Kooriyaan Kaabaa saatalaayitii basaasaa furguggisuu ibsite

Madda suuraa, EPA
Kooriyaan Kaabaa barana yaalii yeroo lamaaf goote erga fashalaa’ee booda saatalaayitii basaasaa waraanaa milka’iinaan gara hawaatti erguu beeksifte.
Saatalayitii kana furuguggisuun kan milkaa’e erga Fulbaana darbe Hoggaanaa Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Un pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin wajjiin erga wal arganii booda.
Mooskoon sagantaa qorannoo hawaa isheetiin Piyoongiyaang gargaarte.
Kooriyaan Kibbaa saatalaayitichi hojii eegaluu hanga ammaatti hin mirkaneessine jetti.
Garuu Kooriyaan Kaabaa, Raashiyaarraa deeggarsa argatte jettee amanti.
Kooriyaan Kaabaa saatalaayitii kana furugugisuu hordofuun Kooriyaan Kibbaa daangaa Kooriyaa Kaabaa waliin qabdu deebitee akka hordoftu beeksifte.
Kana bu’uureffachuun waliigaltee biyyoonni lamaan bara 2018 mudduma waraanaa hir’isuuf walii galanii turan yeroof akka hojiirra hin oolle taasifte.
Ejensiin oduu mootummaa Kooriyaa Kaabaa akka jedhetti, saatalaayitiin maqaan ishee Malligiyong-1 jedhamtu kun ''sirriitti'' orbiitii seentee, Kiim Joong Un wayita saatalaayitiin kun furguggifamu ilaaleera jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii saatalayitii kana furguggisuu balaaleffate.
Sababa Kooriyaan Kaabaa misaa’ela niwukilaraa gabbisuu itti fufteef qoqqobbiin biyyattiirra kaa’me cimee akka ittifufu taasisa.
Barreessaan olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Guuzerees, “Kooriyaan Kaabaa teeknooloojii misaa’ela balistikii furguggistu kamiyyuu murteewwan Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii faallessa” jedhan.
Kooriyaan Kaabaa niwukilara irraa bilisa ta’uutti akka deebi’itu waamicha dhiyeessan.
Waayit Haawus tarkaanfiin Kooriyaa Kaabaa kun murteewwan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii ''garmalee kan cabsu’’ jechuun qeeqxe.
Ministirri Muummee Jaappaan Fumiyo Kishidaan Kooriyaan Kaabaa saatalaayitii furguggisuu kana ifatti balaaleffatan.
Saatalaayitiin kun bulchiinsa Jaappaan kutaa Okinawaarraan gara garba guddaaa Paasifikiitti qaxxaamure.
Mootummaan Jaappaan akeekkachisa yeroo gabaabaaf kenneen, jiraattonni Okinawaa dawoo keessaa akka turan ibse.
Kooriyaan Kaabaa Wixata darbe saatalaayitii akka furguggistu Jaappaanitti himtee turte.
MM Jaappaan Kishidaan saatalayitii furguggisuu kana ''jecha cimaan'' balaaleffatan.
"Kaayyoon isaa saatalaayitii furguggisuu ta'ullee, teeknooloojii misaa'ela balistikii fayyadamuun murteewwan Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii ifatti cabsuudha," jedhan Kishidaan.
"Dhimma baayyee jabaa, nageenya ummata keenyaa balaarra buusu" jedhan.
Miidiyaan biyyattii KCNA Ejensii hawaa Kooriyaa Kaabaa wabeeffachuun akka jgabaasetti, bakki satalayitiin kun furguggifama kaaba dhiha biyyattii, daangaa Chaayinaatti dhihoo jirutti argama.
Kooriyaan Kaabaa saatalaayitii basaasaa milkaa'inaan furguggise jettu kana hanga ammaatti hin mirkanoofne.
Rookkeettiin kun saatalaayitii basaasaa ta'uun ishee yoo mirkanaa'e, bara kana Kooriyaan Kaabaa yaalii saatalayitii furguggisuu si’a sadaffaaf yaalte.
Kanaan dura Jaappaan Kooriyaa Kibbaa fi US waliin ta'uun Kooriyaan Kaabaa saatalaayitii furguggisuu akka itti hin fufne ''cimsitee gaafachuuf'' akka hojjettu ibsite turte.












