tokkollee hin jiraatu jedhan Tiraamp.
''Waraanni Addunyaa III akka hin kaane haala salphaa ta'een nan ittisa.''
Tiraamp haasaa sa'aatii lamaaf walitti fufinsaan taasisan keessatti ''Ameerikaan burjaajii balfa koministiin akka hin barbadoofne nan baraara,'' jedhaniiru.
Carraa lammataa argannaan imaammata Pirezidantii ammaa US Joo Baayidan akka geeddaraniis waadaa seenan.
Kan Ameerikaa iddoo filatamtuu fi waan hundaan fooyyofte gochuu danda'u isaan qofa akka ta'e dubbatan.
''Waan hundi imaammata poolisiin micciiramee qabamuu kana nan jijjiira. aanga'oota bu'aa hin buusnes nan kaasa. Namoonni akkasii dhibee biyyaati,'' jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tiraamp dubbii sa'aatii dheeraaf dubbataniin guddoo of saadanis, wayita isaan filannoo 2024 irratti hirmaachuuf ifaajaa jiranitti qoodamiinsi paartiisaanii keessa jiru gufuu guddaa itti ta'eera.
Dorgommiin pireezidantummaa bara 2024 wayita eegalee jirutti Paartii Tiraamp- Paartii Rippaablikaan gidduutti qoccollaan, lolli fi walhimannaan hammaatee jira.
Haalli kun iddoo paartiin kun qabu guutummaatti balleesseera jedhu ogeeyyiin siyaasaa fi tarsiimoo biyyattii.
Rooyitarsi qaamolee raawwachiistotaa 50 caalan, kutaalee biyyaa Tiraamp bara 2020 keessatti injifataman kanneen akka Arizoonaa, Joorjiyaa fi Neevaadaa irraa af-gaaffii taasiseeraaf.
Tiraamp bara 2020 Kaaba Kaaroolaayinaa, fi haga tokko ammoo Kibba Kaaroolaayinaatti sagalee caalmaa argatanii turan.
Neevaadaa keessattis filannichi eegalee gara jalqabaa dursaa turan.
Ogeeyyiin tarsiimoo fi imaammata US bocuun beekaman filannoon wayita ga'u inumaa aanga'oonni paartii warra Rippaabilikaan walitti garagaluu danda'u jechuun yaaddoo qaban ibsan.












