Waliigaltee Itoophiyaafi Somaalilaand: 'Dhimma lamaan isaaniif murteessaa ta'etu walitti isaan fide'

MM Abiy Ahmadifi Musee Bihii

Madda suuraa, PM Office

Itoophiyaafi Somaalilaand gaafa Amajjii 1, 2024 sanada wal-hubannoo Itoophiyaaf karra galaanaa saaqu waliif mallatteessaniiru.

Waliigaltee kanaan Somaalilaand Itoophiyaaf karra galaanaa Itoophiyaan buufata dooniifi buufata waraanaa itti misoomsitu kennitiif.

Itoophiyaan bakka ulaa galaanaa km20 ta'u argattee Somaalilaand kan akka biyyattii beekamtii idil-addunyaa hin qabneef Daandii Qilleensaa keessaa qooda akka qabaattu gochuufidha.

Kana malees, beekamtii biyyummaa Somaaliland dhimmitee barbaaddu Itoophiyaanis adeemsa keessa kan ilaalcha keessa galchitu ta'a jedhameera.

Pirezidantiin Somaaliilaand Musee Bihii Abdiin ammoo gama isaatiin akka qama waliigaltee kanaatti Itoophiyaanis adeemsa keessa Somaaliilaand akka biyya walabaa taate beekamtii kennuufiin biyya jalqabaa taati jedhan.

Itoophiyaan ulaa galaanaa kana argachuuf waliigaltee liizii waggaa 50’f turudha kan mallattesite. Waggaa 50 booda waliigaltichi kan haara’u tahuus eerameera. Biyyoonni lameen naannoo ulaa galaanaa kana waliin misoomsuuf waliigaluutu himame.

Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuu akka "dhimma jiraachufi jiraachuu dhabuutti" erga kaastee bubbulteetti.

Dubbii ulaa galaanaa kana yeroo duraaf MM Abiy ji'a Onkololeessa keessa miseensota parlaamaatti gaafa beeksisan Ertiraa wajjin wal-qabsiisanii kaasanii ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Itoophiyaafi Ertiraarraan dhimma ulaa galaanarratti tarii walitti bu'uu laata kan jedhuun ijji baay'en gara Kaaba Itoophiyaa ilaalaa ture malee Somaalilaanditti xiyyeeffannoo guddaan waan kenname hin fakkaatu.

Amajjii 1, Itoophiyaafi Somaaliland gaafa waliigaluu beeksisan addumatti Somaaliyaa heddu rifaasise; deebiis kenniteetti.

Somaalind 'ani biyya walabaati' jettee of waamtus beekamtii idil-addunyaa hin qabdu. Somaaliyaan, daangaashee keessaa akka bulchiinsa tokkootti ilaalti.

Kanaaf, Itoophiyaan biyya beekamtii addunyaa hin qabne wajjiin akka biyyatti walii-galtee mallatteessun Somaaliyaaf hiika maal qaba? Walitti dhufeenya Itoophiyaafi Somaaliyaa bifa kamiin miidhuu danda'a?

Ji'oopolitiksii Baha Afrikaarratti dhiibbaa qabaa? Biyyoonni ollaa walii-galtee Itoophiyaafi Somaalilaand akkamitti ilaalu?

Biyyoonni guddataniifi Baha Afrikaarraa fedhii addaa qaban, akkasumas siyaasa Baha Afrikaarratti dhiibbaa qaban maal jedhu? gaaffilee jedhan irratti hayyoota siyaasaa dubbisuun xinxaala kana qopheessineerra.

Waliigalteen kun fayidaa addaa maal qaba?

Waliigalteen wal-hubannoo kun Finffinneetti yeroo mallattaa'u MM Abiy Ahmad haasaa taasisaniin, "Akkaataa waliigaltee keenyan, obboloota keenya Somaalilaand wajjin ta'uun misoomuf, guddachuufi nageenya waloo keenyaa mirkaneessuu kan danda'u sanada ka'uumsaa ta'uu danda'a.

"Kana dura akkuma irra deddeebin kaasne nuti fedhii qabeenya qabnu waliin qooddachuuf, hirmaachuufi waliin misoomsuu malee fedhii eenyuyyuu humnaan dirqisiisuu hin qabnu jechaa kan turre qabatamaan har'a [Amajjii 1] bara haaratti kan...labsinuudha" jechuun Itoophiyaan caba bara baay'ee ulaa Galaana Diimaa dhabderraa akka fayyite dubbatan.

