Chaayinaafi Beelaaruus Yukireenitti nagaan akka bu'uuf waamicha taasisan

Madda suuraa, AFP VIA GETTY IMAGES
Hoggantoonni Chaayinaa fi Beelaaruus Yukireen keessatti furmaata nagaa barbaachuuf ''fedhii cimaa'' qabaachu ibsan.
Pirezidantiin Chaayinaa Shi Jinpiing fi dureen Beelaaruus Aleeksaandar Luukaashenkoo kan duree Raashiyaa Vilaadmiir Putiiniif michuu cimaa ta'an erga Beejiingiitti mari'ataniin booda ibsa baasan.
Obbo Lukaashenkoon karoora Beejiingi waraana Yukireen karaa nagaatiin furuu jedhu biyyisaanii ''guutummaan akka deeggartu'' himan.
Chaayinaan karoora nagaa torban darbe keessaa kan labsite yoo ta'u isaanis walabummaan biyyaaleessaa akka kabajamu waamicha dhiyeessite.
Dowwannaan kunis kan raawwatame erga Chaayinaan dippilomaatii olaanaa Waang Yi gara Putiiniitti ergiteen guyyootaan boodadha.
Walgahiin pirezidantii Beelaaruus fi kan Chaayinaa kunis dowwannaa Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa, Antoonii Bilinkan biyyoota Eshiyaatti taasisuun dhimma waraana Yukireen irratti dubbachuuf taasisaniin waliirra oole.
Chaayinaafi Beelaarus guyyaa Roobii kaleessaatti kan dhimma walitti bu'insichaarratti ''yaaddoo olaanaa'' qabaachu himuun, ''Yukireen keessatti atattamaan nagaan akka bu'uuf fedhii olaanaa qabaachu'' himu isaanii maddi oduu mootummaa Beelaaruus Belta'n kan gabaase.
Lukaashenkoon waraana Yukireen keessatti Raashiyaan kan deeggaran yoo ta'u, taajjabdoon imalasaanii gara Beejingi kanas akka mallattoo Chaayinaan sadarkaa ishee Raashiyaafi michoota ishee waliin cimsuutti ilaalan.
Dureen Beelaarus kunis karoora nagaa Chaayinaa faarsaniiru.
Sanadni abbaa qabxileen 12's ''walabummaan biyyoota hundaa akka kabajamuf'' gaafata.
Addatti Raashiyaan loltoota ishee Yukireen keessaa haa baaftu kan jedhe hin jiru.
Obbo Lukaashenkoon ''karoora nageenya idil-addunyaa ati baaftee gutummaan nan deeggara'' jechusaanii ibsa gargaaraansaanii baaseen himan.
Murteewwan siyaasaa ''duraan dursa waraana idil-addunyaa kan eenyumtu ittiin injifataa hin taanee hambisuudha'' jechuu himan Aab Shiin.
Karoorri nagaa Chaayinaa rakkoo waliigalaa Lixa keessaa kan ilaallatudha.
Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zelensikii kutaalee karoorichaa muraasaan akka waliigalan dubbachuun, kunis mallattoo Chaayinaan keessatti hirmaachu ta'u himan.
Chaayinaan ammatti ifatti waamicha Zeleniskii kanaaf deebii hin kennine.
Dureen Chaayinaa ''ilaalcha Waraanaa Holoolaa hundi'' akka dhaabbatuuf waamicha taasisuu ibsi marii booda bahe agarsiisa.
Dureen Chaayinaa itti dabaluun, biyyoonni diinagdee addunyaa ''siyaasa gochuu haa dhaaban'' jechuun, dhimmoota ''waraana dhaabuu, waldhabdee hambisaniifi furmaata nagaatiif'' gargaaran hojjachuu qabu jedhan.
Dowwannaan guyyoota sadii Obbo Lukaasheenkoon kunis erga Chaayinaan walitti dhufeenya ishee Beelaaruus waliin qabdu Fulbaana keessa fooyyeessuun hordofeeti.












