Biyyoonni Lixaa annisaa Raashiyaarra qoqqobbii yeroo kaa'an kana maddi biraan jiraa?

Biyyoonni Lixaa gaazii fi zayita boba'a Raashiyaarra qoqqobbii haaraa buusan

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Ibsa waa'ee suuraa, Biyyoonni Lixaa gaazii fi zayita boba'a Raashiyaarra qoqqobbii haaraa buusan

Raashiyaan Yukireen weeraruu hordofee deebiin biyyoonni Lixaa kennaaniif wayita jajjabaataa jiru kanatti Ameerikaa fi UKn boba’aa Raashiyaa lagachuun, Gamtaan Awuurooppaa gaazii boba’aa Raashiyaarratti hirkachuu hir’isaa jira.

Pirezedantiin Ameerikaa Joo Baayiden tarkaafichi "dinagdee Raashyaaf hidda dhiigaa ijoo isa ta’erratti qiyyafate," jedhan.

Komishiin Awurooppaa fedhii gaazii uumamaa Raashiyaa harka sadii keessa lamaan hir’ifna jechuu hordofuudhaan Pirezedant Baayiden kana dubbatan.

Gamtaan Awurooppaa dhiyeessii boba’aa %40 Raashiyaarra argata ture.

Tarkaanfichi gatii gaazii olkaasuun, fayyadamtooti akka caalaatti qaala’u taasisa.

Dinagdeen Raashiyaa harka guddaan dhiyeessi annnisaarratti hirkate. Raashiyaan biyya addunyaarratti zayita boba’aa baay’inaan oomishuun sadarkaa sadaffaa qabatte yoo taatu, Sa’ud Arabiyaa fi Ameerikaatti aanti.

Tarkaanfiin kun otoo hin labsamiin dura Raashiyaan qoqqobbiin kun dinagdee addunyaaf "balaadha" jechuun, tariii ujummoo gaazii gara Jarmanitti diriirfame akka cuftu beeksifte.

Inveestaroonni lagannaan kun gatii jikita boba’aa barmeelii tokkicha $139tti Wixata ol ka’uusaaf yaadda’uu himan. Gatiin dabale kun ganna 14 keessatti isa olaanaadha.

Pirezedantiin Ameerikaa Joo Baayiden "Zayita boba’aa, gaaziifi madda anniisaa Raashiyaa kamiyyuu gara Ameerikaa akka hin galchine dhorkineerra," jedhan.

"Kana jechuun zayitiin boba’aa Raashiyaa kana booda buufataalee doonii Ameerikaatti fudhatama hin qabaatu," jedhan.

Baayiden tarkaanfichi biyyattiis gatii baasisuuf akka qabu amanuun,’’murtoon kun biyyoota michuuwwan keenya waliin mariyachuun fudhatame’’ jedhan.

UKn ammoo Raashiyaarra zayita boba’aa bituun xumura bara 2022tti kan goolabuu jirtu ta’uu Minisitirri Anniisaa fi Daldalaa UK Kuwaasii Kuwartinig tiwitara gubbaatti beeksisan.

UKn zayitii boba’aa %8 Ameerikaarraafi boba’aa calalame immoo Raashiyaarra bitti turte, boba’aa UK’n biyya alaarra galchitu ykn bittu keessa %6 Raashiyaarra galfama ture. Biyyoonni Awurooppaa harki caalaan isaanii annisaa Raashiyaarra argamurratti hirkatu, kanaafuu maddeen dhiyeessii annisaa akka filannootti dhiyaatan banamuuf jiru.

Haqina annisaa mudatu furuuf anniisaa haroomfamuun babal’isuuf kan yaadame yoo ta’u, bara 2030 dura Awurooppaan dhiyeessii boba’a Raashiyaarraa dhaabdee akka of dandeessuuf yaadamuun himameera.

