Guyyaa Tiraamp to'annoo jala oolfamuu malanitti poolisootni US qophii eegalan

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidantiin duraanii US, Donaald Tiraamp, qorannoo namni odeeffannoo akka hin baasne kaffaluun wal qabatee gaggeeffamaa tureen tarii to’annoo jala yoo oolfamaniif, poolisootni magaalota US ijoo keessa jiran hiriira mormii mudatuu danda’u to'atuuf qophii taasisaa jiru.
Angaa’oti Niiw Yoork, Washingitan DC fi Loos Anjalas keessa jiran qondaaltota nageenya eegsisan dabalataan bobbaasaniiru.
Tiraamp hojjettuu filmii wal-qunnamtii saalaa wajjiin hariiroo gaa’ela isaanii alatti qabaatan jedhame irratti akka hin dubbanneef callisiisuuf jecha maallaqa isheef kaffalaniiru shakkii jedhuun Abbaan Alangaa Manhaataan himata irratti banuu danda’u.
Kun pirezdantii duraanii US irratti himata yakkaa yeroo jalqabaaf dhiyaatu ta’uuf jira.
Gaafa Wiixataa Mana Murtii Yakkaa Manhaataan akka miidiyaaleen US tilmaamanitti Tiraamp to’annoo jala oolfamanii bakka itti himataman, ashaaraan isaaniifi suuraan isaanii fudhatamu fulduratti dallaan sibiilaa kaa’ameera.
Dabalataanis Gamoo Tiraamp magaalatti keessa jiru fuldurattis poolisootni dabalataa bobbaafamaniiru.
Qorattoota wayyaa sivilii uffatan dabalatee, miseensotni Wajjira Poolisii Niiw Yoork (NYPD) hundi gaafa Kibxataa uffata poolisii isaanii uffatanii bobbafaamuuf qophaa’anii akka jiran madda poolisii eeruun CBS gabaaseera.
Humni waloo poolisii federaalaa biyyattiifi poolisii magaalaa Niiw Yoork humna pirezidantiifi pirezidantii duraanii tiksu kan sekireet serviis jedhamu waliin akkaataa Tiraamp tarii to’annoo jala olfamuu danda'an irratti mari’ataniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Poolisiin Kaappitool, kan magaalaa Waashingitanitti abbootii seeraa Kaappitol Hiiliif eegumsa taasisan, gaafa Kibxataa labsii yeroo muddamaa labsuuf akka karoorfateeru, maddii CBS’tti himeera.
Labsiin kun dhabbilee nageenya eegsisan waliin sirnaan hojjechuuf akka dabaluuf jecha kan kaa’amu ta’a.
Qondaaltonni jeequmsa siviilii dabalataas qophiin eeggachaa jiru.
Ta’us maddi mana maree dorsisi ykn yaaddoon adda baafame akka hin jirre himuun, kun tarkaanfii dursanii qophaa’uudha jedheera.
Loos Anjalas keessatti, poolisiin magaalattiifi qondaaltonni federaalaa hiriira Tiraampiin deeggaruun gamoo federaalaa fuulduratti Kibxata gaggeeffamuu maluuf qophaa’aa akka jiran, gaazexaan LA Times gabaaseera.
Donaald Tiraamp Kibxata to’annoo jala oolfamuun isaanii akka hin oolle gaafa Sambataa erga barreessan booda, intarneeta irratti dorsisi qondaaltota mootummaa fi seeraa irratti taasifamu dabaluu isaa qondaltoonni basaasaa US hubachuu isaanii CBS gabaaseera.
Dorsisi hedduun kan taasifameeru Abbaa Alangaa Manhaataan Alvin Biraag, nama Obbo Tiraamp irratti himata bananidha jedhamanii yaadaman irrattidha.
Tiraamp dabalataan deeggartoonni isaanii hiriira mormii gaggeesssuu akka qaban barreessanii ture.
Guyyaama sana Obbo Biraag ergaa imeelii hojjettoota isaaniif erganiin, “yaalii waajjira keenyaa fi olaantummaa seeraa Niw Yoork dorsisuuf taasifamu hin fudhannu,” jedhaniiru.












