Loltoonni Raashiyaa akaafaatiin lolaa jiru - Ministeera Ittisaa UK

Madda suuraa, Getty Images
Waraana Yukireen irratti, sababa hanqina rasaasaa isaan qunnameef loltoonni Raashiyaa “akaafaatiin” lolaa jiru jechuun, Ministeerri Ittisaa UK himan.
Dhuma Guraandhalaa keessa, loltoonni Raashiyaa bakka loltoonni Yukireen qabatan irratti “akaafaa fi shugguxii qofa hidhatanii,” haleellaa akka gaggeessaniif ajajamu isaanii dubbachuu eeruun, ministeerichi gabaasa basaasaa dhiyeenya baaseen irratti ibseera.
Akaafaan kun maqaa MPL-50 jedhamuun isa beekamu ta’uus ibseera.
Ministeerichi akka jedhutti akaafaan bara 1896 irratti uumame kun, erga yeroo sanaa danuu hin geeddaramne.
“Akaafaan MPL- 50 kun miidhaa hangamii geessisuu danda’a kan jedhu irratti, odeeffannoon keessumaa Raashiyaa keessa jiru garmalee guddifameera,” jedha ministeerichi.
“Akka meeshaa waraanaatti akaafaa kana itti fufiinsaan fayyadamuun, waraana kana keessatti lola sukkaneessaa fi teeknolojii muraasaan adeemaa jiru kan ibsudha,” jedha.
Loltoota Raashiyaa keessa tokko, lola kanaaf “qaamaanis ta’e xiinsammuutiin” qopha’oo ta’uu isaanii ibsuu, gabaasi kun eereera.
“Ragaaleen dhiyeenya argaman Yukireen keessatti lolli fuulaa fuulatti dabalaa dhufuu kan agarsiisudha,” jedhe.
“Kunis sababa hanqina rasaasaa Raashiyaa keessa jiruun, gargaarsa meeshaalee waraanaa gurguddoo muraasaan qofa, humni waraanaa Raashiyaa haleellaa loltootaa lafoon gaggeeffamu irratti xiyyeeffattee jirtuufidha.”
Gabaasa kana BBC’n walabaan mirkaneessuu hin dandeenye. Ministeerichis lolli akkanaa bakka kamitti adeemsifamaa akka jiru irratti odeeffannoo hin kennine.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhabbatti Qorannoo Waraanaa (ISW) akka jedhutti, magaalaa Bakmuut keessatti humnootni Raashiyaa bakka bu’aa qabeessa ga’aa ta’e qabachuu isaanii ibseera.
Raashiyaan, magaalaa xiqqoo lammileen nagaa 4,000 ta‘an ammallee keessa jiran Baakmuut qabachuuf yaalaa waan jirtuuf, magaalaattin ji’oota dheeraaf lola keessa turte.
Magaalaa kana to’achuun Raashiyaaf dhiyeenya keessatti milkaa’ina dirree waraanaa danuu hin argamne ta’uu mala, ta’us garuu sochii lolaa irratti magaalaa kana qabachuun bu’aa maalii fida kan jedhu shakkisiisaadha.
“Humnootni Raashiyaa humnoota Yukireen Baakmuut keessa jiranitti marsuuf karoorfatanii ta’u mala, ta’us garuu Yukireen marsamuurra bakkicha gadhiisuuf waan filachuuf deemuu fakkaata,” jedha ISW.
Ta’us garuu, humni waraanaa Yukireen Dilbata akka jedhetti magaalaa Baakmuut gadhiisee ba’uuf karoora hin qabu.
Magaalaa waraanicha dura jiraattota 75,000 qabdu turte Baakmuut to’achuuf loltoonni Raashiyaa kumaatamaan lakk’aan du’aniiru.












