Namticha bara Appaartaayidii gurraachota adamsee ajjeesaa ture

Namichi yeroo sirna Appaartaayidii gurraachoota Afrikaa rasaasaan ajjeesaa ture poolisiin ajjeesi jedhee jajjabeessaa akka ture BBCtti hime.
Luwiis Vaan Shuur jedhama.
Ajjeechaa yeroo eegumsarra ture raawwateef namoonni biroos itti gaafatamuu qabu jedha.
Waggoota afran darban BBC Afrikaatti taateewwan suukaneessaa kan himan yoo ta’u, mana hidhaatii dafee gadhiifamuun isaa gaaffii kaaseera.
Kutaan ciisichaa Vaan Shuur baayyee qulqulluudha.
Garuu kutaa ciisichaa isaa foolii tambootu guute.
Hambaan fiixee sigaaraa qodaa itti kuusu guuteera.
Waraqaan korniisii manarratti maxxanfame moofa’ee, baqaqeera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bookeewwan duute itti duuddetti.
Namtichi maqaan maqaa masoo Ajjeessaa bara Appartaayidii ykn "Apartheid Killer" jedhu itti moggaafame kun ilkaan bubuqqa’eera.
Dhukkubsataa fakkaata. Dhiheenya kana dhukkuba onneen qabamuu hordofee miilli isaa lamaan murame.
Wiilcheeriin deema. Qaamni isaarraa godaaannisa danuutu mul’ata.
Ogeeyyiin baqaqsanii yaaluu miila isaa yeroo muran, qoricha of dhukkuubbii nama dagachiisu anisteezhiyaa osoo hin taane, dawaan epidural jedhamu akka kennamuuf gaafate ture.
Namtichi kun kana kan gaafateef miilli isaa wayita citu ilaaluuf ture.
"Waan raawwatamu ilaaluun barbaade" jedha kolfee.
Akkuma jedhe miillisaa yeroo irra muramu argeera. ‘’Lafeekoo uree seene" jedhe.
"Akka namoonni yaadanitti ani seexanaas miti," jedha Vaan Shuur.
Sirni Appaartaayidii Afrikaa Kibbaa keessa bara 1980 ture olaantummaa warra adii leellisa ture.
Yeroo sana Vaan Shuur waggoota sadii keessatti namoota 39 ajjeese.
Namoonni ajjeefaman hundisaanii gurraachoota Afrikaa Kibbaa turan.
Namoota ajjeese keessaa umriin inni xiqqaan waggaa 12 ture.
Ajjeechaa kana kan raawwate bakka ‘East London’ jedhamu, Afrikaa Kibbaa Baha Keep keessatti argamutti ture.
Vaan Shuur yeroo sanatti hojjataa eegumsaa ture.
Manneen nyaataa, manneen daldalaa, warshaalee fi manneen barnootaa dhibbeentaa 70 kan warra adii eega ture.
Yeroo dheeraaf namoonnin ajjeese "yakkamtoota" jedhee yaada ture. Gamoowwaan wayita seenaniin qabe jedha.
Vaan Shuur yeroo kaan halkan tokkotti namoota hedduu ajjeese beeka.
Kunis namoota bakka Baha Landan jedhamee beekamu keessa jiraatan shororkeessa.
Namichi areeda dheereffate tokko maqaa ijoollee "Whiskers" jedhamu beekamu halkan nama butee jedhamee naannichatti haasa’ama ture.
Haa ta’u malee, Vaan Shuur rasaasaan ifatti namoota ajjeesaa ture.
Namtichi kun ajjeeechaa bara 1986 fi 1989 gidduutti raawwate poolisiitti dhaqee himaa ture.
Haa ta’u malee Nelsan Maandeellaan bara 1990 mana hidhaatii yeroo bahan, mirgi himatamu dhabu Vaan Shuur irraa mulqame.
Maandeellaan hidhaarraa erga hiikamanii booda Afrikaa Kibbaatti jijjiiramni sirnaa dhalate.
Sana booda Vaan Shuur bara 1991 to'atame.
Dhaddachi Vaan Shuur seenaa Afrikaa Kibbaa keessatti dhaddacha ajjeechaa guddaa keessaa tokko yoo ta'u, namoonni kurnatti lakkaa’man ragaa bahuu kan dhiyaatan yoo ta’u, ragaa barreffamaa fuula kumaatamaan lakkaa'amu qabu dhiyaatera.
Haa ta'u malee yeroo sanatti qaama seera hiiku sirna Appaartaayidiin guutummaatti aangoorraa waan hin kaafamne namoota 39 ajjeesus, ajjeechaa namoota torba qofatu balleessan itti muramee, waggaa 12 qofa hidhame.
Ajjeechaa namoota 32 biroo ammallee poolisiin akka "ajjeechaa isa hin gaafachiifnetti" ilaala.
Namoota seerotni bara Appaartaayidii darbanii hidhamuu morman ykn miliqan irratti humna guddaa fayyadaman eeyyamamee ture.
Vaan Shuur seera bara Appaartaayidii kana fayyadamee yakkarraa bilisa ta’uu falmata.
Namoonni miliquuf yaalan akka ajjeese dubbata.

