Walgahii biyoota G20 irratti Chaayinaan weerara Raashiyaan gaggeessite mormuu didde

Madda suuraa, Reuters
Ministeeronni faayinaansii biyyoota dureeyii addunyaa G20 jedhaman walgahii Indiyaatti taasisan irratti waa'ee Raashiyaan Yukireen weeraruu balaaleffachuu irratti walii hin galiin hafan.
Xumura walgahii kana irratti ibsa kenname ilaalchisee Chaayinaan ibsa kenname keessaa Raashiyaan Yukireen weeraruu isheef "cimsinee balaaleffanna" kan jedhu akka hin fudhanne beeksifte.
Mooskon ammoo biyyoonni Lixaa "farra Raashiyaa ta'an" G20 "jeeqaniiru" jechuun ibsite.
Chaayinaan jalqaba torbee kanaa Raashiyaafi Yukireen waraana gaggeessaa jiran mariin akka xumuran karoora yaada karoora araaraa dhiyeessitee turte.
Walgahiin biyyoota dureeyyii addunyaa G20 kun Indiyaa magaala Bengaluuru keessatti gaggeeffame.
Ibsa walgahii kanarratti kennameerratti "Chaayinaafi Raashiyaa malee miseensonni hunduu irratti walii galaniiru" jedha. Kanaan duras miseensonni G20 kun Raashiyaan Yukireen weeraruu ishee cimsanii balaaleffatanii turan. Haa ta'u garuu Chaayinaan michuu ishee Raashiyaa balaaleffachuu hin barbaanne.
Gama biraan ammooo dookumentii yaada araaraaf gargaaru jettee abbaa qabxii 12 qabu gadi lakkistee jirti. Raashiyaan dookumentii kana haalan simatte.
Haa ta'u malee qabxiilee yaada araarati jette kana keessatti Raashiyaan loltoota ishee Yukireen keessaa baasuu qabdi kan jedhu hin jiru, Raashiyaas hin balaaleffanne.
Karoora yaada araaraa Chaayinaan dhiyeessitee Raashiyaan simatte kana Joo Baayidan hin simanne: "Puutin harka rukutee simate taanan, yaadi dhiyaate gaaridha jechuu akkamitti dandeenya?"
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Walgahii biyyoota dureeyyii addunyaa G20 booda angawaa olaanaa Indiyaa kan ta'an Ajah Seth miidiyaaf ibsa kennaniin bakka bu'oonni Raashiyaafi Chaayinaa dhimma [waraana] Yukireen irratti walii hin galin hafuu dubbatan. Sababni isaa amooo gaheen isaanii dhimma diinagdeefi faaayinaansii qofarratti dubbachuu akka ta'e himan,
"Gama biraan ammoo biyyoonni 18 waraanichi diinagdee addunyaarratti dhiibbaa uumera waan ta'eef irratti dubbachuu fedhan," jedhuun ibsan qondaalli Indiyaa kun.
Ministiirri Dhimma Alaa Raashiyaa, "Hojiin G20 biyyoota Lixaatin jeeqamaa jira, jibba Raashiyaatifis dhimma itti bahamaa jira," jechuun gadduu isaanii ibsan.
Qondaalli Raashiyaa kun US, Gamtaa Awurooppaafi biyyoota G7tti quba qaban.
Minsitirrii Faayinaansii Jarmanii Kiristiyaan Lindinar garuu akkas jedhan: "Kuni waraana. Waraana kana ammoo kan eegale Raashiyaafi Vilaadmir Puutini. Kuni walgahii ministeerora faayinaansii G20 kanarratti ifatti ibsamuu qaba."
Walgahiin G2O bara darbe taa'ames bifuma kanaan osoo walii hin galin hafee ture.












