Putiin daangaarratti 'gocha shororkeessaa' raawwatte jechuun Yukireen himatan

Vilaadmiir Putiin

Madda suuraa, EPA

Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin gareen Yukireen guyyaa Kamisaa daangaa biyyattii seenuun gocha ''shororkeessaa'' namoota nagaarratti raawwatan jechuun himatan.

Bulchaan naannoo Biriyaanisk kanneen Yukireen irraa badii raawwachuuf dhufan jedhan konkolaataa namoota nagaa irratti dhukaasuun, araddaa daangaarra jirtu keessatti dhiirota lama ajjeesuun mucaa waggaa 10 madeessan jedhan.

Yukireen garuu himannaa Raashiyaa kana cimsite haalte. Taateen mudate jedhame kunis qaama walabaatiin hin mirkanoofne.

Mikihaayloo Poodolyaak, Gorsaan pirezidanti Volodmiir Zelensikii toora tiwiitara isaaniirratti taatee ''dubbii barbaacha itti yaaduun raawwatameedha'' jedhan.

Raashiyaan isaan duras bulchiinsa Biriyaanisk dabalatee naannolee daangaa biyyattii keessatti misaa'eliifi haleellaan diroonii Yukireeniin raawwachuu gabaaftee turte.

Haata'u malee, humnooti Yukireen Raashiyaa seenanii dhukaasuu isaaniif gabaasni mirkaneessu hin argamne.

Tajaajilli Nageenya Federaala Raashiyaa (FSB) ammoo humnootiin isaaniifi waraannii idilee guyyaa Kamisaa ''leellistoota Yukireen'' kan daangaa qaxxaamuruudhaan namoota butan waliin waliitti bu'aniiru jedhe.

Tajaajilichi itti dabaluunis, qaamoleen kunneen haleellaa humnoota Raashiyaatiin rukutamuun gara Yukireen keessatti akka booddeetti deebi'an taasifamaniiru.

Isaaniis boombiiwwan hedduu araddaa keessatti dhiisanii bahaniiru jedhe.

Guraandhala 2022 yeroo Raashiyaan weerara bal'aa Yukireen irratti raawwatteetti, Putiin mootummaa Yukireeniin ''leellisitootaa fi warra Naaziitii'' ittiin jechuun, Raashiyaan tarkaanfii irratti fudhachu qabdi jechaa turan.

Pirezidanti Zeleniskiin garuu nama siyaasaa karaa filannoo dimookiraatawaan filatamaniifi hidda warra Jewiish kan qaban akkasumas kan mootummaa isaanii keessatti namoota siyaasaa harbeessitoota (far-right) hin qabneedha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Putiin guyyaa Kamisaa TV mootummaa Raashiyaa irratti haasaa taasisaniin, ''har'a deebisanii gochaa shororkaa biraafi yakka biraa raawwataniiru, daangaa seenuun namoota nagaa irratti dhukaasa banan'' jedhan.

''Konkolaataa namoota nagaa fi namoonni siviiliifi daa'imman akka achi turan osuma arganii dhukaasa irratti banan. Homayyuu hin milkeessan, danqaa isaaniirra keenya'' jedhan.

Waraabbiin viidiyoo agarsiifamaa tures Miseensoota Tola Oltummaa Raashiyaa (Russian Volunteer Crops) Yukireen bu'ureeffatanii kiliniikii alatti mul'atu ture.

Namni hidhataan tokko viidiyoo, telegraamii irratti maxxanfameerratti, gara Raashiyaatti kan qaxxaamuraniidha yoo jedhu dhagahama.

Gareen qorattoota gaazexeessitoota Beelingikaat garuu garee tola ooltota kanneen akka ‘‘gartuu bara darbe ifatti Putiin mormuu, gochaa Raashiyaan Yukireen keessatti gaggeessitu mormuuf hundeeffameedha’’ jechuun ibsa.

Oggeessi Beelingikaat, Mikaa’eel Kolboorne namoota viidiyicha irratti mul’atan keessaa tokko adda baasuun, nama Kaapustin jedhamu garuu kan maqaa masoo Nikitin jedhamuufi hogganaa gartuu tola ooltoota Denis ta’u hime.

‘‘Gareen kunis dhugaatti lola baay'ee gadaanaa ta’e raawwatu ta’a, ykn waraana cimaa. Kapustin sochii qaamaa hojjachuu malee leenjii loltummaa kamu keessatti hirmaatee hin beeku’’ jedha Obbo Kolborneen wayita BBCtti himaniitti.