Waraana Raashiyaa-Yukireen: Meeshaaleen waraanaa biyyoonni Lixaa Yukireeniif kennan jijjirama fide qabaa?
Raashiyaan qilleensa Yukireen irratti ol aantummaa qabachuuf dhama'aa jirtu, humnoonni Yukireen ammoo misaa'eloota biyyoonni Lixaa dhiyeessaniifiin qoxxistee eeggachaa jirti.
Waraanni Yukireen viidiyoowwan hedduu helikooptaroota Raashiyaa misaa'elota lafarraa gara samiitti dhukaafamaniin rukutamanii wayita kufan agarsiisa.
Torban darbe viidiyoon waraabame tokko heelikoptarri Raashiyaa haleelamuurraa baraaramuuf jecha lafatti gadi dhiyaatee fiixee mukaarra balali’aa ture agarsiisa.
Misaa'eliin humnoota Yukireeniin dhukaafame sekeendiiwwan muraasa keessatti xiyyaaricha haleela.
Heelikoptarri Raashiyaa humnoota Yukireeniin haleeleme otoo barbaddaan ibiddaa itti hin qabatiin dura lafa dhahe ture. Viidiyoon biraallee jeettiin Raashiyaa naannoo Karkivitti haleelamuu agarsiisa.
Xiinxaltoonni dhimma waraanaa meeshaaleen biyyoonni Lixaa Yukireeniif dhiyeessan hojiirra oolaa jiraachuu isaaf kuni ragaadha jedhanii amanu.
Jastiin Biroonk, qorataa Humna Qilleensa Institiyuutii Royaal Yunitid Sarvisiiti. Jastiin akka jedhutti, amma yoonaatti yoo xiqqaate xiyyaaronni Raashiyaa 20 Yukireenitti misaaayilaan rukutamanii kufaniiru.
Xiyyaaronni rukkutamanii kufan ammoo heliikoptarootaafi jeettiiawwanillee ni dabalata.
Lakkoofsi xiyyaarota rukkutmanii kufaniiru jedhamn kun, minisiteerri Ittisaa Yukireen jeettiiwwan 48 fi heelikoptaroota 80 kuffiseera kan jedhuun gadi.
Ammas taanaan lakkoofsi xiqqaan kunillee Raashiyaan olaantummaa humna qilleensaa Yukireenirratti argachuuf qabsoo keessa jiraachuu agarsiisa.
Yukireenirrallee miidhaa guddaatu qaqqabe. Ministirri Ittisaa UK Been Waalaas BBCtti akka himanitti, Raashiyaan amma yoonaatti humna ittisa haleeellaa qilleensaafi humna qilleensa Yukireen balleessuurratti hin milkoofne.
Waraanni otoo hin eegaliin dura xiyyaarri waraanaa Yukireen dura kan Raashiyaan gara daangaa isheetti funaante waliin wayita madaalamu, kan Raashiyaa yoo xiqqaate harka lamaan kan Yukireen caalu.
Mr. Waalaas akka jedhanitti, Yukireen humna ittisa qilleensaa ishii guutummatti akka hin bannee gochuun danda’uun ishee xiyyaaronni Raashiyaa dhokachuuf jecha halkan akka balali’an dirqamsiise.
Misaayiliin farra xiyyaaraa gatiitti namaarraa dhukaafamu kan maqaan isaa Maanpaadis(man-portable air defence systems) jedhamu gosa meeshaalee waraaanaa biyyoonni Lixaa Yukireeniif dhiyeessan keessaa tokkodha.

Madda suuraa, GETTY IMAGES
Meeshaaleen waraanaa kun misaa'ela Ameerikaan tolchite beekamaa Istiriinjer jedhamu kan lafarraa ol dhukaafamuufi bara 1980 Afgaanistaan keessatti xiyyaaroota Gamtaa Raashiyaa durii haleeluuf tajaajilarra oole ni dabalata. Lakkoofsi isaa garuu hangam akka ta’e beekuun rakkisadha.
Torban darbe Mr. Waalaas BBCtti akka himanitti , biyyoonni Lixaa meeshaalee farra-taankii "kumaatamatti lakkaa’amanii" fi Istiriinjerii kuma tokkoo ol Yukireeniif dabarsanii kennaniiru. CNN qondaala waraanaa Ameerikaa wabeeffachuun akka gabaasetti, farreen taankii 17,000 fi Istiriinjara 2,000 Ameerikaafi biyyoonni miseensota NATO Yukireeniif dabarsanii kennaniiru.
