Michummaan MM Abiy fi Pirezidant Isaayyaas eessaa ka’e, amma maalirra jira?

MM Abiy Asmaraatti yeroo simataman

Madda suuraa, FISTUM AREGA

Firoomni Ministira Muummee Abiy Ahmad fi Pirezidantii Ertiraa Isaayyaas Afawarqii bara 2018 namoota hedduu ajaa’ibe. Waliigaltee Piritooriyaan booda akka duraan ture akka hin taane ragaaleen gara garaa ni mul’isu.

Adoolessa 2018 imala Dr. Abiy gara Asmaraatti taasisan ummata biyyoota lamaanii birattis ta’e ummata addunyaa biratti gammachuufi abdii guddaa uumee akka ture ni yaadatama.

Yeroo sanatti Dr. Abiy, “Pirezidant Isaayyaas fageenyatti kanan beekuufi tilmaamuun haala adda ta’een ummata Itoophiyaatiif kabajaafi jaalala guddaa qaba,” jechuun misoomaafi nageenya Itoophiyaatiif quuqamu, hariiroo biyyoota lamaaniif qofa osoo hin taane biyyoota qaxanaa sana keessa jiraniif akka yaadu dubbatanii ture.

Haala maatiisaas ta’e haala jireenyasaa ummataaf ifa taasisee kan hin beekne Pirezidant Isaayyaas, keessummootasaafi ‘ajjaabotasaa’ Dr. Abiy mana jireenyaasaatti buna haffeeruusaanii miidiyaaleen gabaasaniiru.

Pirezidant Isaayyaas gamasaatiin, waggoota 20 booda Adoolessa 15, 2018 yeroo Finfinnee dhufetti dinqisiifannaa ummataa guddaan waan simatameef miirri gammachuu addaa agarsiise ijoo dubbii ta’ee ture.

“Keessakoo, miira onnee koo keessa jiru ibsuudhaaf (natti ulfaate)… seenaan hojjetamaa jira. Shira (nu gidduutti) jibbinsaafi haaloo, diigumsa baballisuuf xaxamu fashaleessuun kallattii hundaan misomaaf, badhaadhinaaf, akkasumas tasgabbiif waliin gara fuula duraatti deemuudhaaf muranneerra,” jechuun ergaa dabarse.

Abiy Ahmad quba Pirezidant Isaayyaas kan “si’idha kan nu gaggeessu” ittiin jedhetti qubeelaa kaa'ufiin michummaasaanii addunyaatti yeroo itti agarsiisan ture.

Hoogantoonni lamaan waggoota lamaan jalqabaa qofa yoo xiqqaate si’a 14 Finfinneerraa gara Asmaraa, Asmaraa irraa ammoo gara Finfineetti deddeebiyuun yeroo michummaa gaarii dabarsaniiru.

Jaalleewwan nagaatii hanga michoota qabsoo

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dr. Abiy Mudde 10, 2019 yeroo Badhaasa Noobeelii Nagaa fudhataniitti waliigaltee nagaa biyyoota lamaa gidduutti taasifameen gaheen Pirezidant Isaayyaas murteessaa ta’uusaa dubbataniiru.

“Badhaasa kana kanan fudhadhe maqaa waahela koofi michuu nageenyaa koo kan ta’e Pirezidant Isaayyaas dabalateeti. Waraanni ture mallattoo kufaatii hirmaattota hundaati…waraanni namoota kan haraara hin beekne, gara jabeeyyiifi warra dheekkaman taasisa,” jechuun Kitaaba Qulqulluu keessaa luqqaasii eeruudhaan billaa isaanii gara maarashaatti, eeboo isaanii ammoo gara haamtuutti akka jijjiiran dubbatanii ture.

Haata’u malee, heddu osoo hin turiin hoogantoonni lamaan raayyaa waraanaa isaanii waliin qindeessuudhaan Kaaba Itoophiyaa, Tigraayitti duulan.

