Finlaandi daangaa Raashiyaarratti dallaa ijaaruu eegalte

Dallaa Finlaandiin ijaaruu eegalte

Madda suuraa, FINNISH BORDER GUARD

Finlaandiin daangaa Raashiyaa waliin qabdu kan km 200 dheeratu irratti dallaa ijaaruu eegalte.

Eegdoonni daangaa biyyattii akka jedhaniitti, dallaan ijaaramuuf jiru kunis dheerina meetira 3 fi gubbaan ammoo shiboo kan qabu ta'a.

Finlaandii daangaa Gamtaa Awurooppaa isa dheeraa kan ta'e km 1,340 qabu Raashiyaa waliin wal daangeessiti.

Duraan daangaan ishee mukaan kan dalleeffame ture.

Finlaandi sababii waraana Raashiyaan Yukireen keessatti gaggeessaa jirtuun walqabatee lammiileen Raashiyaa loltummaa dirqamaa jalaa baqachuuf gara isaanii dhaqaa jiran waan dabaleef jedhameera.

Kaaba Awurooppaatti argamti. Raashiyaan cimsitee kan mormiteefi kan akeekkachiste ta’ulleen, biyyattiin garuu Nato’tti makamuuf gaaffii dhiyeeffattee jirti.

Paarlaamaan Finlaand wixinee seeraa ittiin biyyattiin Nato’tti saffisaan itti makamtu irratti mari’ataa jira. Roobii har’aa sagaleen irratti kennama jedhamee eegama.

Ijaarsii dallaa daangaa Imaatiraa gubbaatti ijaaraamaa jiru kunis, mukkeen naannichaatti argaman ciruun guyyaa Kibxataa kan eegalame yoo ta’u, ijaarsi daandiifi dallicha dhaabuun dhiheenyatti eegaluuf karoorri qabameera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kutaa dallaa muraasa irrattis kaameeraawwan halkan arguudhaaf nama gargaaran, ibsaawwanii fi sagalee guddiiftuun akka waliin dhaabbatan himameera.

Pirojaktiin yaalii ijaarsa dallaa daangaa Imaatiraa irratti ijaaramuu kan km sadii fagaatu dhuma baatii Waxabajjii irratti akka xumuramu eegdoonni daangaa ibsaniiru.

Ammaan tanatti dallaawwan mukaa daangaarratti argaman adda durummaan kan ijaaraman horii daangaa qaxxaamuruun seenan dhorkuuf kan ijaarame yoo ta’u, biyyattiin erga Raashiyaan Yukireen irratti weerara banteen booda daangaa biyyashee cimsachuf yaalaa jirti.

Fulbaana irratti pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin humnootiin eeggattootaa gara Yukireeniitti akka bobba’aniif waamicha taasisuu isaanii hordofuun, lammiileen Raashiyaa hedduun gara Finlaanditti baqachuu eegalaniiru.

Bara darbe baatii Guraandhalaa keessa Raashiyaan wayita Yukireen irratti weerara banteetti, Finlaandiifi Deenmaarki yeroo dheeraadhaaf walaba ta’un erga turaniin booda, atattamaan Nato’tti makamuuf murteessan.

Biyyoonni kunneen danqaaleen dippilomasii isaan mudatulleen, mootummaan Finlaandii filannoo baatii Ebla gaggeeffamuun dura mirkanneessuu barbaadu.

Hanga ammaattis gaaffi Nato’tti makamuudhaaf Finlaandiifi Siwidiin dhiyeessaniif deeggarsa kan hin kenniin Tarkiifi Haangaarii qofaadha.