Vaan Shuur ‘’ajjeechaa yakkaan nama hin himachiifne’’ jedhuun kana gareen qorannoo BBC gabaasa poolisii irraanfataman, bu'aa qorannoo reeffaa fi ragaa namoota ijaan arganii sakatta'eera
Qorannoon turtiii waggootaan lakkaa’amu kan fudhate yoo ta’u, goda hambaalee magaalota Keep Bahaa hedduu keessatti argaman keessatti hirmaachiseera.
Sanadoonni barbaachisoo saanduqa keessatti kuufamaniii argaman.
Gaazexeessituu Isaa Jaakoobsan garee qorannoo kana hooggante ''wanti hundi ajaa'iba'' jette.
"Manni murtii dhimma kanaotoo arguu bira taruun nama ajaa'iba," jette.
Isaan wanti dinqisiifate rasaaasaa Vaan Shuur madeessee jalaa miliqan raga bahaniidha.
Ragaan namoonni bahan kan Vaan Shuur osoo miliquuf fiiganiin itti dhukaase jedhuun wal faallessa.
Waardiyyaa yeroo sanatti kan ture Vaan Shuur, qawwee mm 9 hanga tokko atomaatikii ta’e hidhata ture.
Meeshaan waraanaa kun miidhaa guddaa akka geessisu beekama.
Yeroo tokko rasaasaa sagal nama meeshaa waraanaa hin hidhanneetti dhukaasuu ragaan argame mul’iseera.
ALA Adoolessa 11, 1988 Vaan Shuur ol adeemaa umrii ganna 14 maallaqa sharafachuuf mana seenu barbaadetti dhukaase.
Nageenya isaaf jecha namni maqaan isaa akka hin eeramne gaafate tokko ,yeroo Vaan Shuur qawwee fudhatee itti dhukaasuuf ka’u mana fincaanii keessa akka dhokate dubbate.
Waardiyyaan kun gurbaa ol adeema umrii kurnanii keessa jiru iddoo dhokatee erga baasee booda dallaa qabsiisee irra deddeebi'ee itti dhukaase.
Gurbaa ol adeeman sun du’arraa hafuus, kan inni himatu nama amanamu hin arganne.
Sana booda gamoo sana humnaan cabsee seene jedhamuun himatame.
Dargaggoonni fi ijoolleen ol adeemoon Afrikaa Kibbaa hedduu hiree kanaan walfakkaatutu mudate.
Yeroo Vaan Shuur himatamu dargaggoonni hedduun raga bahaniiru, abbaan murtii garuu ragaan isaanii "gatii hin qabu" jechuun fudhatama dhabsiise.

Vaan Shuur dhaddachatti wayita dhiyaatu warreen adiin hedduun Baha Landan keessa jiraatan namicha kana deeggaraa turan. Daldalaan tokko barreeffama "Luwiis nan jaalladha" jedhu qabatee argameera.
Afrikaa Kibbaatti poolisiin ammallee galmee Vaan Shuur banee yakka bara 1980 eegalee raawwateef qorachuu danda'a.
Daldaltoonni Vaan Shuur qabeenyaasaanii eeguuf irra caalaan isaanii yeroo namni yeroo suuqii seenu Vaan Shuuriif dhaamsa ergu.
''Miila qullaan deema. Ani kophee waan hin hidhanneef sagaleen homtu hin dhagahamu" jedha.
Vaan Shuur; "Ani gurraachota nan ajjeesa jedhee yaadee hin beeku, jibba sanyummaa hin qabu" jedha.
Garuu namoota gurraacha dukkana keessa adamsuu fi ajjeesuun ''bashannana,'' jedha.
Namichi kun waardiyyaa eegumsaa ta’ee qacaramuu isaa dura waggoota 12’f qondaala poolisii Baha Landan ta'uun hojjeteera.
"Saroota adamsituu" harkiisee deemuun kan beekamu Vaan Shuur, mormitootaa fi yakkamtoota sareedhaan ariyata.
Tarkaanfii poolisiin kan miidhaman hundi isaanii sadarkaa jedhamuun gurraacha turan.
"Ani ajjeechaa jumlaa hin tasumaa raawwanne" kan jedhu Vaan Shuur, wantiin raawwadhe hundi "adeemsa seera kan eeggate" ture jedhee amana.
Ajjeechaa kanaaf kan mufatan yoo jiraatan poolisii Afrikaa Kibbaa komachuu qabu jedha.
Akka inni jedhutti poolisiin gocha isaa kanaaf takkaa qeeqee ykn akeekkachiisee hin beeku. Tarkaanfii walfakkaatu akka fudhatu irra deddeebi’anii jajjabeessu akka turan eere.
''Poolisiin Baha Landan hundi waan raawwannu ni beeku. . . . Qondaaloonni poolisoonni hundi ni beeku turan," jedha.
Ragaan Jaakoobsan sanadoota ummataaf ifatti dhiyaataniirra akka argattetti, yeroo ajjeechaa muraasa Vaan Shuur raawwatu poolisiin bakkichatti argamaniiru. Haa ta’u malee poolisiin takkaa namticha kana himatanii hin beekan.
Yeroo hedduu poolisiin ajjeechaa raawwataman qoratees hin beeku, raga barbaachisan hin sassaabu.
"Sababni Vaan Shuur jumlaan ajjeesaa ta'eef hawaasni isatti dhiyoo turan sababa isa jajjabeessaniifidha," jetti Jaakoobsan.
Namoonni firoottan isaanii jalaa ajjeefaman Vaan Shuur bilisaan oliif socho’uun , akkasuma, mannii murtii yakka raawwatame sirnaan qorachuu dhabuun hedduu isaan dhiphisa jetti.
Maatiin muraasni amma yoonaatti reeffa firasaanii arganii awwaallachuu akka hin dandeenye eerte.












