Masriifi Jibuutiin bulchiinsa qaama Galaana Diimaarratti ejjennoo waloo qabatan

Madda suuraa, Ismail Omar Guelleh/fb
Masrii fi Jibuutiin ''bulchiinsi fi nageenyi'' Galaana Diimaa fi Galoo Galaana Aden ''ittigaafatamummaa'' biyyoota qaamolee bishaanii kanaan daangeffamani ''qofa'' ta'uu irratti waliigaluu isaanii preezdaantiin Masrii Abdel Fattaah Al-Siisii beeksisaniiru.
Kaleessa, Roobii, Ebla 23/2025 Prezidaantiin Masrii Al-Siisii daawwannaa guyyaa tokkoof gara Jibuutii kan imalan yoo ta'u, Pireezidaantii biyyattii Ismaa'eel Omar Giillee waliin wal arganii haasa'aniiru.
Preezdaantiin Jibuutii Ismaa'eel hoggantoonni lamaan dhimmoota naannoo irratti mari'ataniiru jedhan. Haasaa kana keessattis dhimmi Somaaliyaa fi Sudaan ka'uu eeraniiru.
Akka Pirezidaanti Ismaa'el jedhanitti, dhimmi naannoo kan biraan hoggantoonni lamaan irratti mari'atan Galaana Diimaa fi Galoo Galaana Aden ilaallata. Biyyootni lameen Galaana Diimaa fi Galoo Galaana Aden kan walqunnamsiisu ulaa Baab el-Mandeb irratti mari'achuu isaaniis Pireezidaantiin Jibuutii beeksisaniiru.
Ulaan kun naannoo tarsiimoo guddaa qabu ta'ee Jibuutii, Eertiraa, fi Yaman keessatti argama. Pirezidaantonni lamaan kun "haala nageenyaa" Galoo Galaanaa kanarratti mari'ataniiru jedhameera.
Pireezidaantiin Jibuutii Ismaa'eel akkasumas, koridoorii daldala idil-addunyaa murteessaa ta'e Galaana Diimaa keessatti ''daldalli galaanaa bilisaa'' akka jira tumsa cimsuu fi galaana keessatti ''tasgabbii mirkaneessuuf'' waliigaluu isaanii beeksisaniiru.
Pirezidaantiin Masrii Abdel Fattah al-Siisii gama isaaniitiin haasaa taasisaniin, ''haala yeroo ammaa Gaanfa Afrikaa fi naannoo Galaana Diimaa'' ilaalchisee pirezidaantii Jibuutii waliin marii ''bal'aa'' taasifneerra jedhan. Biyyoonni lamaan Galaana Diimaa keessatti ''qormaata waloo'' irratti mari'achuu isaaniis gabasame.
Preezdaant Al-Siisiin haasaa isaanii keessatti; qabxiilee waliigaltee pirezidaantii Jibuutii waliin irra ga'an yoo ibsan, "Daandiiwwan daldala idil-addunyaa murteessoo ta'an irratti balaa nageenyaa fi bilisummaan sochoo'uurratti aggaamamu kamuu shakkii malee akka morminu mirkaneessineerra" jedhan.
Dabalataanis ''barbaachisummaa qajeeltoowwanii fi bu'uuraalee nageenya naannoo eeguu'' irrattis waliigaltee irra ga'uu isaanii dubbataniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Al Sisiin Dhimmi biraa pirezidaantii Jibuutii waliin waliigalteerra geenye jedhan bulchiinsa Galaana Diimaa fi Galoo Galaana Aden ilaallata.
Hoggantoonni lamaan kun ''bulchiinsi fi nageenyi ''koridoorii daldala galaanaa idil-addunyaa murteessaa ta'e'' kanaa itti gaafatamummaa biyyoota ollaa qofa akka ta'e waliigalteerra ga'uu beeksisaniiru.
Masriin dhimma bulchiinsa Galaana Diimaa ittigaafatamummaa biyyoota qaama bishaanii kanaan daangeffamanii qofa akka ta'e yeroo ibsitu kun yeroo jalqabaa miti.
MInistirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad ulaa galanaa argachuun Itoophiyaaf "dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuuti" jechuun barbaachisummaa galaanni diimaa nageenyaaf qabu irra deddeebiin dubbachuu isaanii hordofee ejjennoon Masrii kun deddeebi'ee dhagaahama.
Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa gara xumuratti dhiyaate ilaalchisee waggootaaf mormii dhageessisaa kan turte Masriin fedha ulaa galaanaa argachuu Itoophiyaa mormuun biyyaoota naannichaa irratti qindessaa jirti.
Muummichi ministeeraa Abiy Itiyoophiyaan galaana Diimaa irratti buufata doonii qabaachuu akka barbaaddu yeroo beeksisan, "Galaana Diimaa fi Abbayyaa qabeenya uumamaa Itoophiyaa ibsudha" jedhaniiru.
Ministirri Dhimma Alaa Somaaliyaa Ahmed Mo'aliim Fiqii Mudde keessa daawwannaaf wayita gara Masrii imalanii tures ejjennoon kun dhagaahamee ture.
Ministirri Dhimma Alaa Masrii Badr Abdellatii haasaa taasisaniin Galaana Diimaa ''biyyoota ollaa qofti'' itti fayyadamuu akka qabanii fi ''qaamni biraa kamiyyuu'' Galaana Diimaa akka hin seenne dubbatanii turan.












