Kooriyaan Kaabaa misaayila Jaappaanirra qabdee dhukaaste

Madda suuraa, Getty Images
Kooriyaan Kaabaa misaayila fageenya giddugaleessaa qabaachuu hin oolle jedhamee yaadamu Kaaba Jaappanirra dhukaaste.
Dhukaasa kana hordofuun mootummaan Jaappaan uummanni odola Hokkayidoo yeroo dhukaafamu sanatti dawoo keessa akka turan akeekkachiisuun, imala baaburaa muraasa yeroof addaan kute.
Kooriyaan Kaabaa erga bara 2017 asitti yeroo jalqabaatiif Jaappaanirra dhukaaste.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii yaalii misaayiloota fi niwukilaaraa akka hin gaggeessine Kooriyaa Kaabaa dhorkee ture.
Mootummaan Jaappaan akkeechisa ‘’Kooriyaan Kaabaa misaayila waan dhukaaste fakkaata. Kanaaf gara dawootti dhaqaa maaloo,’’jedhu baase.
Qondaaltoonni Jaappaan akka jedhanitti, misaayilichi garba guddaa Paasifik keessa bakka km 3,000 fagaatutti bu’e.
Taatullee namni dhukaasa kanaan madaa’e hin jiru.
Ministirri Muummee Jaappaan Fumiyoo Kishidaa dhukaasa misaayilaa kana balaaleffatan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kishidaan, dhukaasicha‘’amalaa dubbii barbaachaati’’ jedhanii ibsan. Mootummaan Jaappaanille dhimma kanaarratti marayiachuu kora tasgabbii biyyattii waame.
Kooriyaan Kaabaa kan misaayila kana dhukaasteef qalbii warreen Jaappaani fi Ameerikaa harkisuuf kan raawwatte fakkaata.
Biyyoonni lachuu hogganaa Kooriyaa Kaabaa waliin hariiroo dansaa gaarii qabaachaa hin jirani.
Akka duudhaa sadarkaa addunyaatti jirutti akeekkachiisa tokko malee misaayila biyya tokkorra qaxxamursuu ykn gara biyya tokkootti dhukaasuun tasumaa hin danda’amu.
Eeshiyaa Bahaatti dippiloomaatiin Ameerikaa Daani’eel Kiritenbiriik murtoo Kooriyaa Kaabaa kanaa’’gaabbisiisaadha,’’ jedhe.
Jalqaba torban darbeerraa kaasee Ameerikaa, Kooriyaan Kibbaa fi Jaappaan shaakala waraanaa waloo gaggeessaa wayita turanitti dhukaasni misaayilaa kun dhaga’ame.
Piyoonyaang shaakala waraanaa kana dubbi-barbaacha jechuun ibsite. Piyoonyaang torban tokko keessatti marroo shanaffaaf misaaayila
kana dhukaaste.












