'Waliigaltee kanaan amantaan cabes, seerri sarbames hin jiru'- Mootummaa Itoophiyaa

Ministeerri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Itoophiyaa ibsa baase

Madda suuraa, FDRE Government Communication Service

Mootummaan Itoophiyaa handaara galaanaa fi buufata humna galaanaa qabaachuuf waliigalteen Somaalilaand waliin mallatteesse muddama uumuu hordofee deebii kenneen, ''waliigaltee kanaan amantaan cabes, seerri sarbames hin jiru'' jedhe.

Amajjii 1, 2024 mootummaan Itoophiyaa Somaalilaand waliin waliigalteen waliin hojjechuu malleetteefamuu hordofee biyyi Somaalilaand qaama kooti akka biyyaatti beekamtii hin qabduu jettu Somaaliyaan ''tokkummaa daangaa lafa kootti bu'ameera'' jechuun mormii dhageessifteetti.

Waliigaltee kanaan gocha ''weeraraati'' kan jette Somaaliyaan, ambaasaaddarashee Finfinneerraa ofitti waamteetti. ''Raawwiin waliigaltichaa seera idila-addunyaa kan cabse, fudhatama kan hin arganneedha'' jechuunis ibsite.

Somaalilaand biyya kamiinuu akka biyya walabaatti beekamtii kan hin arganne ta'uufi Somaaliyaan ammoo qaama kooti jechuusheetiin muddamni dhalate.

Ministeerri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Itoophiyaa ibsa Roobii har'aa baaseen ammoo waliigalteen waliin hojjechuu Itoophiyaafi Somaalilaand gidduutti mallatteefame ''qaama ykn biyya kamuurratti dhiibbaa kan hin uumnedha'' jedhe.

Itti dabaluunis ''amantaan cabes, seerri sarbames hin jiru'' jedhe.

''Dhugaan jiru kana ta'us, gariin waliigaltee kanaan hin aaran, hin rifatan, tarkaanfii gaarii kana gufachiisuurraa of qusachuufis hin yaalan jechuu miti.''

Ibsi mootummaa Itoophiyaa kun maqaa biyyaa ykn qaama waliigaltee kanaan mufachuu danda'a jedhuu hin eerre.

Ammoo seenaa keessatti Itoophiyaan biyya handaara galaanaa qabaachaa turte akka taateefii ''ta'iiwwan seenaa keessatti raawwatamaniifi dogoggora seeraan'' waggoota 30 darbaniif biyya handaara galaanaa hin qabne taatee turuushee ibse.

''Waliigalteen alanaa kun dhukkuba biyyattii barkurneewwaniif kulkulfataa turte fayyisuuf kan hiree uumu waan ta'eef, ta'ii seena qabeessa lammiilee Itoophiyaa gammachiisudha'' jedha.

Seenaa keessatti hiree dhibbeentaa 19 buufata doonii Barbaraa Somaalilaanditti argamu fayyadamuuf Itoophiyaan waliigaltee raawwattee akka turte kan ibsu mootummaan Itoophiyaa, waliigalteen alanaa kunis adda mitii jedha.

Ammoo raawwii waliigaltee isa baroota dura turerratti ''gumgummiin hin turre, biyyootni kaanis akkuma Itoophiyaa adeemsa walfakkaata hordofanii turan'' jechuun mormii irratti ka'aa jiruuf deebii kenneera.

Mootummaan Itoophiyaa waliigalteen Somaalilaand waliin mallatteeffame Itoophiyaan galoo galaan Adan irraa buufata humna galaanaa dhaabbataa akka qabaattu, buufata doonii daldalaas akka horattu carraa uuma jedheera.

Waliigalteen bu'uura kennanii fudhachuurratti akka hundaa'e kan eeru ibsichi, Somaalilaand kana gochuu isheetiin Daandii Qilleensaa Itoophiyaa keessaa qooda akka qabaattu waliigalamuu ibseera.

Dabaltaan ammoo qaama waliigaltee kanaa ta'uun kan dhiyaate Itoophiyaan Somaalilaandiif beekamtii biyyummaa kennuuf qorannoo gadi fagoo gochuun ejjennoo qabachuutti akka deemuu maltudha. Ammatti beekamtii kennuuf ejjennoo akka hin qabannes ibsichi akeekeera.

Mootummaan Itoophiyaa ibsa isaa keessatti ta'iin amma uumame jiru kun seenaa keessatti takkaa waan mudatu waan ta'eef lammiileen garaagartummaa keenya boodatti gochuun biyya keenya tokkummaan haa baraarru'' jechuun waamicha dhiyeesseera.