Raashiyaan yakka waraanaa dhala namaarratti raawwatteetti- US

Kamaalaa Haariis

Madda suuraa, Reuters

Raashiyaan sababa weerara Yukireen yakkoota waraanaa dhala namaarratti raawwataman hunda raawwachuu Ameerikaan beeksiste.

Pireezidantii Itti Aantuu US kan ta'an Kamaalaa Haariis, Raashiyaan Yukireen keessatti dhiittaan dhala namaarratti raawwatte yakka waraanaa dhala namaarratti raawwatte ta'uu Ameerikaan ni amanti jedhan.

Raashiyaan Yukireen keessatti ''haala suukanneessaan namoota ajjeesuu, namoota dararuu, gudeeduu fi buqqisuun yakkoota hedduu raawwatteetti,'' jechuun dubbatan.

Pireezidantii Itti Aantuun kun haasaa kana kan taasisan jila nageenyaa magaalaa Muunik keessatti taa'amerratti.

Dureewwan biyyaa jila kanarratti argaman Yukireeniif tumsi waaraa akka taasifamu waliigalaniiru.

Ministirri Muummee UK Raashii Sunaak, tumsa meeshaalee waraanaa Yukireeniif taasisan yeroo kamuu caalaa yeroon dabaluu qaban amma ta'uu ibsan.

Biyyoonni lixaa akkaataa nageenya Yukireen mirkaneessuun danda'amurratti karoora jabaa waliin baafachuu akka qaban fi biyyattii haleellaa ofirraa qolachuu akka dandeessuuf meeshaan waraanaa barbaachisaan galuufii qaba jedhan.

Jilli nageenyaa magaalaa Muunik keessatti gaggeeffame kun Raashiyaan Yukireen weeraruun waggaa tokko guutuuf guyyooti muraasi wayita hafanittidha.

Namoonni Raashiyaa Yukireen keessatti dhiitaa mirga dhala namaa fi yakkoota adda addaa raawwatan itti gaafatamuu qabu jedhan Kamaalaa Haariis.

''Aggaammiin kun duudhaa waliinii fi namummaa keenyarratti kan qiyyaafateedha,'' jedhan.

Raashiyaan gamasheen namoota nagaarratti xiyyeeffatee haleellaa raawwatte akka hin qabne ibsiti.

Yakkoonni waraanaa dhala namaarratti raawwataman mana murtii idila-addunyaa-ICC jedhamutti ilaalamu.

Haata'u malee manni murtii kun shakkamtoota hidhuu hin danda'u.

Murtee kennuu kan danda'us biyyoota mana murtichaa hundeessanii fi murteesaa irratti waliigaluun mallatteessan keessatti qofa.

Raashiyaan ammoo waliigaltee kana hin mallatteessine. Kanaafuu shakkamtoonni dabarfamanii kennamuuf carraan jiru baayyee dhiphaadha.