Pirezidaantin Somaalilaand Muusee Bihii Abdiin ammoo gama isaatiin Itoophiyaanis adeemsa keessa Somaalilaand akka biyya walabaa taatetti beekamtii kennuufiin biyya jalqabaa taati jedhan.

Somaalilaand ibsa baastenis 'biyya walabaa ta'uushee' Itoophiyaarraa beekamtii idil-addunyaa argachuus beeksite.

MM Abiy pirezidaantii Somaalilaand Musee Bihii waliin walii-galtee wal-hubannoo yeroo mallatteessan haasaa taasisaniin Somaalilaand biyya ta'uushee waan dubbatan hin qaban.

Yuunivarsiitii Finfinneetti saayinsii siyaasan kaadhimamaa PhDfi hariiroo Itoophiyaafi Ertiraa irratti qorannoo kan gaggeessan Nagaraa Guddataa waliigalteen wal-hubannoo mallattaa'e Itoophiyaafis ta'ee Somaalilaadiif fayidaa guddaa akka qabu himu.

"Somaalilaand Itoophiyaa waliin waliigaltee wal-hubannoo mallatteessunshee ija dippilomaasin akka mul'atan [beekamtii argatan] isaan taasisa. Isaaniif hiikoo guddaa qaba, Itoophiyaafis akkasuma," jechuun lamaansaanifuu bu'aa akka qabu himu.

Keessumaa Somaalilaand Itoophiyaa wajjin waliigaltee mallatteessunshee gaaffii addunyaarratti beekamtii biyyummaa argachuuf kaasaa turte akka dhugoomsituuf ishee gargaaruu akka danda'u kaasu.

Gama biroon waliigalteen kun Itoophiyaaf 'eebbas abaarsas fidee dhufuu akka danda'u kaasu Obbo Nagaraan.

Ertiraan biyya taatee Itoophiyaarraa erga adda baatee Itoophiyaan ulaa galaanaa buufata daldalaafi humna galaanarraaf itti dhimma bahaa turte erga dhabdee waggoota 30 darbaniif daldalli idil-addunyaa Itoophiyaa %95 ol ta’u biyya ollaa taateefi qarqara galaanaa km31 qabdu Jibutiirraatti hundaa’a.

Kanarraa kan ka'e Itoophiyaan kiraa buufata doonii Jibuutiif baasii guddaa baasti.

Waliigaltee Somaalilaand wajjin taasifte kanaan ulaa galaanaa argachuusheetin baasii gibiraa kaffaltu hir'isuu qofa osoo hin taane humna galaanaa akka ijaarrattus ishee dandeessisa.

"Biyyi tokko humna waraanaa guutuu qabdi kan isheen jedhamtu [humna] qilleensaa, galaanaa, lafoofi teeknolojiin deeggarame yoo qabaattedha," jechuun Itoophiyaan kana argachuusheen humna cimaa ijaarrachuu qofa osoo hin taane biyya keessatti mootummaanillee deeggarsa uuummataa akka argatuuf carraa gaarii akka uumuuf kaasu Obbo Nagaraan.

Waa'ee barbaachisummaa ulaa galaana argachuu MM Abiy ji'oota dura uummataaf ifa haa godhan malee, waggoota sadiin duraa kaasee Itoophiyaan humna galaanaa ijaaruu kan ishee dandeessisu qophii garaa garaa gochaa turte.

Yuunivarsiitii Finfinneetti hayyuu siyaasafi kaadhimamaa PhD kan ta'an Shimallis Hayiluu kanaan dura BBCtti akka himanitti, Itoophiyaan waggootan dura humna waraanaa galaanarraa hundeessuu beeksisuunshee ulaa galaanaa argachuurratti MM Abiy aangotti dhufuu kaasee xiyyeeffannoon irratti hojjataa turte.

Itoophiyaatti ambaasaaddarri duraanii US Daavid Shiin akka jedhanitti, sababiin guddaan Itoophiyaan Somaalilaand waliin waliigaltee walhubannoo Ulaa Galaana Diimaa argachuu barbaaddeef, humna galaanaa ijaarrachuudha.

Akka isaan jedhanitti Itoophiyaan humna galaanaa dur Galaana Diimarratti qabdu deebistee ijaarudha.

Itoophiyaan buufata doonii Barbaraatti fayyadamuun meeshalee alaa galchuufi erguuf akka itti fayyadamtu Somaalilaand waliin waliigaluun akkuma jirutti ta'ee, "Ani kun fedhii humna waraanaa ykn humna galaanaa qabaachuu waliin caalaa kan walqalqabatuudha jedheen yaada," jedhan Ambasaaddar Deevid Shiin.

