Itoophiyaan lammiilee biyyoota biroo seeraan ala biyyattii keessa jiranirratti tarkaanfii fudhachuufi

Lammiilee biyyoota biroo karaa seeraan ala ta’een biyyattii keessa jiranirratti tarkaanfii fudhachuuf akka ta’e Tajaajilli Immigireeshiniifii Lammummaa Itoophiyaa beeksise.
Dhimma kana ilaalchisee har’a ALI Mudde 25 bara 2016 miidiyaaleef ibsa kan kennan Daayrektarri Olaantuun Tajaajila Immigireeshiniifii Lammummaa Itoophiyaa Aadde Salaamaawit DaawWit, ''Lammiileen biyyoota garagaraa seera immigireeshinii osoo hinguutiinfi karaa seeraan alaatiin gara biyyaa seenanii jiraachaa kan jiran, adeemsa seeraa keessa kan hingalle akka jiranis beekuu dandeenyeerra,'' jedhan.
Haaluma kanaan lammiileen biyyoota biroo hayyama jireenyaa dhaabbataa sobaa, haayyama jireenyaa kan yeroo sobaa, paaspoortiiwwan sobaa, waraqaa eenyummaa dhalattummaa Itoophiyaa sobaa, viizaa sobaa fi sanadoota sobaa biroo qabachuun socho’an akka jiran himaniiru.
Kana malees sanada seera qabeessa dhaabbatichaan kennameef osoo hin haaromsin yeroon irra darbefi yeroo dheeraaf seeraan ala biyyattii keessa kan turan akka jiranis himaniiru.
''Kana malees Viizaafi heeyyama jireenyaa osoo hin haaromsin karaa seeraan alaatiin hanga yeroo heeyyamameef ol kan turanis lakkoofsi isaanii baay’eedha,'' jedhan.
Sakatta'iinsa hanga ammaa taasifameen hayyama jireenyaa yeroo sobaa 18,000 ol, Viizaa sobaa 1,500 ol, waraqaa eenyummaa dhalattummaa Itoophiyaa sobaa 1,800 ol argamuu Aadde Salaamaawit himaniiru.
''Lammiileen biyya alaa heddummoo lammummaa biyya biraa osoo qabanuu paaspoortii Itoophiyaa dogongoraa (sobaa) qabataniiru,'' kan jedhan Aadde Salaamaawit, paaspoortiiwwan kunneen fakkeeffamanii kan hojjetaman akka ta’es himaniiru.
Dabalataan lammiileen biyyoota biroo dhaabbilee dhugummaan lafarra hinjirre hundeessuun namoonni maqaa dhaabbilee kunneeniin namoonni Viizaa fudhachuun gara biyyaa akka dhufan taasifamaa jiraachuus himaniiru.
''Kanaafuu dhaabbata osoo hin galmeessisin yookiin immoo sobaan maqaa dhaabbataa fayyadamuun lammiilee biyyoota alaa gara biyyaa galchuun damee hojii hin heeyyamamneef irratti kan bobbaasan akka jiranis qabanneerra,'' jedhan.
Gara seeraatti deebisuu
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hojiin lammiilee biyyoota alaa Itoophiyaa keessa jiran gara seeraatti deebisuu bifa duulaan akka hojjetamu himan Daayrektarri Olaantuun Tajaajila Immigireeshiniifii Lammummaa Itoophiyaa Aadde Salaamaawit Daawit.
Kaayyoon tarkaanfii kanaa ''Gara karaa seera qabeessa ta’etti seenanii, sanadoota seera qabeessa qabatanii akka jiraataniifi,'' jedhaniiru.
Kanaafis lammiileen biyyoota biroo karaa seeraan alaatiin Itoophiyaa keessa jiran gara dhaabbatichaa deemuun sanadoota isaanii akka sirreeffatan waamicha dhiyeessaniiru.
Lammiilee karaa seeraan alaan biyyattii keessa jiran sakatta'iinsa taasisuun qabaman fi ofiif dhaabbatichatti dhiyaachuun kan iyyatan akkaataa seerri biyyattii ajajuun adabuufii sirreessuun gara seeraatti akka deebi’an gochaa jiraachuu himan.
Kunneen sanada dogongoraa qabatanii jiran biroos ALI Amajjii tokkoo hanga 30 bara 2016tti gara Tajaajila Immigireeshiniifi Lammummaa deemuun sanada seera qabeessa qabachuusaanii akka mirkaneeffatan dhaamaniiru.
''Carraan kun osoo jalaa hinbahin akka fayyadamanidha. Yoo (carraan kun) darbe gara hojimaatawwan adabbii qabanitti seenna,'' jedhaniiru.
Dhimma baqattootaa
Itoophiyaan biyya gara laafummaan baqattoota heddu keessummeessitu ta’uu kan himan Aadde Salaamaawit, tarkaanfiin Tajaajilli Immigireeshiniifi Lammummaa fudhachuuf deemus baqattoota karaa seera qabeessaan galmaa’anii biyyattii keessa jiran waliin hidhata kan hinqabne akka ta'e himaniiru.
''Kuni baqattoota waliin kan walqabatu miti. Baqataan jalqabuma yeroo dhufu rakkoon irra gahee kandhufu waan ta’eef Itoophiyaan biyya baqataa karaa daangaatiinis ta’e karaa kamiinuu dhufu keessummeessitudha. Kana biyyoonnis ta’e hawaasni addunyaa ragaa kan bahudha,'' jedhan.
Kanaafis hojii baqattoota galmeessuun gara biyyaa akka seenan taasisuu dhaabbilee biroo waliin ta’uun hojjechaa jiraachuu himan.
Tarkaanfiin ammaa kun kunneen ''sanada seera qabeessa qabachuu osoo qabanuu hinqabne akkasumas sanada sobaa qabatanii kan deddeebi’an,'' kan ilaallatu akka ta’e himaniiru.