Waliigaltee boodas taanaan ajajoonni waraanaa olaanoo biyyoota lamaanii tokko tokko “akka qama tokkootti” waliin ta’uun TPLF loluu isaaniifi loltoonni isaaniis “boolla tokko keessatti akka awwalaman” yeroo dubbatan dhaga’amaniiru.

Waraana Kaaba Itoophiyaa waggoota lama keessatti namoota kuma dhibbaan lakkaa’aman galaafate, waliigaltee Piritooriyaatti taasifameen xumuramuun isaa Pirezidant Isaayyaasiif akka hin liqimfamneef xiinxaltoonni ni dubbatu.

Chaayinaatti ramadamanii hojjechaa kan turaniifi adeemsa mootummaa Ministira Muummee Abiy Ahmad mormuudhaan baqachuu kan filatan dippilomaatiin Itoophiyaa Ambaasaaddar Iwunatuu Bilaattaa hariiroon gaggeessitoota lamaanii sirnaafi dhaabbileen seera-qabeeyyii ta’an irratti kan hundaa’e osoo hin taane TPLF fi sirna Federaalaa balleessuuf kaayyoo kan godhatedha jechuun qeequ.

“TPLFn karaa siyaasaan ajjeesuurra waraana filachuun isaanii dogoggora guddaadha,” jechuun bulee oolee lamaan isaanii akka wal gaarrefatan gochuu dubbatu dippilomaatiin buleessi kun.

Waliigaltee Piritooriyaa: Nagaafi gufuu mudatan

Aanga’aa olaanaa Adda Ummata Ertiraafi dippilomaatii duraanii kan turan Ambaasaaddar Abdallaa Adam gamasaaniin, hariiroon Abiy fi Isaayyaas gidduu ture “kan dhuunfaa” akka ta’e kanaan dura Isaayyaasiifi ministira muummee duraanii Mallas Zeenaawwii gidduu kan ture eeruun “seenaan akka deebisee of mul’ise” ibsu.

Hariiroon gaggeessitoota lamaanii kan irratti hundaa’ee ture diinadha kan jedhan TPLF irrattidha kan jedhan Ambaasaaddar Abdallaan, hariiroo dippilomaasiifi dinagdee gam-lamee idilee uummachuudhaaf kan kaayyeffate hin turre jedhu.

“Itoophiyaafi Ertiraa gidduu dhimmoonni gurguddoo akka daangaa sararuu, waliigaltee dinagdeefi hariiroo tolfachuu kanneen fakkaatan jiru. Garuu kan hunda cinaatti dhiisanii turaniiru. Karoora TPLFn balleessuuf kaayyeffatanii turan ‘gufuun’ waan mudateef osoo hin milkaa’iin hafeera,” kan jedhan dippilomaatiin kun kanaaf ammoo Ameerikaan kallattiin keessa seenuuniifi dhiibbaan isheen goote sababa ijoo akka ta’e ibsu.

Kanaan alatti, Ertiraan waliigaltee dhukaasa dhaabuu Piritooriyaa keessaa waan hafteef Pirezidant Isaayyaas akka waan ganamaniitti itti dhaga’amuusaa ibsu.

Kana yeroo ibsan, Pirezidanti Isaayyaas waliigaltee jaarsummaa Gamtaa Afrikaa, Ameerikaafi IGADn taasifame “tooftaa gufachiisuu” jechuun qeequu eeran.

Ministirri Muummee Abiy waldhabdee gidduusaanii jiru hiikuudhaaf carraaqqii taasisanis gama gaggeessaa Ertiraatiin deemiin qajeelaa akka hin argamiin dubbatu Ambaasaaddar Abdallaa.

Walitti bu’iinsa naannoo Amaaraafi ejjennoo Ertiraa

Waraana Tigraay booda gara walitti bu’iinsa dhiiga dhangalaasuu walfakkaatuutti kan gale haalli naannoo Amaaraa, yoo xiqqaate gaggeessitoota lamaan gidduutti wal amantaa dhabsiisuun waan hamaa uumeera jedhu qaamoleen itti dhiyeenyaan hordofan.

