Raashiyaan yommuu Yukireen weerartu akkamitti danqamte?

Loltoonni Raashiyaa yeroo daangaa Yukireen seenan

Madda suuraa, UKRAINIAN BORDER GUARDS SERVICE

Bara darbe Raashiyaan yeroo Yukireen weerartu kallattii Kibbaatin milkaa'ina guddaa argattee turte. Loltoonni Raashiyaa Kirimiyaa irraa ka'uun Kibba Yukireen haleeluun guyyoota muraasa keessatti magaalotaafi lafa bal'aa to'achuu danda'an.

Waraanni Raashiyaa guyyoota muraasa keessatti daangaa hanga sana to'achuu akkamitti akka danda'eefi dogoggorri maalii akka ture hanga ammaa angawoonni Yukireen hin ibsin jiru.

Guraandhala 22, 2022 Barreessaa Olaanan Mana Maree Nageenyaa Yukireen Oleeksii Danilov dookumentii icciitii isa qaqqabe. Innis, lubbuun pirezidaantii Yukireen yaaddoo hamaa keessa jira kan jedhuudha.

Oleeksiin yoosuma duree tajaajila nageenyaa, ministeera biyya keessa, muummee mininsteerafi pirezidaant Vilodmir Zeleniskii qunnamuun walitti qabe.

Daanilov akka jedhutti waa'ee weerara Raashiyaa, guyyaa itti Raashiyaan Yukireen weeraruuf kaate, dabalatee mootummaan odeeffannoo gahaa qaba.

"Gaafa Guraandhala 22tti eegnee turre jedha. Raashiyaam garuu guyyaa lama booda weerara Yukireen irratti labsite.

"Kaayyon keenya biyya keessatti naasun akka hin uumamne gochuu ture. Kanaaf, waan hundumaa icciitidhaan qabuun murteessaa ture."

Angawoonni Yukireen waa'ee karoora weerara Raashiyaa erga odeeffannoo qabaatanii maalIif loltoonni Raashiyaa hanga magaala Kersoon qabatanitti guyyoota muraaasa keessatti Kibba Yukireen to'atan?

Saffisa loltoota Raashiyaa daangessuuf loltoonni Yukireen riqichawwan naanichatti argaman barbadeessuu barbaadanii turan. Garuu sun hin taane.

Kuni maaliIf akka ta'e angawoonni qorataa akka jiraniifi qorannichi hanga xumuramutti deebii kennuu akka hin barbaanne BBCtti hime Oleeskii Daaniloov.

Riqichi guddaan Kirimiyaafi Kersoon wal-qunnamsiisu akka jiguuf fanjiin itti hidhamee akka ture gaggeessaan humna waraana Yukireen ibsee ture. Garuu dhootuwwan hidhamanii turan akka hin dhukaane godhaman kan jedhu hin fudhanne.

Yukireen akka jettutti humni waraana Raashiyaa biyyattii weeraruuf dhufe harka 15 loltoota Yukireen kan caaludha.

Weerara Raashiyaan gaggeessite kanaaf Yukireen qophii akka hin taane beekamaadha. Kanarraa kan ka'e, jalqabarraa ka'ee loltoonni ishee naannoo Kibba Yukireen gadi dhiisanii guyyuma akka bahan godhame.

Loltoonni Raashiyaas naannoo magaala Kersoon dhaqqabuuf sa'aatii lama caalaa itti hin fudhanne.

Oleksiy Danilov
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kaaba jechuun Yukiree loltoota ishee hedduu naannoo Kirimiyaatti walitti qabdee turte.

"Ittisa qilleensarraa hanga hin qabaannetti akkamitti haleellaa isaanii ofirraa ittifna?" jedha Leetinant Palcheenkon.

"Xayyaaronni isaanii boombii hedduu harcaasanii waan hunda barbadeessanii deemu. Loltoota heddduufi meeshaalee waraanaa hedduu achitti dhabne."

Raashiyaan guyyoota muraasa gidduutti magaalota Yukireen to'achuuf karoorsite, garuu hin milkaa'in akka hafte hima Meejar Jeneraal Dimitro Marchenko.

Generaal Marchenkon akka jedhutti guyyoota muraasa keessatti namoonni akka waraanatti makaman gochuun kanneen dur loltuu turan kumaatamaan akka gurmaa'an godhame.

Garee gareetti qooduun meeshaalee, itti qooduun Raashiyaa dura akka dhaabbatan godhan.

Farra taankii kaa'uu, karaa cufuu fi wantoota biroo irratti akka hirmaatan gochuun kaayyoo Raashiyaan guyyoota muraasa keessatti Yukireen to'achuuf baafatte akka fashalaa'u gochuu hima.

Saffisa Raashiyaa dhaabuuf loltoonni Yukireen cichoominaan lolan. Garuu loltoonni Raashiyaa humna guddaa waan ta'aniif loltoonni Yukireen dandamachuu hin dandeenye.

"Taankin koo si'a hedduu rukutamte, hojii dhaabde. Akkuma T-34 yeroo waraana Addunya lammaffaa harkaan suphuu si gaafata," jechuun duubatti akka deebi'an himaa Jeneraal Palcheenkon.

Taankii rukutamee caccabe

Madda suuraa, MAJ GEN MARCHENKO

Hawaasni naannoo sochii waraana Raashiyaa humna waraana Yukireenif kennaa loltoota Rashiyaa bahaaf gala dhorkuun danqan.

Waraanni Yukireen odeeffannoo ummmanni kennuuufitti fayyadamuun haleellaa gaggeessa. Kibbi Yukireen jalqaba Raashiyaan akka garaa ishee keessa gulufte boodarra bakka loltootaafi meeshalee waraanaa hedduu itti dhabde ta'e.

Uummanni Yukireen ka'ee waraana bira dhaabbachuun ammoo weerara Raashiyaatti danqaa guddaa ta'e. Raashiyaan akka yaadde osoo hin taane, magaalota akka Kersoon fa'aa gadi dhiiftee bahuuf dirqamte.

"Uummanni waan ka'eef humna waraana Raashiyaa duradhaabbanne," jedha Mejar Jeneraal Marchenkon ammallee.