Kiim Joon- un maalif dhiibbaa baay’isa?

Kiim Joong- Un

Madda suuraa, KCNA

Gaarreffannaan Kooriyaa Kaabaa wajjin godhamu takka ni hammaata, takka ammoo ni qabbanaa’a.

Garuu haalli amma galoo galaana Kooriyaa keessa jiru waggoota shanii as yaaddessaadha.

Ji’a darbe misaa’elli Kooriyaan Kaabaa dhukaaste Jaappan irra darbuun galaana keessatti dhidhime.

Yeroo misaa’elli kun Jappaan irra darbu jiraattonni sodaatanii dahoo barbaacha olii gadi fiiguu jalqaban.

Kuni ammoo taatee dubbii hammeessu fi Jaappaan yaaddessee tureedha.

Kooriyaan Kaabaa kanaan hin dhaabne, xayyaarota waraanaa daangaa Kooriyaa Kibbaatti dhiyaachun balaliistee, dhukaasa gara daangaa biyyoota lamaan gidduu jiruutti dhukaaste.

Kooriyaan Kaaba fi Kibbaa akka yaadaatti waraanatti jiru- walii galteen waraana dhaabuu jidduu isaanitti mallatteeffame hin jiru.

Onkoloolessa 24 doonin daldaalaa Kooriyaa Kaabaa daangaa bishaan biyyoota lamaa cehuu irraa kan ka’e biyyoonni lamaanuu dhukaasa akeekkachiisaa akka walitti dhukaasan taasise.

Kooriyaan Kaabaa itti yaaddee akka goote Kooriyaan Kibbaa ibsitee jirti.

Kooriyaan Kaabaa misaa’ela kan dhukaastuuf sababoota sadiifi- teekonolojii waraana ishee yaalii gootee fooyyessuuf, ergaa siyaasaa addunyaaf (addumatti US) dhaf erguufi ummanni ishee biyya keessa fi ala jiran kana arganii mootummaa biyyattiif akka amanaman gochuudha.

Miidiyaan Kooriyaa Kaabaa akka gabaasetti dhukaasni fi shaakalli biyyattiin goote shaakala waraanaa US, Koriyaa Kibbaa fi Jappaan waliin taasisaniif deebii kennuufi.

Kooriyaan Kaabaa diinonni ishee haala jiru hammeessaniiru waan ta’eefan akeekkachiisuf dhukaase jettee ibsiti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Biyyooni akka US, Kooriyaa Kibbaa fi Jappaan shaakala waraanaa waliin yeroo gaggeessan hundumaa Kooriyaan Kaaba biyyoonni kun na weeraruufi jechuun misaa’ela dhukaasti.

Haa ta’u malee sababni Kiim Joon Un dhiibbaa baay’isuuf qabatamaa miti. Namoonni tokko tokko boombii nikularaa yaalii gochuuf dursee haala mijeessaa jira jedhu.

Bara darbe Kiim gosoota meeshaa waraanaa shan gabbisuuf karoora akka qabu beeksise. Amma Kiim xiyyeeffannoo barbaada. Addunyaan guddina inni agarsiise akka argitu barbaada. Qoqqobbiin Kooriyaa Kaabaa meeshalee waraanaa gabbisuu irraa deebisuu hin dandeenye. Garuu qoqqobbii irra kaa’ameen diinagdeen biyyattii haalan miidhameera.

Pirezidaantiin US Joo Baayidan hanga Kooriyaan Kaabaa boombii nikularaa hiikkatutti qoqqobbiin akka itti fufu ibsan.

Gama biraan US fi Koriyaan Kibbaa shaakala waraanaa taasisuun humna ittisaa isaanii jabeessuf walii galaniiru.

Dhiyeenya kana Kooriyaan Kaabaa misa’elaa fi dhukaasa garaa garaa dhukaasuu hordofee Kooriyaan Kibbaas xayyaarota waraana fi rookkeettiwwan gara daangatti geessitee jirti.

Kiim US wajjin waan barbaadu irratti walii galuuf biyyi isaa hangam yaaddoo akka taate baruu qaba. Ji’a darbe Kooriyaan Kaabaa biyya boombii nikularaa hidhatte ta’uu ishee fi kuni waanta hin jijjiiramne ta’uu ibse ture.