Qonnaan bulaan dubartoota lama ajjeesee booyyee sooruun shakkame dheekkamsa kaase

Maariyaa Maakgaatoon haadha ijoollee afurii turte

Madda suuraa, Makgato family

Dubartoota gurraacha lama ajjeessuun booda booyyeef soore jedhamuun qonnaan bulaan adii Afrikaa Kibbaa hojjettootasaa lama wajjin shakkamaa jira.

Maariyaa Maakgaatoo kan ganna 45 fi Lusiyaa Ndloovuun kan ganna 34 naannnoo Polokiwaanee jedhamu kan bulchiinsa Limpooppootti dhiyaatutti nyaata barbaadaa turan yeroo itti dhukaafame.

Shakkiin jiru sana booda reeffi isaanii booyyeef akka soorame yoo tahu, kunis ragaa balleessuuf jecha dha.

Manni murtii yeroo ammaa kanatti abbaa lafa qonnaa nama ganna 60 Zakkaariyaa Jonaas jedhamuufi hojjettootasaa lamaaf wabii kennuufi dhiisuurratti murteessuuf jira.

Jarri sadeen hamma yoonaa jecha kennuuf mana murtiitti dhiyaatani hin jiran.

Kanaan dura waan ittiin shakkaman yeroo dhagahametti mormitoonni alaa mirgi wabii akka hin kennamneefi falmaa turan

Obboleessi Aadde Maakgaatoo Wooltar Maatoolee taateen kuni inumaa lammiilee gurraachaa fi adii biyyattii gidduu muddama uumeera.

Taateen akkasii sirni appaartaayidii dhaabachuun waggaa 30 boodallee iddoowwan baadiyyaa biyyattii keessatti baay'inaan mul'ata jedheera

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Namoonni sadeen abbaa warraa Aadde Indooloovuu lafa qonnaatti wajjin ture ajjeesuuf yaaluutinis kan shakkaman yoo tahu, meeshaa waraanaa eyyama hin qabne dhuunfachuunis himannaan irratti dhiyaachuuf jira.

Mabutoo Indooluuvuun dhukaasa irraa erga hafeen booda lafarra harkifamaa hakiima gargaarsaaf waammate.

Maakgaatoo waan tahe hunda poolisiitti gabaasee boodarra poolisoonni reeffa obboleettisaa isaafi kan dubartii ishee kaanii dallaa booyyee keessatti bososuun booda argachuu himan.

Maakgaatoo poolisoota wajjin deemuun reeffa arguu himuun qaamni obboleettisaa walakkaansaa bineensaan nyaatameera jedhe.

Jarri kunneen gara qonnaa nama adii kanaa kan deeman oomisha nyaata yeroo dhihootti yeroonsaa itti darbu booyyeef kennamu fudhachuuf ture.

''Haati koo du'a hamsaa duute waan hunda nuu goote, sababa isheen waan dhabnu hin jiru ture,'' jechuun ilmi hangafaa Aadde Maakgaatoo hangafaa Raantii Maakgaatoo dubbate.

''Himatamtooni wabii yoo dhorkaman rafeen bulaa,' jechuunis ibseera.

Paartiin mirga bilisummaa diinagdeef falmu Economic Freedom Fighters (EFF) qonnaan sun guutummaa guutuutti cufamuu qaba jedheera.

''Oomishni qonnaa kanatti oomishamuu fayyaa maamilotaa irratti miidhaa waan qabuuf,'' jechuun qorannoo nyaatarratti taasifamen booda bu'aa argame eeruun ibse paartichi.

Koomishiniin Mirga Namoomaa Afrikaa Kibbaa ajjeechaa raawwate balaaleffachuun haasaa farra sanyummaa hawaasa dhimma kanaan dhibbaan irra gahaa jirutti akka adeemsifamu gaafateera.

Gareewwan qonnaan bultoota warra adii bakka bu'uun falman yeroo baayyee hawaasni kunneen sababa yakka babal'atee jiruun haleellaan akka itti aggaamamu soadaatu jedhan.

Kanaan duras taateewwaan lama muddama sanyummaa hameessanii ture.