Daawwannaa ajaa'ibaa Baayiden Yuukireenitti taasisan akkamiin icciitiin isaa qabame?

Baayiden icciitiidhaan Kiyeev daawwatan

Madda suuraa, Reuters

Kun daawwannaa ajaa'ibaa takkaa pirezidaantota Ameerikaa biratti dhagahamee fi tahee hin beeknedha.

Daawwannaa Joo Baayiden zoonii waraanaa bakka haleellaan itti fufinsaan irratti gaggeeffamu, magaalaa Kiyevitti taasisan ''yeroo ammayyaa keessa takkaa kan hin eegamiinidha'' jechuun ibse Waayit Haawus.

Daawwannaa kana dura pirezidaantotni yeroo waraanaatti gara Iraaqii fi Afgaanistaanitti taasisan humna waraanaa guddaa US'n dabaalamuun ture.

Hamiin miidiyaalee bal'aan waayee daawwanna isaanii karoorsuu irratti jiraatus kan jedhamu yeroo daawwannaa guyyaa lamaaf Poolaandi magaalaa waarsoo seenan kan karoorsan tahuu akka hin hafne himu.

Daawwannaan isaanii kun garuu nama hundaa raajeffachiiseera.

Pirezidaanti Vilodmor Zeleniskii waliin handhuura Kiyeevitti argamuun sanuu sagalee akeekkachiisa misaa'elaa walitti fufinsaan yeroo magaalicha irratti dhagahamu tahuun isaa dubbii Poolaanditti taasisan kamiyyuu caalaa hiika addaa qaba.

Waan balaa qabudha garuu kutannoon Baayiden agarsiisan namni kamuu gaggeessaa itti gaafatamuummaa isaa cichoominaan bahatu tahuu shakkii homaa akka hin qabaanne taasisedha,'' jette daarikterri Waayit Haawus Kaate Bedingfiildi.

Bilbilli homaa hin turre

Wiixata gargala Baayiden US irraa gara Poolaandi magaalaa Waarsootti daawwannaa guyyaa lamaaf akka balali'an karoorfamee ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Karoora imala isaanii jalqabaa irratti shakkiin jiru garaagarummaa yeroo dheeraa qabameeru ture.

Gaazexeesitootni guyya guyyaan Waayit haawusii gabaasan waa'ee dawwannaa isaanii kana irra dedeebiin gaafachaa turan.

Garuu Zeeleniskii waliin wal arguuf waanti karoorfameeru homaatii hin jiru, magaalaa Waarsoon alattis bakkatti goran tokkoyyuu hin jiraatu kan jedhu ture kan nutti himame jedhan.

Murteen xumuraa Yuukireen akka daawwatanii kenname Jimaata ture. Garuu ji'ootaaf daawwannaa kanaaf karoorfamee ture. Tahus kun jila hedduu waliin kan yaadame ture.

Hanga Dilbataatti karoorri Waayit Haawus idileen kan agarsiisu Wiixata galagala sa'a 1:00 [19;00] irratti gara magaalaa waarsootti akka balali'an ture.

Garuu xiyaarri isaanii Air Force One jedhamtu kan baate Dilbata ganama ture.

Isaan waliin kan imalan gargaartota isaanii muraasa, garee hakiimotaa fi ofiseroota nageenyaa muraasa ture.

Pirezidaanticha wlaiin gaazexeesitoota lama qofatu akka imalan eeyyamame.

Icciitii akka hin baafne kakataniiru. Moobaayilli isaaniis harkaa fuudhameera. Hanaga pirezidaantichi Kiyeev gahanitti akka gabaasa homaa hin baasne ajajamaniiru.

Raashiyaan pirezidaanti osoo hin bahiin sa'a muraasa dursuun gurra buufamteetti, akka gorsaan dhimma nageenya biyyaalessaa US, Jeek Suulivaan jedhanitti.

Ameerikaan ''kana kan goote adeemsa walitti bu'insa dhaabuufi...maal akka jedhan dubbachuu hin barbaadu, akka quba qabaatan isaan gochuu keenyan mirkaneessa,'' jedhan.

Pirezidaanti Baayiden sa'aatii 10 guutuu baaburaan deemuun ture Kiyeev kan galan.

Bakkeewwan Yuukireen keessaa daawachuu salphaa tahan kaaniyyuu daawwachuu danda'u ture garuu garuma Kiyeevitti taasisuu murteessan.

Daawwannaan pirezidaanti Baayiden Moskoof ergaa addaa kan qabu yoo tahu, hammmam Yuukireen cina akka dhaabbatan kan agarsiisudha.

Pirees Sekireeterin isaanii Kaariin Jiin Piiree torban darbe deeggarsa lamamiileen Ameerikaa Yuukireeniif qaba ilaalchisee jiru maal akka fakkaatu gaafatamteetti.

Pirezidaantichi yeroo dubbatan uummata Ameerikaatti dubbatu, uummata adunyaa guutuutti dubbatu.