Ertiraan duraanis bulciinsa TPLF ADWUIn durfamu dhabamsiisuudhaaf garee hidhatan akka Ginbota 7 faafi mormitoota leenjisaafi hidhachiisaa turteetti.

Gaggeessitoonni Faannoo hidhannoofi meeshaa ummatasaaniirraa akka argataniifi Ertiraa irraa gargaarsa kamiyyu akka hin arganne dubbatanis, ambaasaaddar duraanii Ertiraa kanaaf garuu kun waan liqimfamu miti.

Ambaasaaddar Iwunatuun walitti bu’iinsa naannoo Amaaraa keessatti deemaa jiru keessatti gahee Ertiraan qabdu ragaan qabatamaan mirkaneessu akka hin jirre dubbatu.

Ambaasaaddar Abdallaan garuu Ertiraan humnoota Amaaraatiif ifatti deeggarsa kennuu baattus, hariiroo humnoota lamaan gidduu jiru ilaalcha keessa galchuudhaan harka marattee hin teessu jechuun falmu.

Kanaaf akka sababaatti kan eeran ammoo waraana kaabaa hordofee harka humnoota Amaaraa jala kan jiru karaa Tigraay Lixaan Ertiraan naannoo Amaaraa waliin sararri ittiin wal argatan jiraachuu isaati.

Ta’us garuu, mootummaan Ertiraa humnoota Amaaraaf deeggarsa kallattiin kennuu jalqabnaan, gaggeessitoota lamaan gidduutti walitti bu’iinsi ka’uu akka danda’u namoonni yaada kennan ni dubbatu.

Ulaa galaanaa, ibsa MM Abiy fi callisuu Isaayyaas

Ibsa Ministirri Muummee Abiy Ahmad dhiyeenya kana buufata doonii Galaana Diimaa ilaalchisuun kennan Ertiraanota hedduu kan dheekkamsiiseefi dhimma irratti dubbatan ture.

“Ummanni miliyoona 150 ta’u hidhamaa Ji’oogiraafii ta’ee itti fufuu hin danda’u,” jechuun Onkoloolessa darbe ibsa bakka buutota mana-mareef kennaniin dhimmi Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuu dhimma du’aafi jireenyaati jedhanii ture.

Yeroo sanatti mootummaan Ertiraa dhimmicha kallattiin tuquurraa of qusachuun ibsa gabaabaa kennee ture.

Qaxanichatti hawwii nama dhiibbaa uumu ta’uu akka qabu kan himamuuf Pirezidant Isaayyaas, haasaa Dr. Abiy taasisaniif hanga ammaa deebii hin kennine.

Ambaasaaddar Iwunatuun adeemsi Abiy kan hin baramne ta’uu ibsuun, dhimmichi sadarkaa gaggeessitootaatti bifa faayidaa biyyoota lamaanii kabajeen mariin irratti gaggeeffamuu qaba jedhu.

“Akka hiree ta’ee garuu gaggeessitoonni lamaanuu aangoo dhuunfaafi kakaatuu ta’uurra darbee mul’ata waan hin qabneef gara muddama hin barbaachifneetti geessuu danda’a," jechuun dhimmichi hookkara hin barbaachifne akka hin qaqqabsiifneef seera, hojmaatafi naamusa idil-addunyaa bu’uureffateen hiikamuu akka qabu gorsu.

Ambaasaaddar Abdallaa gamasaaniitiin gaggeessitoonni lamaan wanti wal isaan fakkeessu qaxanichatti olaanaa ta’uuf fedhiin qaban akka walii waliisaanii dorgoman waan taasisuuf walitti bu’uu danda’u jedhu.

Ambaasaaddar Iwunatuun garuu “abjuuwwan Abiy bu’uura kan hin qabneefi kan irra hin deebine” waan ta’aniif akka waan hiika qabuutti ilaalamuu hin qaban jedhu.