Waliigalte wal-hubannoo Itoophiyaafi Somaalilaand waliif mallatteessan kanaan karaa dippilomaasiifi fayidaa waloorratti hundaa'en ulaa galaanaa argachuu danda'uunshee Itoophiyaaf fayidaa biroo guddaadha.

Atilaantik Kaawunsil Afrikaan Senter irraa Maayikil Shurkiin, "[Itoophiyaan] Ertiraa waliin waraana keessa galuuf fedhiinshee xiqqaa ta'uu mala," jechuun gama biraan ammoo Somaalilaand Itoophiyaarraa beekamtii barbaaddu argachuun garri lachuu fayyadamoo ta'uu hima.

Itoophiyaan Somaalilaand waliin wal-hubannoorra gahuu waliif mallatteesunsaanii Somaaliyaa kan aarsu ta'us, ulaa galaanaa argachuuf Ertiraa waliin waraana keessa seenuu caala akka salphatu kaasa Maayikil.

Sanada wal-hubannoo(MoU) fi walii-galteen garaa garummaa qabuu?

Itoophiyaafi Somaalilaand gaafa Amajjii 1, 2024 sanada wal-hubannoo (Memorandum of Understanding, MoU) waliif mallatteessuusaanii ifa godhaniiru.

Walii-galteen wal-hubannoo kun dhimmoota diinagdee, hawaasaa, siyaasafi waraanaa ilaalchisee akka ta'e ibsi Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa Itoophiyaa baase ni agarsiisa.

Haata'u garuu, sanadi mootummaan Itoophiyaafi Somaalilaand waliif mallatteessan waliigaltee xumuraa [binding agareement] miti. Yuunivarsiitii Finfinneetti kaadhimamaa PhD kan ta'an Nagaraa Guddataa sanada wal-hubannoo waliif mallatteessuufi waliigaltee waliis mallatteessun garaa gara akka ta'e ibsu.

"Seera waliigaltee keessatti sanadi wal-hubannoo mallattaa'u waliigaltee seeran ittiin wal gaafatan (binding agreement) miti," jechuun sanada wal-hubannoo mootummaan naannoo tokko biyya waliin mallatteessuu ni danda'a jedhu.

Waliigaltee wal-hubannaa jechuun qaamolee lama ykn isaa ol kaayyoo waloorratti waliin hojjachuuf fedhii qabaachuu kan agarsiisaniifi gara waliigaltee isa xumuraatti cehuuf haal-duree kan kaa'u jechuudha.

Akkaataa Seera Waliigaltee Kora Veenaa 1969 (Venna Covention on the Law of Treaties) irratti murtaa'etti waliigaltee (treaty) jechuun seera idil-addunyaatiin kan gaggeeffamu ta'ee waliigaltee biyyoota lama gidduutti bifa barreeffaman taasifamuudha.

Kanaaf, sanadi Itoophiyaafi Somaalilaand waliif mallatteessan sana wal-hubannoo malee waliigaltee yoo cabe seeraan ittiin wal-gaafatan miti jechuudha.

Hariiroon Itoophiyaafi Somaaliyaa maal ta'inna?

Itoophiyaafi Somaalilaand waliigaltee wal-hubannoo waliif mallatteessuu hordofee Somaaliyaan baay'ee dheekkamte.

Kaabineen mootummaa Somaaliyaa yaa'ii hatattamaa waameen "Itoophiyaan dhimma birmadummaa Somaaliyaa keessa seente" jechuun balaaleffate. Biyyattiin ambasaaddarashee Finfinneerraa gara biyyatti waamte.

Pirezidaantin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud Amajjii 2 yaa'ii hattatamaa kaabineensaanii taa'e booda haasaa taasisaniin, ''waliigaltee seera idila addunyaan waldhiitu... waliigaltee raawwiinsaa seera idila addunyaa fi hojimaata baratameen waldhiitu, akkasumas hin deeggaramneedha'' jedhan.

Itoophiyaan gamasheen ibsa baasten sanadi Somaalilaand wajjin mallatteessite biyyoota ollaa kamiyyuu miidhuf akka hin taane beeksifte.

Tajaajilli Kominikeeshinii Itoophiyaa ibsa baasen kanaan duras Itoophiyaan Somaalilaand wajjin buufata doonii dhibbeentaa 19 misoomsuuf walii mallatteessanii akka turan kaasun kun yeroo jalqabaaf akka hin taane ibsa.

