Waraana Raashiyaa fi Yukireen: Addunyaa interneetiin ala gochuuf jiraa?

Iskiriinii kompiyuutaraa caccabe

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Sababa waraana Raashiyaa fi Yuukireen addunyaarratti hojiileen biizinasii hedduun dhiibbaa jala jiru- kan itti aanee hubamu interneetii ta'aa laata?

Addunyaan keenya, qaama-qalbiin akkasumas gama dijiitaalaan, sababa waraana Raashiyaafi Yukireen yeroo kamuu caalaa rakkinaaf saaxilamtee jirti.

Kubbaaniyyaa muummeyyiin akka Meta, Google fi Apple- kan duraan gartummaa kamirraayyuu bilisa ofiin jechaa turan amma garee qabataniiru- waan Raashiyaan Yuukireen weerarteef oomishaalee isaanii Raashiyaarraa ugguruun adabaa jiru.

Interneetiin mataansaa akkaataa tajaajila fayyadamtoota Raashiyaaf itti dhiyeessu jijjiireera- Tiwiitarii fi Feesbuukiin ugguramaniiru, TikTok fayyadamtoonni Raashiyaa jiran akka qabiyyeesaanii hin maxxansine dhorkeera.

Yeroo ammaa gaaffii fi yaaddoo guddaan waraanni kun haala teessumaafi qaama fiizikaalaa addunyaa qofa osoo hin taane haala interneetii addunyaas geeddaruu danda'aa laata kan jedhudha.

Raashiyaa fi interneetiin walirraa cituu maluu?

Sararoota interneetii (Cables)

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dhaabbati Dhiyeessi Interneetii (ISP) dhiyoo kana tajaajila interneetii bakka bu'uu akka abuuru gaafatameera

Mootummaan Yukireen kubbaaniyyaawwan teeknooloojii biyyattii keessa jiran tajaajila isaanii Raashiyaarraa akka kutan gaafateera, waamicha kana booda lakkoofsi dhaabbilee Raashiyaarraa of qoollifatanii guyyuu dabalaa jira.

Yeroo ammaa kubbaaniyyaawwan teeknooloojii Yukireen gamtoomuun gaaffii guddaa dhiyeessaniiru- Raashiyaa guutummaatti interneetii addunyaarraa kutuu.

Kubbaaniyyaan guddichi tajaajila interneetii maamilootaaf dhiyeessuufi itti gaafatamummaan Interneetii bulchu ICANN (the Internet Corporation for Assigned Names and Numbers), gaaffii kanaaf deebii ''Lakkii'' jedhu kenneera.

Hoogganaan ICANN Goran Marby, ''Ergamni keenya qaama kamirraayyuu walaba taanee tajaajila kennuudha. Hojiin keenya tajaajila dhiibbaarraa walabaa kennuurra darbee nama adabuu, qoqqobbii yookiin qaama ta'e ugguruu bira kan ga'u miti,'' jedhan.

Kubbaaniyyaan teeknooloojii ''Digital privacy group Electronic Frontier Foundation (EFF)'' jedhamu murtee kana deeggare.

Hooggantoonni EFF Corynne McSherry fi Konstantinos Komaayitiis ''yeroon waraanaa yeroo itti interneetaan taphatan miti, sababa waraanaa hojii interneetii keessa galuun balaa kan baatuu fi rakkoo yeroo dheeraa keessatti addunyaa kan kuffisuudha,'' jechuun ibsa baasan.

Akkasaan jedhanitti rakkooleen addunyaa mudatan:

  • Ummati addunyaa mirga teeknooloojii humna guddaa qabuun odeeffannoo qooduu dhaba, duubatti deebi'a
  • Egeree balaafamaa kaa'ee darba
  • Nageenyummaa fi iccitii dhuunfaaa sarba

Qoodamiinsa interneetii fi dhiibbaasaa

Alaabaa Chaayinaa fi shiboo interneetii

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Interneetiin Chaayinaan addatti qabdu kan biyyoota Lixaan akkaan gargari

Kubbaanniyyaawwan interneetii dhiyeessan hedduun tajaajila Raashiyaarraa kutuun qoqqoodiinsa interneetii hamaa fida jechuun yaaddoo qaban ibsu.

Yoo akkas ta'e biyyoonni interneetii mataasaanii tolfachuutti gadi taa'u jedhanii yaadu.

Kubbaaniyyaan tajaajila interneetii Chaayinaa The Great Firewall of China jedhamu biyyoonni interneetii dhuunfaasaanii gabbifachuu akka danda'aniif fakkeenya guddaadha.

Garuu Iraan keessattis interneetiin ajandaa siyaasaa ta'eera, jaarmiyaan interneetii biyyattiif dhiyeessu-Telekominikeeshiniin Iraan-odeeffannoowwan biyyoota alaarraa argaman ni daangessa.

Raashiyaan mataanshee interneetii biyyoota alaarraa garasheetti deebisuun kan mataashee gabbisuun shaakalaa turteetti.

Maqaan interneetii Raashiyaa kun Runet jedhama.

Garuu akka Chaayinaa lafaa kaatee haaraa tolchite osoo hin taane kan alarraa argattu irraa kan biyyashee tolfatte, waggoota dheeraafis faayidaarra oolchaa turuu himti.

Bara 2019 mootummaan Raashiyaa sirna interneetii kana hojiirra oolchuu eegaluu ibsee ture.

Yeroos nama muraasatu barbaachisummaasaa hubate, amma wayita weerara Yuukireen kana garuu hundatu hubatee jira.

Dhiibbaa akkamii qabaata?

Diddiigamuun interneetii waan hin oolledhaa?

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Diddiigamuun interneetii waan hin oolledhaa?

Teeknooloojii akkamiin addunyaa jijjiiraa akka jirurratti namni kitaaba barreesse Abishur Piraakash, waraanni kun haala interneetii geeddaraa jiraachuu hime.

''Addunyaan interneetii tokkicha fayyadamuurraa gara kan dhuunfaa dhuunfaatti akka galtu gochaa jira,'' jedha barreessaan kun.

"Sababa siyaasaa biyyootaa interneetiin haaraa haaraan tolfamaa jira. Biyyoonni hedduun interneetii akka addunyaatti jiru keessaa ba'aa jiru, kaan ammoo kan mataasaanii tolfataa jiru.

''Riqichi waggoota kurna hedduuf addunyaa walitti fide-miidiyaan hawaasummaa- amma gargar qoqqoodamaa jira.''

Kubbaaniyyaan tajaajila interneetii Chaayinaa The Great Firewall of China irraa kan ta'e James Griffiths, siyaasii fi aangoon interneetii qarqara lamaan warra lixaa fi Chaayinaa/Raashiyaatti qoodamaa jira jedhe.

"Bara 2016 keessa hundeessaan China's Great Firewall, Fang Binxing, Raashiyaa daawwachuun, isheenis kan mataashee kan Chaayinaan walfakkaatu akka gabbifattuuf gargaaranii turan,'' jedhe.

Yeroo ammaa, wayita addunyaan sababa weerara Yukireen teeknooloojiidhaan ishee qoqqobaa jirutti Raashiyaan biyya kamuu caalaa fuulashee gara Chaayinaatti deebisaa jirti.