Amma hariiroon dippilomaasii isaanii maalirra jira?

Mudde 2018 Itoophiyaatti ambaasaaddara Ertiraa ta’ee kan muudaman Sammaree Ri’iisom Bitootessa 2022 “yeroon hojiisaatii waan dhumeef” biyyattii keessaa bahuun isa ani yaadatama.

Wayita ministeera barnootaa turetti aangoo dippilomaatii dabalatee hojjechaa kan ture Ambaasaaddar Sammareen erga gara Ertiraatti deebiyeen booda ija ummataa jalaa erga dhokatee tureera.

Haaluma walfakkaatuun Mudde 2019 ambaasaaddara Itoophiyaa ta’uun Asmaraatti kan muudame Rediwaan Huseen erga gara biyyaatti deebiyeen booda Itoophiyaan bakka isaa ambaasaaddara biraa hin ergine.

Hariiroon biyyoota lamaanii sadarkaa miiliirra akka jiru ifatti beekamuu baatus, Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa garuu balali’uu isaa itti fufeera.

Daangaawwan yeroo gabaaabaatiif banamanii turan garuu ji’a saddet keessatti deebiyanii cufamaniiru. Yeroo dheeraatiif kan ture daangaan karaa Buree-Debaayisimmaa Ebla 22, 2019 guutummaatti cufameera.

Waliigaltee Piritooriyaarratti gammachuu kan hin qabne Pirezidant Isaayyaas yeroo dhumaatiif Itoophiyaa kan daawwatan Onkoloolessa 2020 ture.

Waraanni Tigraay jalqabuuf torban lama dursee Onkoloolessa 13, 2020 Naannoo Oromiyaa magaalaa Jimmaatti daawwannaa taasisuun isaa ni yaadatama Pirezidant Isaayyaas.

Daawwannaa guyyoota sadiif turan sanaan Hidha Haaromsa Laga Abbayyaa dabalatee hojiiwwan misoomaa biroo daawwachuun Ministira Muummee Abiy Ahmad waliin mariyachuun isaanii gabaafamee ture.

Waliigaltee nagaa Piritooriyaa hordofee jilli itti-gaafatamaa tika biyyaalessaa Ertiraa Birgaadar Janaraal Abrahaa Kaasaan durfame Ebla 2023 gara jalqabaa Itoophiyaa daawwateera.

Ministirri Muummee Abiy fi Pirezidant Isaayyaas yeroo dhumaatiif qaamaan kan wal argan Adoolessa 12, 2023 gaggeessitoonni Sudaan Masiritti walitti qabamanii waraana Kaartumitti deemaa jirurratti wayita mariyatanitti ture.

Kun garuu idileen osoo hin taane minjaala sha’eerratti nagaadhuma wal gaafachuudha.

Yeroo sanatti gaggeessitoonni lamaan wal argaa tasaa waan fakkaatuun yeroo kolfaniifi waliin dubbatan argamuun isaanii hariiroon isaanii akkuma duraan ture ho’aa ta’uu agarsiisa jedhamee ture.

Gorsaan nageenya biyyaalessaa ministira muummee Ambasaaddar Rediwaan Huseen yeroo sana akka jedhetti, “gaggeessitoonni lamaan daawwannaa Pirezidaant Isaayyaas itti aanutti marii dabalataa dhimma biyyoota lamaanii gidduutti taasisuuf waadaa galaniiru,” jedhee ture.

Haata’u malee, osoo kun hojiirra hin ooliin baatiin shan darbaniiru.

Xiinxaltoonni tokko tokko ibsi Ambaasaaddar Rediwaan Huseen hariiroo biyyoota lamaanii dhibameeru fooyyeessuudhaaf kan kennameedha jedhu.

Daawwannaa Pirezidant Isaayyaas ni taasisa jedhames hanga ammaa maaliif akka ta’iin jiru ifa miti.