Kooriyaan Kibbaa rookeetii gara hawaa erguun maaliif Kooriyaa Kaabaa yaaddesse?

Madda suuraa, EPA
Kooriyaan Kibbaa rookeetii yeroo jalqabaaf biyyasheetti hojjette gara hawaatti ergite, tarkaanfiin kun fedhii biyyattiin saayinsii hawaan guddachuuf qabdu kan milkeessuudha.
Saataalaayitiin Nuri jedhamu iddoo magaalaa guddoo biyyattii irraa kiilomeetira 500 irratti kan argamtu Goheung keessaa dhuka'e.
Kooriyaan Kibbaa biyyoota milkaa'inaan saataalaayitii gara hawaa ergan keessaa torbaffaa taateetti.
Biyyattiin saataalaayitii gara hawaa kan ergite wayita Kooriyaa Kaabaa waliin dhibdee meeshaalee waraanaa keessa jiranittidha.
Lamaanuu tibbana yaalii dhukaasa meeshaa gaggeessaniiru.
Saataalaayitiin Kooriyaa Kibbaa kun qixaayee xumuramuuf doolaara biiliyoona 1.6tu itti ba'e.
Ulfaatina toonii 200 fi dheerina meetira 47.2 kan qabuudha.
Rookeetiin kun rakkoo tokko dhukaafamtee hawaa keessa akka dhidhimte miidiyaan biyyattii fi qondaaltonni gammachuun ibsaa turan.
Kooriyaan Kibbaa hanga bara 2027'tti saataalaayitii Nuri jedhamtu kana yeroo afur gara hawaa erguuf karoora akka qabdu himte.
Kunis dhugummaasaa mirkaneessuuf ta'uu Inistitiyuutiin Qorannoo Hawaa Kooriyaa Kibbaa himeera.
Kooriyaan Kibbaa burqaa teeknooloojii ammayyaa gurguddaa taatus guddina teeknooloojii hawaatiin garuu boodatti haftee jirti.
Kanaan dura bara 2009 fi 2010 keessa yaaltee harkaa fashalaa'e
Biyyattiin bara 2030tti saataalaayitii gara ji'aa erguuf akka jirtus beeksifteetti.
Yaaddoo Kooriyaa Kaabaa
Kooriyaan Kibbaa rookeetii Nuri jedhamu fayyadamuun saatalaayitii gara hawaa erguu himtus, sochiinshee kun garuu akka waan meeshaa waraanaa gabbisaa jirtuutti fudhatameera.
Rookeetiin gara hawaa erguuf gargaaruu fi misaa'elli fageenya dheeraa furguggifamu teeknooloojii walfakkaataa fayyadamu.
Kooriyaan Kibbaa dhiyeenya kana shaakalli dhukaasa misaa'elii bishaanirraa gaggeessitee turte.

Madda suuraa, EPA
Kooriyaan Kaabaas wayita kana meeshaalee waraanaa gosa garaagaraa shaakalaa jirti.
Dhiyeenya kana misaa'eloota kanaan dura mul'atanii hin beeknee fi kanneen fageenya dheeraa furguggifaman oomishuu ibsaa turte.
Jalqaba torbee kanaatti gara galaa Jappaanitti misaa'ela dhukaasuus ibsitee turte.
Kooriyaan Kibbaa saatalaayitii gara hawaa furguggisuunshees shakkii akka itti uume ibsiteetti.