Biyyoota anniisaa xiqqaa Raashiyaarra gara biyya isaanitti galchanillee otoo hin hafiin dhiibbaan tarkaanfii haaraa fudhatame kanaa ni qaqqaba.

Ameerikaa, UK fi Gamtaan Awurooppaa boba’a Raashiyaarraa bituu akka daangessan beeksisaniiru.

Tarkaanfichi kana fudhatame Raashiyaan uggurri boba’arra kana kaa’amu yoo ta’e, dhiyeessii gaaziii ujummoon biyyoota Awurooppaa dhiyaatu addaanin kuta jechuun akeekkisuu hordofuun ture.

Qoqqobbiiwwan akkamiitu gaaziifi boba’aa Raashiyaarra kaa’ame?

Yukireen qoqqobbiin akka Raashiyaatti dabalamu gaafachuu hordofee, Ameerikaan guutummaatti boba’aa, gaaziifi cileen Raashiyaa akka biyya ishee hin seenne uggurte.

UKn ammoo Raashiyaarraa zayita boba’aa bituun xumura bara 2022tti goolabuuf kan jirtu yoo ta’u, Gamtaan Awurooppaa harka sadii keessaa lama hir’iseera.

Boba’aan al-ergii Raashiyaa keessaa hangam ta’a?

Raashiyaan Ameerikaa fi Sa’ud Arabiyaatti aanuun biyya zayita boba’aa baayyinaan oomishtu ishee guddoodha.

Guyyaatti jikita boba’aa barmeela miliyoona shan alatti kan ergitu yoo ta’u, walakkaan isaa biyyoota Awurooppaatti ergama. Ameerikaan boba’a Raashiyaarratti baayyee hin hirkattu, bara 2020tti boba’a %3 ta’utu Raashiyaarraa biyyattii seena.

Maddii dhiyeessii boba’aa biraa jiraa?

Biin MC Wiiliyaam namni jedhaman akka jedhanitti, dhiyeessitoota gaazii caalaa dhyeessitoota zayitaa boba’aa argachuun ni salphata jedhan.

Ameerikaan Sa'ud Arabiyaan oomisha boba’aa ishee akka dabaltu gaafataa kan jirtu yoo ta’u, kanaan dura gatiin boba’aa akka hir’atuuf gaaffii Ameerikaan dhiyeessite fudhachuu diddee turte.

Sa’uda Arabiyaan biyyooota boba’aa biyya alaatti ergan-OPEC keessaa biyya baayyinaan hunda caalaa oomishuun beekamtu yoo taatu, oomishaafi raabsan jikita boba’aa %60n sadarkaa idil-addunyaatti gurgurama.

Kanaaf, OPEC gatii boba’aarratti dhiibbaa guddaa uuma.

Raashiyaan OPEC keessaa hin jirtu garuu bara 2017 irraa eegalee oomisha boba’aa daangessuurratti waliin hojjatti. Ameerikaan qoqqobbii oomisha boba’aa Veenzuweelaarra keesse laaffisuu akka filannootti ilaala jirtu.

Biyyattiin kanaan dura boba’aa biyyoota Ameerikaaf dhiyeeessan keessaa ishee ijoo turte, amma garuu biyyattiin oomisha boba’aa harka caalu Chaayinaatti gurgurataa jirti.

Yoo gaaziin Raashiyaa gara Lixa Awurooppaatti hin dabarre maaltu uumama?

Gatiin duraanuu dabalee ture ammas caalaatti ol ka'a.

Gamtaan Awurooppaa gaazii bitu keessaa %40’n Raaashiyaa irraa galfata ture.

Yoo dhiyeessiin boba’aa kun addaan cite, biyyoota akka Italii fi Jarmanitu caalaatti miidhama.

Biyyoonni Awuroppaa biyyoota gaazii biyya alaatti ergan kanneen akka Quwaataar, ykn Aljeeriyaa fi Naajeriyaatti kan fuula naanneeffatan yoo ta’u, oomisha boba’aa yeroo gabaabaatti ballisuun ni cima.