Kooriyaan Kaabaa waliigaltee humna waraanaa Kooriyaa Kibbaa waliin qaban adda kutuun yaaddoo uume

Madda suuraa, Getty Images
Kooriyaan Kaabaa dhiphina gama waraanaan jiru hambisuuf waliigaltee waggaa shan dura Kooriyaa Kibbaa waliin mallattaa'e adda kutuunshee biyyoota lameen gidduutti yaaddoo waraanaa haaraa uume.
Kun hundi erga Kooriyaan Kaabaa saataalaayitii basaasaa gara hawaatti erguun milkaa'uu ibsitee ta'e.
Tarkaanfiin kun akka Kooriyaan Kibbaa waliigaltecha adda kutuun isheenis daangaarratti hojii basaasaa eegaltu dirqamsiise.
Yeroo ammaa Piyoongiyaang waliigaltecha guutummaatti adda kutuun, humna waraanaa cimaa fi meeshaalee waraanaa gurguddaa gara daangaatti geessuuf akka jirtu ibsiteetti.
Kooriyaan Kaabaa murtee kana wayita fudhattu akkas jette: ''Har'arraa eegalee waraanni koo waliigaltee Fulbaana 19 mallatteeffame kanaan hin taliigamu.''
Kanaaf tarkaanfiiwwan waraana qabbaneessuuf hojiirra oolaa turan hunduu akka kaafaman labsiteetti Kooriyaan Kaabaa.
Piyoongiyaang rookeetii saataalaayitii basaasaa biyyattii Malligyong-1 jedhamtu baatu Kibxata darbe gara hawaatti ergitee turte.
Ergamni saataalaayitii basaasaa kun akkaan milkaa'aa akka tures ibsite.
Duuba humni waraanaa Kooriyaa Kibbaa saatalaayitiin kun daangaashee seenuun orbitii isheerraa imaluu ibsuun tarkaanfii Kooriyaa Kaabaa kana balaaleffatteetti.
Roobii kaleessaa qondaaltonni waraanaa Kooriyaa Kibbaa gamasaanii haaloo ba'uuf duula basaasaa daangaarratti eegaluu ibsaniiru.
Meeshaalee waraanaa fi basaasaa Kooriyaa Kaabaa hordofuu fi to'achuuf tarsiimoo bocan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Biyyoonni lameenuu waliigaltee dhiphinaa fi yaaddoo waraanaa hambisuuf bara 2018 mallatteessan sarbaniiru.
Biyyoonni ollaa walii taa'anii walqoccoluun beekaman kunneen, waliigaltee yaaddoo waraanaa salphisee ture kana wayita diigan waraanni marsaa biraa akka dhalatu sodaatama.
Qondaalli Ameerikaa tokko Kooriyaan Kibbaa waliigaltee kana gartokkee addaan kutuuf kan murteessite deebii ''of eeggannoo'' ta'uu ibsuun, Kooriyaan Kaabaa waliigaltee kana ''kabachuu dhabuutu rakkoo kana dhale,'' jedhan.
Kooriyaan Kibbaa tarkaanfii kana erga ibsitee booda guyyaa itti aanu Kooriyaa Kaabaa maloota ittiin waraana daangaa biyyoota lameenii gidduutti hambisuuf fayyadamte hunda akka bakkatti deebistu ibsite.
Yoo walitti bu'iinsi dhalate Kooriyaan Kibbaa gatiishee ni argatti jechuunis akeekkachiiste.
Kooriyaan Kaabaa saatalaayitiin basaasaa hawaatti ergite of eeggannoo cimsuuf akka ta'e ibsiti.
Haata'u malee Kooriyaan Kibbaa, US fi Jappaan dantaan Kooriyaa Kaabaa miidhaa geessisuudha jechuun himatu.












