Waraana Raashiyaa - Yukireen: Putiin qoqqobbii biyyoota Lixaa labsii waraanaatiin walfakkeessan

Putiin leenjiftoota balalii waliin dhiheenya Moskootti

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Putiin leenjiftoota balalii waliin dhiheenya Moskootti

Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadimiir Putiin Yuukireen weeraruu isaaniin qoqqobbii biyyootni Lixaa biyyasaaniirra kaa'an ''labsii waraanaan walfakkaata,'' jechuun himan.

Daangaan qilleensaa Yuukireen balalii kamiifuu banaa akka hin taane gochuuf yaaliin taasifamu waraana keessa akka qooda fudhachuutti ilaalamas jedhaniiru.

Raashiyaa keessatti labsii yeroo muddamaa ni labsu jedhamee isa odeeffamaa tures fudhatama dhabsiisaniiru.

Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadimiiri Putiin kan kana jedhan bakka buufata leenjii Daandii Qilleensaa Raashiyaa, Aeroflot, argamuun yeroo daawwatanittidha.

Eega Raashiyaan Yukireeniin guyyoota 10 dura weerarte as biyyoonni Lixaa qoqqobbiiwwan hedduu Raashiyaarra ka'aniiru.

Qoqqobbiiwwan kuni qabeenya Putiin qoqqobuufi baankiiwwan Raashiyaa sistama kaffaltii idil-addunyaa Swift jedhamurraa akka bahan gochuu dabalata.

Dhaabbileen gurguddoos hojii Raashiyaatii qaban dhaabutti jiru. Gaafa Sambataa Zara, Paypal fi Samsung kanneen hojii dhaabuu isaanii beeksisan keessaati.

Tarkaanfiin biyyoota Lixaa kuni qarshii Raashiyaa Ruubil jedhamu rakkoo keessa galcheera.

Putiin dubbii taasisaniin ammallee waraana kan banan namoota Yukireen keessa Afaan Raashiyaa dubbatan baraaruuf akka ta'e himan.

Isa xinxaltoonni nageenyaa Raashiyaan saffisa yaaddeen Yukireen keessa waraana taasisaa hin jirtu isa jedhuufis yoo deebisan,''waraanni keenya ergama isaa ni raawwata. Kana homaa hin shakku. Hunduu akka karooraatti deema,'' jedhan

Gabaasonni kanneen lolarratti qooda fudhatan waamichi taasifameefi jedhanis Putiin waraana pirofeshinaalaa qofatu hirmaate jedhan.

Putiin Yukireen keessa balaliin qilleensaa akka dhorkamu yaaluun waraana keessa akka qooda fudhachuutti ilaalama jechuun dubbataniiru.

Pirezidantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskii isa NATO'n daangaa qilleensaa Yukireen keessa balaliin akka hin dhorkamne ejjennoo qabate balaaleeffataniiru.

Biyyoonni lixaa murteen kuni waraana hammeessa jedhan.

Waraanni akkuma fufettis ta'u waraanni mariin akka xumura argatu yaaliin taasifamu itti fufeera.

Ministirri Muummee Israa'el Naftaalii Beneet Pirezidant Putiin waliin Moskootti wal arganii sa'aatii sadiif waa'ee waraanichaa mari'ataniiru.

Eegasii gara Jarman imaluun Chaansilara Jarman Olaf Scholz waliin mari'atan.

Bulchaan Israa'el kuni akka Jewishii amantaa Ortodoksii hordofanitti guyyaa Shabbat boqonnaa ta'e cabsuuni kan imalan. Akka seera Jewishitti lubbuun namaa yoo rakkoo keessa seene imaluun ni eeyyamama.

Israa'el michuu Ameerikaa taatus Raashiyaa waliinis hariiroo gaarii qabdi. Pirezidantiin Yukireen Zeleniskiin Jewish ta'aniis Israa'el akka araarsitu waamicha taasisanii turan.

Gama kaaniin Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Biliinkan Ministira Dhimma Alaa Yukireen Dmytro Kuleba waliin daangaa Polaand - Yukireenirratti wal arguun mari'ataniiru.

Qondaalli Yukireen Nato'n waraanaan Yukireen akka deeggaruufi daangaan qilleensaa Yukireen balaliif cufaa akka ta'us gaafataniiru.