Haa ta'u garuu Itoophiyaan alatti hanga ammaa Somaalilaandif beekamtii idil-addunyaa kenne hin jiru. Kuni ammoo Somaaliyaa kan Somaalilaand akka qaamasheetti ilaaltu baay'ee dheekkamsiise.

Somaaliyaan ambsaaddarashee Finfinneedhaa waamun hariiroo dippilomaasif ergaa cimaa qaba.

Hariiron biyyoota lamaanii garamitti deemuu danda'a? Somaaliyaan tarkaanfii seeraa akkamii fudhachuu dandeessi? Itoophiyaa wajjin lola keessuu seenuu danda'uu?

Akka Kaadhimamaa PhD kan ta'an Nagaaraa Guddataa jedhanitti waliigalteen wal-hubannoo Itoophiyaafi Somaalilaand kan dhugoomu yoo ta'e, yeroon booda mootummaan Somaaliyaafi al-Shabaab iyyuu tokko ta'anii Itoophiyaa loluu malu sodaa jedhu qabu.

Akka isaan jedhanitti, Itoophiyaan walitti dhufeenya Somaaliyaa waliin qabdurratti of-eeggannoo yoo hin goone rakkoon hariiroo dippilomaasii cimaan akka uumamu akeeku.

Ministiirri Odeeffannoo Somaaliyaa Daawud Awees Jaamaa BBC NewsHour waliin turtii taasisaniin, sanadi wal-hubannoo Itoophiyaafi Somaaliland mallatteessan birmadummaa biyyattii kan sarbuufi faallaa seera idil-addunyaa ta'uu eeruun, Somaaliyaan bifa kamiinuu birmadummaashee akka kabachiiftu ibsan.

"Bulchiinsi naannoo tokko waliigaltee idil-addunyaa silaa mootummaan Somaaliyaa mallatteessuu qabu mallatteessuun birmadummaa Somaaliyaa sarbuudha. Kanaafidha daangaa Somaaliyaarraa taakkuun tokko biyya ykn qaama kamiifuu hin kennamu kan jennuuf," jedhan qondaalli mootummaa Somaaliyaa kun.

Itoophiyaan Somaalilaand akka biyya walabaatti kan fudhattu yoo ta'e, Somaaliyaan maal gochuu dandeessi? gaaffi jedhuuf: "Itoophiyaan sochii seeraan alaa taasisaa jirtu kana itti fuftee birmadummaa Somaaliyaa akka hin sarbineef waltajjii idil-addunyaatti tarkaanfii seeraa hunda fudhachuuf qophiidha," jechuun deebii kan kennan Daawud Awees Itoophiyaa wajjin garuu waraanatti akka hin seenne himan.

Somaalilaand gamasheen Somaaliyaan rakkoo manashee osoo hin furatin dhimma koo keessa ishee hin galchu jetti.

Ministiira Dhimma Alaa Somaalilaand kan ta'an Isaa Kaayid BBC wajjin turtii taasisaniin, Itoophiyaan Somaalilaandiif beekamtii biyyummaa akka laattu ibsuun biyyoonni biroos duuka akka bu'an eeran.

"UK dabalatee biyyoonni nuti itti dubbannu hunduu beekamtii isinii kennuuf kan jalqabaa ta'uu hin barbaannu, lammaffaa ykn sadaffaa ta'uu feena nuun jedhu. Itoophiyaan biyya jalqabaa [taati]. Itoophiyaan nuuf biyya murteessituudha," jedhan.

Somaaliyaan garuu Itoophiyaan 'bulchiinsa qaama Somaaliyaa taate Somaalilaand wajjin waliigaltee raawwattee birmadummaa koo sarbite' jechuun Gamtaa Afrikaa, Mana Maree UN, fi Liigii Arabaan fa'aa birmadummaafi tokkummaan daangaashee akka kabajamuuf akka iyyattu beeksisteetti.

Qondaalli Somaalilaand Isaa Kaayid, "Somaaliyaan dhimmashee malee dhimma Somaalilaand keessa waanti ishee galchu hin jiru.

''Osoo dhimma Somaaliland keessa hin galiin dura rakkoosaanii fixanii mee dura biyya haa ta'an isaanuu," jechuun Somaaliyaan ofiifuu rakkoo keessoo heddu akka qabdu dubbatu.

Ji'oopolitiksii Gaanfa Afrikaarraatti dhiibbaa akkamii qabaata?