Biriiteen fi Ameerikaan otoo Guraandhala 24 Raashiyaan weerara hin jalqabiin dursa, meeshaalee waraanaa kennaaniifi kan turan yoo ta’u, UKn misaayiloota farra taankii 2,000 kenniteef.
Mr. Waalas gabaasa kanaan walqabaturratti wayita yaada kennan meeshaaleen kunneen konkolaattoota waraaana Raashiyaa mancaasuuf tajaajilaaf oolaniiru, "akka carraa ragaa kanas mirkaneessuu dandeenyeerra," jedhan.
Qawweefi dhiyeessii meeshaalee waraanaa
Biyyoonni hedduun isaanii meeshaalee waraanaa Yukireenitti erguu kan eeegalan Raashiyaan Yukireen weeraruu bu’uureffachuun ture.
Walumaagalatti biyyoonni 14 meeshaalee waraanaa Yukireeeniif dhiyeessaniiru.
Biyyoonni meeshalee waraanaa dhiyeessan Siwidiin fi Fiinlaand kan dabalatu yoo ta’u, biyyoonni lamaan yeroo dheeraaf gartummaa waraanaa deeggaraa hin turre. Biyyoota miseensa NATO miti. Taatullee, biyyoonni lamaan kun qofti meeshaalee farra-taankii kumaataman lakkaa’amu Yukireenitti erganiiru. Jarman meeshaalee farra-taankii 1,000 fi misaayilota Istiriinjarii 500 Yukireeniif kenniteetti.
Biyyoonni naannoo Baaltik misaa'ela Istiriinjariifi ‘Javelin’ jedhaman dabalatee meemeshaalee waraanaa hedduu biyyattiif dhiyessaniiru.
Misaa'eliin Javelin jedhamu addunyaarratti meeshaa farra-taankii km 2.5 irratti taankii haleeluun sirriitti milka’aa ta’uun isaa himamuufidha.
Yukireen akka jettutti, taankiiwwan Raashiyaan T-72 jedhaman hedduu haala milkaa’aa ta’een barbadeessera jette.
Dhiyeenyatti meeshaleen waraana biyyattiif dabarfamanii kennaman qawwee kuma kudhanitti lakkaa’amu, dhootuu farra-taankiifi dhiyeessii meeshalee waraanaa biroo toonii dhibbaan lakkaa’amaan kan dabalatu, akkasuma koffiyyaa balaarra ofittisuuf mataaatti keeewwatamu, uffata rasaasa qolachuuf uffatamuufi meeshaalee wal’aansaa of keessaa qaba.
Meeshaaleen kunneen akkamittiin dabarfamu?
UKn akka himtetti, meeshaaleen waraanaa kun akka Yukireeniif dhiyeeffaman ‘saffisiisuu’’ gargaaraa turte. Qondaaltonni biyyoota Lixaa garuu akka itti meeeshaaleen waraanaa kunneen gara Yukireenitti qaxxaamurfaman odeeffannoo bal’aa hin kennine.
Taatullee, Raashiyaan tarkaanfii waraanaa Baha Yukireen irratti fudhachaa wayita turte dhiyeessiin meeshaalee kanaa fi yaa’insi namootaa karaa Dhihaa biyyoota ollaaarraa itti fufe.
Ministiroonni humna ittisaa waraana biyyoota akka Istooniyaa, Siwidiinifi Deenmaark dhiyeessin meeshaaleen waraana haala milkaa’aan torban as aanaan keessa Yukireen qaqqabuu BBCf mirkaneessan.
Meeshaaleen waraaana biyyoota Lixaatiin Yukireeniif dhiyeeffaman garaagarummaa ni uumu, yoo Yuukireen humna waraanaa ittigargaaramuu danda’u qabaachuu ittifufte ta’e.
Mr. Biroonk akka jedhanitti, Yukireen meeshaa farra xiyyaraa fageenya dheeraa qaban, kan bara Sooviyeet durii tajaajilaaf oolan qabaachuun xiyyaaronni Raashiyaa gara lafaatti gadi dhiyaatanii akka balali’aan dirqiiseera jedha.
Inni kun caalatti xiyyaaroota Raashiyaa misaa'eloota fageenya gabaaba qabani kan biyyoonni Lixaa Yukireeniif dhiyeessanii caalatti isaan saaxile jedhe. Kun otoo haala kanaan jiru, Ameerikaafi biyyoonni Awurooppaa meeshaalee waraanaa Yukireenif dhiyeessan dabaluuf yaalaa jiru.















