Waraana Raashiyaa - Yukireen: Qubeen 'Z' maaliif mallattoo deeggarsa waraanaa Raashiyaa tahe?

Dorgomaan jimnaastikii lammii Raashiyaa Ivaan Kuliyaak dorgommii Kaataaritti [Qataar] adeemsifamaa jiruun mallattoo deeggarsa waraanaa Raashiyaa qubee 'Z' morkataasaa lammii Yukireen biratti agarsiiseera. Kanaanis Federeeshiniin Jimnaastikii Addunyaa himata banuuf jira.
''Z''n mallattoo deeggarsa weerara Raashiyaan Yukreen irratti taasifate tahuun bal'inaan beekamaa jira. Namooti siyaasaa itti fayyadamaa jiru, konkolaataawwan irratti maxxanfamee mul'ateera.
Sarbiyaatti hiriirtonni waraana Raashiyaa deeggaranis mallattoo ''Z'' kana fayyadamaniiru. Suuraaleen kanaa wajjin wal-qabatanis miidiyaa hawaasummaarra qoodamaa jiran.
Barsiisaa siyaasa addunyaa Yunivarsiitii UCL kan tahan Aglaayaa Sineetkoovaan dubbiin kuni miidiyaa hawaasummaa irratti ijoo dubbii tahuu himuun, ''kuni dhimmi Raashiyaa hangam qaama addunyaa akka tahe nutti agarsiisa,'' jedhan
Qubeen ''Z'' sirna qubee Raashiyaa Siriiliik jedhamuun akka addaatti barreefamus lammiileen Raashiyaa baayyee qubee laatinii kana beeku.
Emilii Feeriis, Inistitiyuutii qorannoo RUSI'tti qorannoo gaggeessiti. Qubeen ''Z'' humna kan qabuufi salphaatti yaadatamuu danda'u dha jetti.
''Yeroo baayyee olola siyaasaaf waan akka salphaatti qabamutu dafee babal'ata,'' jechuun himti. Kanaa achi, ''sodaachisaa fi jabaa taha. Gama nama hawwachuuniis qubeen ''Z'' humna guddaa qaba,'' jetti.
Qubeen ''Z'' kuni warreen weerara Putiin deeggaran gidduutti tamsa'uuf torbee lamayyuu hin fudhanne.
Raashiyaa magaalaa Kaazaanitti ijoolleen gara 60 tahaniifi hojjettoonni hospitaalaa cabbii irratti boca qubee ''Z'' hojjechuun suuraa ka'anniru.
Dhimma qubee ''Z'' kanarratti miidiyaa hawaasummaa gubbaa yaadawwan garaagaraa qoodamaa turan. Jalqaba garuu kan qalbii namootaa haawwate, taankiiwwan Raashiyaa gara Yukireen yeroo galan qubeen kuni irratti mul'achuu isaati.
Jalqaba yeroo mula'te qubeen ''Z'' kuni lakkoofsa lama fakkaatee ture. Sababiinsaa Guraandhala 22,02,2022 guyyaa Raashiyaan naannolee baha Yukreen, Donetiiskiif Luhaanisk foxxoqnerra ofiin jedhan waliin waliigaltee, ''hiriyyummaa, wal-deeggarsaa fi gamtaa'' itti raggaasiifte ture.
Yeroo ammaa garuu mallattoon kuni waraannii Raashiyaa humnootasaa mala ittiin adda baafatu dha.

Torbee darbe namoonni miidiyaa mootummaa Raashiyaa daawwatan ''Z''n mallattoo meeshaalee waraanaa Raashiyaa irratti baay'inaan mul'atu dha jedhaniiru.
Miseensi humna addaa Raashiyaa duraanii Seergeey Kuuviikiin baruullee Raashiyaa 'Life' jedhamutti akka himanitti mallattoowwan garagaraa garee waraanaa addaa addaa bakka bu'uuf fayyadu.
Mallattoowwan kanneen akka, ''Z'' iskuweerii keessa jirtu, ''Z'' geengoo keessaa, ''Z'' mallattoo urjii waliin jiru ykn ''Z'' qofaa isaa.'' Kunneen loltoonni miseensota kaan waliin wal-arguu akka hin rakkanneefi iddoo argamuu qabanitti akka argaman gargaareera jedhan.
Xiyyaaronni waraanaa Raashiyaa saffisaan waan balali'aniif mallattoo irra jiran arguuf rakkisaa dha jedhan miseensi gameessi, Humna Qilleensaa Ameerikaa Taayisan Weeziil haasaa marsariitii Purpose Website jedhamu waliin taasisaniin.
Mallattoon ''Z'' kunis meeshaaleen waraanaa Raashiyaa garee ofiirratti akka hin dhukaasneef gargaara jedhan.
Aglaayaan UCL, irraa dubbiin ''Z'' kuni dhimma miidiyaa hawaasummaa irratti babal'ate qofa mitii, ''mootummaan Raashiyaa dhimma kana uummatatti dhiibaa ture,'' jedhan.
Namni siyaasaa Raashiyaa, Maariyaa Butiinaa jedhamtu viidiyoo akkatti qubee ''Z'' uffata irratti maxxansanii hojjechuun danda'amu agarsiisu qooddee turte.
''Akkasiin waa'ee isaa badaa haasa'uun otoo sin barbaachisiin dhaqxee agarsiista,'' jedhan Aglaayaan.
Haa tahu malee, jedhan mallattoon kuni akka abbaa irrummaa babal'isuutti ilaalamuu hin qabu.
''Miidiyaa hawaasaa irratti mallattoo Naazii Jarmanii, Siwaastikaa waliinis wal-fakkeessaa jiru. Kunis yaada warreen mootummaa mormaniin ka'aa jiru dha,'' jedhan.

Miidiyaa hawaasaa instaagiraamii Waajira Ittisaa Raashiyaa irratti qubee ''Z'' waliin qubeen ''V'' illee mul'ateera.
Barreeffamni waliin tures ''Za PatsanoV'' hiiktisaas ''dargaggootaaf'' kan jedhu dha. Kan biraa immoo ''Sila V pravde'' Ingiliffaan ''jabinni dhugaa keessaa…'' hiika jedhu kenna.
Yaadni biraan tokko qubeewwan laatinii lamaan jecha ''vostok' jedhuufi hiiktisaa baha kan jedhu yoo tahu, ''zapad' hiiktisaas ''lixa'' kan jedhu dha.
Haa tahu malee, miidiyaa hawaasummaarra, waraanni Yukreen ''Z''n ''Humna Bahaa'' Raashiyaa agarsiisa ''V''n immoo humna galaanarraa Raashiyaa dha, jedhee amanaa jechuun haasa'aamaa jira.