MM Abiy Ahmad dhimma ulaa galaanaa argachuurratti yeroo garaa garaa haasaa taasisan keessatti Itoophiyaan mariifi seera kennanii fudhachuun malee humnaan biyyoota ollaa kam waliinuu akka walitti hin buune ibsanii turan.

Itoophiyaan Somaalilaand irraa ulaa galaanaa waliigaltee dippilomaasin argachuun MM Abiy Ahmadiif milkaa'ina guddaa ta'us, Itoophiyaa biyyoota ollaa wajjin rakkoo keessa galchuu akka malu hima dhimma Gaanfa Afrikaa kan qoratu Aleeks Diwaal.

"Mootummoonni Itoophiyaa duraanii walitti dhufeenya Somaalilaand wajjin gochaa turan bifa biyyoota ollaa addumatti Somaaliyaafi Jibuutii hin mufachiifnen ture. Amma garuu waan isaan hin eegnetu uumame," jechuun sochiin Itoophiyaa biyyoota ollaaf yaaddoo ta'uu hima.

Dabalataanis, gareen al-Shabaab Itoophiyaan daangaa Somaaliyaa humnaan fudhachuufi jedhee akka dadammaqu gochuus akka danda'u kaasa.

Bara bulchiinsa Dargii Itoophiyaan akkuma ammaa kana Somaalilaand wajjin walitti dhufeenya qabaachuufi Itoophiyaarraa deeggarsa garaa garaa argachaa turuu himu Obbo Nagaraa Guddataa.

Waliigaltee kanaan Itoophiyaan ulaa galaana Somaaliland irratti humna galaanaa ijaarrachuun bu'aa guddaa ta'us, biyyoota ollaaf ammoo yaaddoo biroo uumuu akka danda'u kaasu. Sababni isaan kaasan Itoophiyaan biyya guddoo ta'uusheerraa kan ka'e humna waraanaa galaanaa gaafa dabalattu caalmaatti cimti kan jedhu sodaa qabanidha.

Haata'u garuu, Itoophiyaafi Somaaliyaan akkaataa itti walitti dhufeenyasaanirratti hojjataniifi deebii hawaasi idil-addunyaa kennu murteessaa akka ta'es kaasu Obbo Nagaraan.

Aleeks Diwaal garuu mootummaan Somaaliyaa Puuntlaand dabalatee hawaasa Somaalii hunda birmadummaa biyyaa maqaa jedhuun of-duuka hiriirsun walii-galtee kana mormuu akka danda'u kaasuun, ammatti Somaalilaand irratti tarkaanfii waraanaa fudhachuu akka hin dandeenye ibsa.

Gama biroon ammoo mootummaan Somaaliyaa biyyoota akka Masiriifi Kaatar wajjin dhimma kanarratti mariyachuu beeksiseera. Masiriin ibsa baasten "Somaaliyaa wajjinan dhaabadha" jette.

Pirezidantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud pirezidaantii Masirii Abdul Fattaah al-Siisiin waliin bilbilaan mariyatanii “Ejjennoon Masiriin Somaaliyaa waliin dhaabbachuufi nagenyaafi tasgabbiishee deeggaruu cimaadhan,” jedhan al-Siisin.

Liigiin biyyoota Arabaa ibsa Amajjii 3, 2024 baaseen waliigalteen Itoophiyaafi Somaalilaand walii mallatteessan ''birmadummaa biyya Somaaliyaa waan sarbuuf cimsinee fudhatama dhabsiisna, ni balaaleffannas,'' jedheera.

Itoophiyaan buufata doonii Somaalilaand irraa kan argattu taanan Jibuutin dorgomaan biraa waan itti dhufuuf mufachuunshee waan hin oolledha.

Xiyyeeffannoon ulaa galaanaa argachuu Ertiraa irraa gara Somaalilaanditti deebi'uun Ertiraa yaaddoo Itoophiyaa wajjin waraanatti galuu malla jedhu keessaa kan baase ta'uu kan ibsan Obbo Nagaraan, gama biraan ammoo Somaaliyaa wajjin hariiroo qabdu caalmaatti cimsachuufi deeggaruu akka dandeessu kaasu.

Mootummaan Itoophiyaafi TPLF Piritooriyaatti waliigaltee nagaa mallatteessutti Ertiraan hin gammanne kan jedhan qorataan saayinsii siyaasaa kun, amma immoo caalmaatti kan durii caala waraana Somaaliyaa leenjisuufi dhimmoota Gaanfa Afrikaa keessa lixuu akka dandeessu yaaddoo qaban ibsu.